Qaala'iinsa jireenyaa: Motummoonni gatii nyaataafi annisaarratti hiyyeessotaaf deeggarsa gochuu qabu - IMF

Hoggantuun Dhaabbata Maallaqa Addunyaa, motummoonni qaala'iinsa gatii nyaataafi annisaatiin hiyyeeyyiif deeggarsa taasisuun barbaachisaa akka ta'e BBCtti himan.
Ummanni addunyaa guutuutti qaala'iinsa jireenyaatiin rakkataa jira.
Hoggantuun Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Kiristaalinaa Joorjiivaa, deeggarsi ''haalaan xiyyeeffannaa qabuufi kallattiidhaan namootaaf dhiyaatu barbaachisaadha,'' jedhan.
Motummoonni baay'ee deeggarsa hanga tokko taasisaa jiru, garuu ammoo qeeqxoon gahaa akka hin taane kaasu.
Aadde Joorjiivaan akka jedhanitti, rakkoo qaala'iinsa jireenyaan, ''tokkoffaan kan gatii nyaataafi annisaatiin baay'ee rakkataa jiru kutaa hawaasa hiyyeessa ta'eedha.
''Lammaffaan ammoo daldalawwan sababii waraana Yukireeniin miidhaman deeggaruudha,'' jedhan.
Gaheen IMF diinagdeen addunyaa akka tasgabbaa'uufi badhaadhinni akka cimuuf motummoota waliin hojjachuudha.
Haata'u malee, bara kanatti gatii nyaataa akkasumas gatiin zayitaafi boba'aa waan garmalee dabaleef haalli kun rakkisaa ta'aa jira.
Qaala'iinsi gatii kunis sababii dachaa; weerara koronaavaayirasiifi waraanaa Yukireen keessatti mudateen kan uumamedha.
Yukireeniifi Raashiyaan biyyoota oomishaalee midhaaniifi boba'aa gara biyyoota biraatti ergaa turaniidha.

Madda suuraa, Getty Images
Yaaddoo kufaatii diinagdee
Barbaachisummaan oomishaaleen kunneen diinagdee addunyaatiif qabanis biyyoota baay'ee keessatti haalli qaala'insa waggaa waggoota hedduu keessatti mudatee hin beekne akka mudatu taasise.
Fakkeenyaaf UKtti qaala'insi %9, Ameerikaa keessatti %8.3 fi zoonii Awurooppaatti ammoo %7.4 irra gahe.
Biyyoota guddina irratti argaman kaan keessatti ammoo hammi qaala'insaa gara dachaatti siqu mudachuutu himama.
Haala kana to'achuufis baankiiwwan jiddugalaa biyyootaa hamma dhalaa dabaluun gatii guddataa jiru gadi buusuuf yaalaa jiru. Kunis yoo of eeggannoon raawwatame malee balaa kufaatii diinagdeetti geessuu danda'a jechuun akeekkachiisuu hoggantuun tun.
Aaddee Joorjiivaan waa'ee dhiibbaa liiqaa olaanaa motummoonni tibba weeraraatti fudhatan deebisanii kanfaluun qabaatus akka isaan yaaddeessu dubbatu.
Sana sammutti qabachunis motummoonni hanga maallaqa baasaniifi waan irratti baasii taasisaniif ''of- eggannoo cimaa gochuu'' qabaatu jedhan.
Dhimmi rakkoolee ulaagaa jireenyaa guutuu dadhabu ajandaawwan gurguddaa walgahii ministiroota maallaqaa G7 torban darbe kana Jarmaniitti gaggeeffamee ture.
Walgahiin biyyoota dureeyyii torbaa sunis, ''dhiibbaa waraanichi sadarkaa addunyaatti akkasumas diinagdee keenyarratti qabaatu hir'isuufi bakka barbaachisuutti deeggarsa haalaan xiyyeeffataa ta'e kennuu,'' kan jedhuun gaafachuun xumurame.
Baatiiwwan muraasa darban keessattis motummoonni qaala'iinsa jireenyaa kana hir'isuuf yaaliiwwan taasisaa turan.
Ameerikaa keessatti Pirezidant Baayidan gatii hir'isuuf jecha kuusaawwan boba'aa gadhiisaniiru. Ispeeniifi Portugaal ammoo gatii gaazii ni dhaaban, akkasumas filannoo Awustiraaliyaa keessattis kun dhimma olaanaa ta'ee jira.
Akkasumas Yunaatid Kingdam keessatti jijjiramootiin gibiraa muraasni taasifamaniiru.

Madda suuraa, EPA
Aaddee Joorjiivaan motummoonni deeggarsa barbaachisu yoo taasisan malee mormiin tibban Siriilaankaa keessatti mudate biyyoota kaan keessatti irra deebi'uu danda'a jechuun akka yaadda'an himu.
Siriilaankaa keessatti qaala'insii gatii fi rakkoon diinagdee jeequmsa lubbuun namootaa itti badeef ka'umsa ta'eera.
Hooggantuun IMF tunis, jeequmsi walfakkaataan weeraraan dura Faransaayii hanga Chiiliitti ka'ee tures, ''kan yaada guddina wal qixa hintaane jedhuu'' fi murteewwan deeggarsa ummataa malee dabarfaman irraa maddan ture jedhan.
''Yoo bara 2019 irraa waa barachuun qabna ta'e, waa'ee imaammatawwan baay'ee yaaduun ummata karaa hedduun hirmaachisuu qabna. Kunis imaammatawwan kan qopaa'an ummataaf malee waraqaawwan irratti barreessineef miti,'' jedhan.

Madda suuraa, NurPhoto / Getty Images
Addunyaa sooruu
Gareen qaamolee misooma addunyaa kanneen IMF fi Baankii Addunyaa hammate, torban kana hanqina nyaata addunyaa maratti mudate furuuf karoora guddaa labsan.
Ministirri Maallaqaa US Jaaneet Yeeleen barbaachisummaa karoorichaa yoo dubbatan, ''gatiin nyaataafi xaa'oo gabaa addunyaa garmaleen dabaluun namoonni hedduun akka beela'aniif taasisuu danda'a'' jedhan.
Aaddee Joorjiivaan ammoo nyaanni gahaan jiraatulleen haala walqixa ta'een tamsa'aa akka hin jirree kaasu.
Kanaaf falli oomishitummaa qonnaa irratti xiyyeeffachuu ta'usaa kaasan.















