Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaa: Viidiyoon dubartoonni bishaan barbaacha balaaf saaxilaman mul’ise ijoo dubbii ta’e
Indiyaa, bulchiinsa Madyaa Piraadesh keessatt viidiyoon yemmuu dubartiin tokko bishaan warraabachuuf jecha keenyaan boolla bishaanii gadi fagoo bu'aa jirtu agarsiise hanqinni bishaanii naannicha mudate hangam cimaa akka ta'e kan saaxileedha.
Viidiyoon kun yeroo dubartiin kun bishaan waraabuuf jecha funyoo malee kenyaan boolla bishaanii kanarra gadi buutu mul'isa.
Erga boolli bishaaniifi burqaan bishaanii naannichaa goganii booda jiraattonni baadiyyaa Gusiyaa, gocha lubbusaanii balaaf saaxilu akkanaa gochuuf dirqamaniiru.
Indiyaa keessatti nannooleen biroo hedduu rakkoo hanqina bishaanii wal fakkaataan miidhamuu maddeen ni mul'isu.
Viidiyooleen yeroo lammiileen Indiyaa tokko tokko bishaan argachuuf jecha balaaf of saaxilan agarsiisan, yeroo garaa garaatti ni qoodamu.
Ebla keessas haalumaa walfakkaatuun dubartiin tokko Maharashtira keessatti yeroo bishaan waraabbachuuf jecha boolla bishaanii keessa seentu viidiyoon mul'isu qoodamaa ture.
Akka gabaasa addunyaa bara 2019'tti, Indiyaan biyyootii 17 "rakkoon bishaanii garmalee cimaan keessatti jirudha'' jedhaman keessa tokko ta'u ishee ibsameera.
Gabaasi kun akka jedhutti, naannoleen rakkoo kanaan guddaa hubaman keessaa bulchiinsonnti Maadya Piraadesh, Punjaab, Raajastaan, Uttar Piradeesh, Gujaraat, Uttarakhaand fi Haryaana ni argamu.
Hanqinni bishaanii akkasii kunis bulchiinsoota tokko tokkootti waqxii bonaa hundatti irra deddeebiin kan uumamudha.
Bulchiinsi naannichaa bara 2024tti tajaajilli bishaanii qulqullu gandoota hunda keessatti akka waliingahuu waadaa seenulleen, garuu namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman ammayyuu bishaan dhugaatii argachaa hin jiran.
Baadiyyaa Gusiyaa keessatti, jiraattoonni aaran mootummaa irratti mormii qaban ibsuuf filannoo naannicha irratti akka hin hirmaanne ibsu.
"Bishaan waraabbachuuf boolla bishaanii baayyee gadi fagoo keessa gadi bu'uu qabna. As boolla bishaanii sadiitu jira, hundisaanii guutummaa guututti goguu ga'aniiru. Ujummoo bishaanii hin jiru," jechuun dubartiin tokko miidiyaa ANI'tti aariishee himte.
"Qondaaltonni mootummaa fi hoggantoonni siyaasaa yeroo filannoo qofa gara kana dhufu. Bara kanas yoo dhiyeessitii bishaanii arganne malee filannoorratti sagalee keenya kennuu dhiisuuf murteessinedha," jetti.
Lammileen Indiyaa hedduu miidiyaa hawaasummaa irratti, viidiyoon "onnee nama cabsu" jedhaniin kanarratti anga'oonni ummata akka gargaaraniif waamicha taasisaniiru.
Indiyaan biyyoota addunyaa bishaan baayyee lafa jalaa baasaan keessaa tokko -ammalleen jiraatonni hedduun maddi bishaan isaanii inni guddaan boolla qotameedha.
Baankiin Addunyaa akk jedhutti bulchiinsota biyyattii harki sadii keessaa lama kan ta'an hanqina bishaan lafa jalaatiif saaxilamaa jiru.
Bara 2050'tti Indiyaan rakkoo bishaanii guddaaf saaxilamuu akka maltu tilmaamama. Magaalonni 30 ammoo haala balaa guddaa jedhamu keessatti argamu.