Mozaambik: Namtichi qaama saalaa konkolaachisaa taaksii muruuf yaale to'atame

Biyya Afriikaa kan taatee Moozaambiik keessatti namtichi konkolaachisaa taaksii qabee qaama-saalaa isaa irraa muruuf yaaleera jedhame to'annoo jala oolfamuun ibsame.

Shakkamaan kunis jecha poolisiif kenneen dhuguma qaama-saala konkolaachisaa taaksii muruuf akka yaalee ture himeera.

Kanaan kan walqabate Jidduu-gala Mozaambiik, Chimoy bakka jedhamutti poolisiidhaan to'annoo jala oolfamuun himame.

Shakkamaan kunis qondaaltoota poolisiitti akka himeetti, maamila fakkaachuun konkolaachisaa taaksii erga amansiisanii booda gara bosonaatti isaan geessuu gaafatan.

Achinis nama isa gargaaruu waliin ta'uun miidhamaa meeshaawwan qara qabuun doorsiisuu himeera.

Namichi shakkamaan kunis gochaa raawwateetti baayyee gadduu himeera.

Kana malees nama isa waliin qaama konkolaachisaa muruuf tureefi ammatti baqannaarra jiru to'achuquf poolisii akka gargaaruu himeera.

Konkolaachisaan taaksii sunis maaliif akka irratti xiyyeefatamee ammatti wanti beekamee hin jiru.

Haata'u malee kanaan dura biyyattii keessatti namoonni mataan isaanii moluu qabu gochaawwan amantaatiif jecha qaama isaanii waan fayyadamaniif irratti xiyyeefatama ture jedhameera.

Kana duras qondaalotni Mozaambiik namoota lama kan qaama saalaa dhiiraa murame doolaara 42,000’n gurguruuf yaalan to’annoo jala oolchaniiru.

Namni irraa muramee gurgurtaaf geeffame kunis ajjeefamee akka argame poolisiin biyyattii himee ture.

Daldaltoonni seeraan alaa shakkaman kunneen kan ganna 29 fi 32 yoo tahan, daldalaa naannoo tokko, qunnamuun qaama saalaa kana akka irraa bitu koratan jedhame.

Daldalaan Antooniyoo Chikoopaa jedhamu qondaalota qunnamuun shakkamtoota kanatti dubbii gargalche. Erga poolisiin jara lamaan to'atees qorannoo jala turan.

Poolisiin biyyattii gochaa hin baratamiin akkanaa maaliif akka raawwataa jiru qorachaa akka jiru himeera.

Kanaan kan wal fakkaatu biyyoota Afrikaa tokko tokko akka Tanzaaniyaa keessatti namoota dhibee Albiinoo qaban ykn gogaan isaanii adii tahee dhalatan ittiin sooromuuf gargaaru jechuun qabanii ajjeesuun waan baratame tahee ture.