Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa jaalalaa loltuu Itoophiyaa booji'ameefi qabsooftuu Ertiraa walitti fide
Seenaan jaalalaa dagaagee firii godhate kun diina gamaafi gamanaa dirree waraanaa irratti wal waraanaa turan gidduutti uumamedha.
Obbo Maammoon Itoophiyaadhaaf, haati warraa isaa ammoo Ertiraadhaaf duulanii dirree waraanaatti bobbaafaman.
Dirree waraanaa keessatti garuu jaalalli karra onnee isaanii walitti bante.
Obbo Maammoon jalqaba jaalala loltoota Shaabiyaatiin, booda ammoo kan TPLF'fiin booji'aman.
Obbo Maammoon bu'aa ba'iifi seenaa jaalaa isaanii dhiyeenya kana, "Aantu Be Innaat" ["አንቱ በእናት"] mata-duree jedhuun kitaaba barreessaniiru.
Kitaabicha keessatti ofii isaaanii maqaa qooddataa 'Jootee' jedhuun bakka buusuun dhiyeessan.
Kitaabni Aantuu Be Innaatuu Jootee seenaa dhugaa Obbo Maammoo Afataa fi haadha warraa isaanii dhugaa kan seenessu yoo ta'u kana irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Ijoollummaa
Obbo Maammoon Naannoo Oromiyaa, Wallagga Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Sirbaa-Bultum jedhamtutti dhalatani.
Haadha isaaniif ilma tokkicha kan ta'an Obbo Maammoon, maatiin isaanii ijoollummaa isaaniin waan adda bahaniif jireenya haadha isaaniirratti kuftee umuriin ijoollummaa isaanii yaaddoon kan guutame akka ta'u taasisuu yaadatu.
Barnootaan kutaa sagal akka qaqqabaniin ammoo yaaddoo kana obbaafachuun haadha isaanii gargaaruufis jecha barnoota jaallatan addaan kutanii gara Finfinneetti godaanan.
Finfinnee galanii hojii ittiin haadha isaanii gargaaran osoo barbaadanii ammoo hojiin isaan eeggate loltummaa qofa ture.
Filannoo loltummaa kanas itti fayyadaman, loltuu ta'an.
Bara 1975 keessa Dabre-birhaanitti leenjii loltummaa bu'uuraa ji'oota ja'aaf leenji'uun Ertiraatti ramadaman.
Erga Asmaraa yeroo muraasaaf turan booda buufati isaanii Kaaren turte.
Waraana Adda Af-abeetiifi booji'amuu
Bitootessi 23, bara 1976 guyyaa Hizbaawwii Ginbaar Taagaayoch yeroo jalqabaatiif Adda waraanaa Af-abeetitti haleellaa raawwatan ture.
Haleellaan sun raayyaa Itoophiyaa irratti naasuu guddaa uume.
Maammoon ammo A L I Ebla 17, bara 1977 haleellaa marsaa lammaffaa meeshaa gurguddaatiin gaggeeffameen akka booji'aman yaadatama.
"Ani miillakoon rukkutame, kaampiin waraanichaas ni qabame… yeroo sanatti kan du'u du'ee kan hafe booji'ame," jechuun kan yaadatan himu. Loltoota Itoophiyaa 165 booji'aman keessaa Maammoon tokko ture.
Kaampiin waraanichaa akkuma loltoota Shaabiyaan to'atameen battalumatti Humni Qilleensaa Itoophiyaa haleellaa gaggeesse.
Maammoon loltoonni Shaabiyaa lubbuu booji'amtootaa oolchuudhaaf akka tumsan hin dagatu.
Haleellaan humna qilleensaa erga xumurameen booda afaan Tiginyaan, 'Baga lubbuun isin oolche' - ergaa hawwii ibsachuu qabsaa'ota biraa dhaga'uu isaa ibsa.
Jireenya booji'amaa
Booji'amtoonni waa'een siyaasaafi qabsoo ummata Ertiraa barnoonni isaaniif kennamuu jalqabe.
Yeroo sanatti, "Dargiin siyaasa tarkaanfataa gaggeessa; lakki faashistiidha falmii jedhaman osoo hin hafiin qabsaa'ota waliin falmii bilisaatu gaggeeffamaa ture,'' jedhu.
Barnootaaf jaalala guddaa kan qabu Maammoon baruufi barsiisuu cichoominaan qabatee itti fufe.
Rakkoon tokko garuu tureera. Waan ittiin baratan afaan Amaaraan qophaa'e hin turre. Rakkoo kana furuudhaaf jalqabbiidhaaf kan ta'u kitaaba "Accir Magilacaa" jedhu fuula 20 qabu qopheessee maxxanfamee akka rabsamu taasifame.
Booji'amtoonni yeroo jalqabaa nu ajjeesu yaaddoo jedhu waan qabu tureef barnootaaf bakka hin qaban ture.
Maammoon garuu barnoota qabsaa'onni Shaabiyaa kennan sirriitti hordofuudhaan walumaa galatti kitaabota 15 barreesseera; adeemsa keessas afaan Tigirinyaa sirriitti dubbachuu danda'eera.
Onnee hidhannoo qabsooftuun argee booji'ame
Kitaabicha keessatti maqaa Jooteefi Galaayee jedhuun kan bakka bu'an Maammoofi qabsooftuu Hiwot Tasfaay wal baruun isaanii baroota 1982 hanga 1983 keessa jalqabe.
Raayyaan Itoophiyaa kumaan lakkaa'aman booji'amtoota ta'an filannoo isaanii akka murteessan gaafatamanii Maammoon garuu Hizbaawwii Ginbaariif hiriiree loluudhaaf murteesse.
Kanaaf ammoo leenjii loltummaa fudhachuun irra ture.
Hiwot, Maammoon bakka Imbool jedhamutti leenjiif yeroo ramadametti kutaa 'Qusannoo" jedhutti ramadamtee turte.
Hiwot dubartoota warreen bara 1978 keessa baayyinaan loltuutti galaniifi qabsaa'ota dubartootaa 'Kamboodiyaa' jedhamuun beekamu keessaa tokko turte.
Naannawaa Qaddii Amihaareetti kan argamu Gaaden jedhamuun beekamuun gara qabsootti akka makamte ibsiti.
Hiwot taphaafi shubbisa jaallatti ture. Bakka muuziqaan jiruu isheen hin dhibdu ture. Amalli ishee kun ammoo akka isheen Maammoo waliin wal bartuufi hariiroo jaalalaa jireenya ishee jijjiire keessa akka galtu taasise.
"Booji'amtoonni nu cinaa turan hojii qonnaa gara garaa hojjechaa turan; dabalataanis sosochiiwwaniifi shubbisawwan aadaas ni gaggeeffamu ture," jechuun haala ture yaadatti.
Yeroo tokko [Kutaa Aadaa Lammata Dhalachuu] kan jedhamu garee aadaa booji'amtootaafi Jooteetiin gaggeeffamtuu irratti agarsiisa qopheessite.
Maammoon gaggeessaa waltajjii ture. Namoonni naannoo sana turan hordofuudhaaf dhufan.
Yeroo sanatti waltajjii osoo gaggeessaa jiruu gidduutti walaloofi ergaawwan gaggabaaboo osoo dhiyeessuu qabsooftuu fuula dura teessee qalbiidhaan hordofaa jirtu tokko hubate.
Turee ammo sirba afaan Amaaraa tokko sirbuu yeroo jalqabutti, Galaayeen dhuftee "Haash" ittiin jette.
[Akkas jechuun dinqisiifannaa isaaf qabdu ibsatte.]
Ija keessa wal ilaalan. Jaalalli ija isaaniitiin galee guutummaa qaama isaanii keessatti lubbuu horate.
Hiwoot yerotti sana wayita yaadattu, "haalli hunda isaa, jechuunis dhaabbiin isaa, akkaataa inni itti dubbatuufi sirbu na booji'e. Akkuman argeenan jaalladhe. Achumatti jaalalli ijaan na seente," jechuun ibsiti.
Maammoon gama isaatiin, "Yeroo sanatti kan baay'ee na hawwateefi ani isheerraa jaalladhe hidhannoo isheefi akkaataa ittiin hidhattedha ture.
''Kan adda ta'e… ishee irraa ammoo baay'isee bareeda ture," jechuun waan yeroo gabaabduu sana keessatti ta'e hanga har'aa keessa isaa akka jiru dubbata.
Isaan booda Maammoon hatee ishee ilaaluu jalqabe. Isheenis jaalalli ijaa ishee qabee waan tureef guyyaa tokko burruusa kadhachuudhaaf gara bakka inni ture deemte.
Yeroo sanatti Maammoon warra kaan sooruudhaaf dabareen kan isaa ture.
"Yeroo sanatti sooruudhaaf dabareen kan koo waan tureef osoon waan tokko hin dubbatiin ka'een kan isheen ana gaafatten dhiyeesseef," jechuun yaadata.
"Waa'ee isaa yeroon yaadu, eessattin isa argachuu danda'a? Inni lammii Itoophiyaadha. Walitti dhufeenyi keenya akkamiin milkaa'uu danda'aa? jechuudhaan dhiphadheen abdiin kuta ture," jechuun miira jaalalaa yeroo sana qabdu yaadatti.
Isaan booda Raayyaa Ummaraa waliin hiriiruudhaaf booji'amtoota murteessan 'Himbool' bakka jedhamutti leenjiin kennameefiif gara gareewwan gara garaatti ramadaman.
Isaan booda Maammoon 'Hishekib' kan jedhamu giddu-galeessa Sewuraa eegduu [Abiyootii] ta'ee gaheen hojii kennameef.
Turtii yeroo ta'eetiin booda Hiwot gara Halawaa Sawuraa [Abiyoot Xibbaqaa]'tti ramadamtee gara Maammoon turetti dhufte.
Irra deebiin wal arguu danda'an. Haata'u malee, jaalalli isaanii suutuma suutaan ifa bahaa dhufe sun qormaatawwan kan itti heddummatan ture.
"Hedduun isaanii lammii Itoophiyaa kana maaliif itti dhiyaatte? jechuun na rakkisuu jalqaban. Keessattuu yeroo gara jalqabaa namni baayyeen si hin fudhatu," jechuun qormaatawwan dabarsite dubbatti.
Isheen garuu, "wantan barbaade yoon godhe maaltu isin galche? Paartiin kiyya yoo anaaf hayyamte isiiniin maaltu yaaddesse. Hundaa ol garuu nama akka koo ta'en jaalladhe.
''Eenyus haa ta'u, eessaayyu haa dhufu, amma jaallee qabsoo kiyya akka ta'ettin beeka. Nan jaalladha," jechuun akka ibsaafiif turteefi jaalalli wanta hin mo'anne akka hin qabne dubbatti.
Maammoon, "guyyaa tokko aniifi isheen dahoo keessa teenyee haasa'aa turre. Hogganaan ishee barbaadee waan ishee dhabeef gara bakka turreetti dhufe.
''Guyyattii sana jaalala waliif qabnu waliif ibsinullee isarra darbee garuu wanti goone hin turre," jechuun mudannoo addaa tokko yaadata.
Hordoffii jala waan tureef, carraa kana akka naamusa cabsuutti yaadanii adabbiidhaan gara bakka fagoo ta'e birootti jijjiiranii ergan.
Bara 1984 Iiziin 'Wuqaawu' jedhamu waraanaan mo'amee Maammoon booji'amtoota biroo barsiisuudhaaf isheen ammoo miseensa eegumsaa taatee garee tokko keessatti akka wal argan lamaanuu ni dubbatu.
"Namni hundumtuu tokko miti, kan deeggarus ni jira," kan jettu Hiwoot, Saabaa Yohaannis [maqaa masoo ishee 'Buuf'] kan jedhamtu michuun ishee tokko 'jabaadhu gara duubaatti ilaaluun sirra hin jiru' jechuun akka ishee cinaa dhaabbachaa turte yaadatti.
Dhuma irrattis murteerra geesse. "Eessatti wal arganna?" yaaddoon jedhu badaa dhufee waliin jiraachuu akka danda'an fudhataafi keessoo ishee tasgabbeessaa dhufte.
Walitti dhufeenyi isaanii bara 1986 ifa ta'e.
Aadaa qabsoo keessatti hariiroon jaalalaa yeroo ifa ba'u akka wal kaadhimmachuutti yaadama.
Hamiiwwan sadarkaa namoota dhuunfaatti dhaga'aman baduu baataniis guyyaa itti ifa godhan kaasee garuu akka kaadhimaa walii bilisa ta'anii wal gaggaafachuufi waliin yeroo dabarsuu danda'u.
Maammoon Saahel yeroo turanitti, "Galaayee Galaayewwaa" jechaa yeroo sirbutti qabsaa'onni dhaggeeffatan, 'Guwal Maa'oo'tiif maqaa masoo 'Galaayee' jedhamu akka baasaniif yaadatu.
'Guwal Maa'oo' ammoo Hiwot Tasfaayidha.
Kanarraa ka'uunis, kitaabicha keessatti haadha warraa isaa 'Galaayee' jechuun maqaa kennaniif.
Gaa'elaafi ijoollee
Maammoon turtii jireenya booji'amaa waggoota shaniin booda bara 1982 bilisa jedhame. Gara qabsootti makamuu fedhuu isaatiinis mirgi guutuun isaaf kenname.
Bara 1988 seenaa qabsaa'aa [Hizbaawii Tigil] keessatti yeroo jalqabaatiif haati warraafi abbaan warraa 36 guyyaa tokkotti Naaqifaatti waliif kakachuun bultii ijaarratan.
"Booji'amaan lammii Itoophiyaa Maammoo Afataa jedhamu tokko dubartii qabsooftuu Hiwot Tasfaay -'Guwal Maa'oo' jedhamtu lammii Ertiraa taate waliin walitti dhufuun gaa'elaaf waliif kakatan," oduun jedhu Warraaqsa Ertiraa keessatti dhimma ijoo dubbii ta'e.
Maammoon waraanni Naadewu barbadaa'uufi Addi Naaqifaa erga diigamee booda bara 1988 Naaqifaa keessatti yeroo waadaa waliif galanitti wanti ture hawwataa kan turedha.
Isaaf kabaja kennuuf jechas sirbi afaan Amaaraa dhiyaateera.
"Nan yaadadha yeroo sanatti Al-Amiin Mohaammad Sa'id [itti-gaafatamaan waajira IGDAF kan dhiyeenya du'e] ture haasaa kan taasise," kan jettu Hiwot, gidduu isaanii yeroo jalqabaatiif lammiin Itoophiyaa tokko waadaa gaa'elaa godhachuurra gahuu dubbachuu ibsiti.
Cidhi Maammoo fi Hiwot caalaa akka namatti tolu kan taasise, turtii [Caaqulaa] isaanii bakka Maammoon waggoota 12 dura itti booji'ameefi Naaqifaa irraa kiiloomeetira 65 faggaattee argamtu 'Af-aabeet' magaalaa jedhamtu keessa naanna'uun akka dabarsaniif hayyamamuu isaati.
Obbo Maammoo fi Hiwot waliin ijoollee afur godhataniiru.
Hiwot ''bilisummaan booda bakka haatiikoo jiraattu Gaadeen yoo deemnu, ijoolleefi abbaa warraa koo waliin ture.
''Heerumee ijoollee lama qabadheen deebi'e. Mana wayita geenyuus haadhaafi ijoollee obbooleettiikoon arge.
''Ijoolleekoo qabadhee waanan deemeef miira jiru geeddareera. Yeroo sanatti abbaankoo bakka Daqi'am Haarii jedhamu ture. 'Lammii Itoophiyaa fiddee nutti dhuftee?' jechuun xiqqoo lolee ture,'' jechuun haala ture yaadatti.
''Bilisummaan boodas Asmaraa keessatti manni nuuf kenname. Achumatti gaa'elaan waliin jiraachuu eegalle,'' kan jedhan Obbo Maammoon, barnoota ijoollummaa isaatti adda kute itti fufuuf carraa akka argatan yaadatu.
Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Qahaas (Qadaamaawii Hayilasilleesee)'tti barnoota isaanii xumuruun qabxii yunivarsitii galchu argatan.
Gaa'elli isaanis cimee jaalalli isaanis waan ho'aa adeemef, mucaan isaanii sadaffaan; Filmoon achuma Asmaraatti dhalate.
Isaan booda Asmaraa keessa hin turre. Haadhasaa akka gargaaruuf bara 1995'tti gara Itoophiyaa akka deemaniif hayyamameef.
Achiinis mucaan arfaffaa kan yeroo ammaa keessumeessituu balaliinsa xiyyaaraa taate Heenaan Itoophiyaatti dhalatte.
Yeroo ammaa kanatti Finfinnee kan jiraataa jiran Obbo Maammoo fi Guwal Maa'oo; ilmi isaanii angafaa bultii ijaarrachuun akkayyaa waan isaan agarsiiseef baayyee gammadoo ta'uu dubbatu.
Barreessaa Maammoo Afataa waa'ee kitaabichaa yoo dubbatan, ''kitaabni kun galmee onnee lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa keessa jiraatudha,'' jedhu.