Diinagdee: Turkiitti qaala'iinsi jireenyaa %70n dabaluun himame

Madda suuraa, Getty Images
Turkiitti yeroo waggaa tokkoo keessatti qaala'insii jireenyaa dhibbantaa 70n dabale. Kunis waggoota digdaman darban keessatti isa olaanaadha jedhame.
Geejiba, nyaataa fi meeshaalee mana keessatti tajaajilaaf oolan irratti gatii dabalame isa olaanaadhaa jedhameera.
Gatiin mi'aa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufes biyyoota addunyaarratti argaman hunda qoraa jira.
Pirezidantiin biyyattii qaala'iinsa gatii tasgabbeessuuf silaa kan fayyadu 'hamma dhala dabaluu' waan hin barbaanneef kan mudate ta'u ogeeyyiin diinagdee himu.
Biyyattiitti gatiin nyaataafi dhugaatii alkoolii hin qabne waggaatti %89.1 daballii kan agarsiise yoo ta'u, meeshaaleen mana keessatti itti fayyadamuuf oolufi kaan ammoo %77.64n daballii agarsiise.
Kunis kan baatii darbe waliin yoo wal bira qabamee ilaalamu, qaala'insichi baatii Ebilatti %7.25n dabaluu ragaan Inistitiyuutiin Istatistiksii Turkii ni mul'isa.
Pirezidant Reesiib Xaayib Erdowaan sharafa alaa tasgabbeessuurra oomishaalee gara biyya alaatti ergaman irratti xiyyeeffannoo taasisuun isaanii maallaqni biyyattii Liiraan akka kufu taasiseera jedhama.
Pirezidantichi qaala'iinsa gatii tasgabbeessuuf, adeemsa haala dhalaa sirreessuu jedhu hin fudhatamuuf. Dhaala sirreessuun madda rakkoo akka ta'eetti ibsuu.
Kanaafuu gabaawwan sharafa alaa keessa jidduu galuu dabalatee, qaala'iinsa gatii kana tasgabbeessuuf imaammata hin baramne fayyadamaniiru jechuun ogeessonni qeequn.
Pirezidantiin Turkii bara darbe keessa hoggansa Baankii Jidduugala biyyattii kan geeddaran yoo ta'u, baatii Fulbaanaa irraa kaasees dhalli %19 ture gara %14tti akka gadi bu'u ta'eera.
Baatii Ebla walitti fufiinsaan qaala'insi baatii afuriif itti caalaa dhufnaan dhalli bakkuma jiru akka turu ta'e.
Bulchiinsa Qabeenyaa Bilubeeyitti ogeessa kan ta'an Tiimotii Ashi, ''imaammanni maallaqaa Tarkii keessa jiruu kufaatiidha'' jedha.
''Dhalli gadaanaan qaala'iinsa hordofsiisa,'' kan jedhan oggeessi kun, imaammata diinagdee irra deebiin barreessuu yaaluun dachee wal qixa taasisuuf akka yaaluutiin wal fakkaata,'' jechuun qaala'iinsa uumameef Erdowaan komatan.
Ogeessii dinagdee Jaasna Tiviy gama isaanitiin qaala'iinsi gabaa bara kanatti bakkuma jiruutti akka itti fufu raaganiiru.
Haala Covidiin wal qabateen rakkina dhiyeessii addunyaarratti uumameenii fi sababii waraana Yukireeniin wal qabate gatiin meeshaalee bu'uuraa addunyaa hundatti ariitiin dabaleera.
Biyyoonni baayyeenis dhala dabaluun dhamoonni dhunfaafi dhaabbileen maallaqaa liqeeffachuun baasii isaanii garuu akka xiqqeessan jajjabeessuun rakkoo mudateef deebii kennaniiru.
Guyyaa Roobii baankiin Jiddugala Ameerikaa waggoota digdamaan booda dhala guddaa dabaluu beeksiseera.
Hindiifi Awustiraaliyaa dabalatee, biyyoonni kaanis dhala dabalaniiru. Bankiin Inglaandis dhala akka dabalu ykn bakkuma jiruutti akka itti fufuu eegama.














