Diinagdee: Sharafni maallaqa Tarkii %45 kufuun maaliif Pirezidaanti Erdogaaniin hin yaadddessinee?

A woman checks rates on a board of the currency exchange office in Istanbul, Turkey, 02 December 2021

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Baatii darbee qofaa liraan Tarkii doolaaraatti yoo jijjiramu parsanataa 30 gadi bu'e

Maallaqni biyyaaleessaa Tarkii, liiraan bara kana qofaa gara doolaaraatti yoo jijjiramu %45 kufuulleen garuu kun pirezidaantii biyyattii Resiip Taayiip Erdogaan kan yaaddeessee hin fakkaatu jedhe oggeessoonni dinagdee.

Liiraan torban darbe kana kan badi bu'e ta'ulleen, garuu hogganaan Tarkii ''qabsoo diinagdee walabaa'' kan dhala gadaanaan deegaramee hordofuu akkuma itti fufaniitti jiru.

Kanaaf eegaa Obbo Erdogaan tarsiinoo qaala'iinsa harbeessuu, carraa hojii dhabummaa fi hiyyuummaa guddisuu hordofaa jiru jedhamuun kan qeeqaman. Garuu kun Tarkiidhaaf maal jechuudhaa?

Imaammata hedduun hinfudhatamne

Sababiiwwan maallaqni Tarkii akka kufuu taasisan keessaa tokko imaamata diinagdee hinjijjiramneefi dhala xiqqaadhaan guddina biyyaafi hanga daladal al ergi fiduuf keeyyeefateedha jedhu qeeqxoonni.

Oggeessoota diinagdee baayyeedhaaf, yoo qaala'iinsi jireenyaa ol ka'uutti amma dhalaa olkaasuun to'atama. Obbo Erdoogaan garuu dhala dabaluu akka ''diina kan badhaadhee caalaa badhaasuufi hiyyeessa iyyoomsuutti'' ilaalu.

''Waan hundi baayyee qaaliidha,'' jechuun BBCtti hima Sevim Yildirim bakka gamaa kuduraatti. ''Gatii kanaan nyaatuma gahaa maatiif bilcheessuun mataansaa rakkisaa ta'aa jira.

Tarkiitti qala'iinsii waggaa %21 caaleera. Garuu Baankiin Biyyaaleessaa Rippablika Tarkii ammoo dhala %16 irraa gara %15 hir'ise. Kunis hir'isa yeroo sadaffaa bara kanatti taasifameedha.

Biyyoota addunyaa biraatti yoo qaala'iinsi dabalu dhalli akka dabalu himama. Garuu kun tarkii keessatti hin hojjatu.

Waggoota darban lamaan keessaa Pirezidaanti Erdoogaan pirezidaantoota baankii jidduugalaa sadii hojiirraa aari'ate. Torban darbee kana ammoo Ministira maallaqaa isaa jijjireera. Ta'uus maallaqni biyyaattii gaduma bu'aa jira.

Beyaz Yenice
BBC
I live on my own and my pension isn't enough to afford these prices
Beyaz Yenice
1px transparent line

Gatiin meeshaalee garmalee dabaluu

Diinagdeen Tarkii irra caalaan daldala al ergii mi'oota akka nyaataa, uccuu fa'irratti. Kanaafuu sharafnii doolaaraa ol ka'uun ammoo gatii omishaalee irratti dhiibbaa kallattii qabaata.

Fakkeenyaaf timaatimii, kan nyaata idilee Tarkii keessaa hindhabamne haa ilaallu. Timaatimii omishuuf qonnaan bultoonni xaa'oofi gaazii alaa galchu qabaatu.

Akka garee daldala xinxaleetti, gatiin timaatimii kan bara darbeetiin yoo wal biratti ilaalamuu Adooleessaa keessa %75 dabale.

''Attamiin kanarraa maalaqni argamu danda'ama?'' jechuun gaafatu, Saadiyee Kaleci qonnaan bulaa wayinii kan ta'an. ''Nuti rakasatti gurgurra, garuu gatiin nuti ittiin waan nu barbaachisu bitannu baayyee guddaadha,'' jechuun gatii boba'aa, xaa'oo fi kkf ibsu.

Farmer Feride Tufan in her vineyard

Qonnaan bultuun biraa, Feride Tufaan akkasuma idaashee kafalu kan dandeessuu qabeenyaa ishe gurgurachun qofaa akka ta'e himti.

''Lafaafi maasaa wayinii keenya gurguruun idaa nurra jiru kanfalanna. Garuu hunda gurgurree yoo fine wanti nuuf hafu omtu hin jiraatu.''

Gatiin guyyaa guyyaatti waan gegeedaramuuf sharafni baayyee ol ka'eera. Qaala'insi omishitoota qofaarratti %50n dabale.

''Baasiiwwan kiyya hunda nan hir'ise'' jedhan Haakaan Ayraan kan bakka gabaatti gaaxezessaan BBC dubbise. ''Kanfaltii tajaajilawwanii kanfalachuuf hundinuu waan nyaatu hir'isuufi waan biratatu dhaabaa jira.''

Hojjattoonni suparmaarkeetii dabaluu gatii mii'aa kan kanaan dura tureefi kan ammaa wal bira qabuun karaa miidiyaa hawaasaarratti maxxansu.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

1px transparent line

Isaanis gatii zayitaatii hanga baala shaayii, buna, omishaalee qulqullinaa fi sooftii jechuun tarreessan maxxansan.

Manni daabboo magaalaa Tarkii sadaffaa kan taatee Izmir keessaas, akkasumas dabala gatii sababawwan waliin tarreessuun beeksiisa maxxanse.

Sababiita eegaman keessaa gatii daakuu, zayitaafi saliixii dabaluusaatti jechuu dhumaratti: ''Waaqni nu waliin haa ta'u'' jechuun maxxanse.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

1px transparent line

Damee dhuunfaa fi kubaaniyoota hedduuf rakkoo cimaan hanqina sharafa alaati. Kanaan kan ka'ee dhaabbileen kunneenis omishaalee isaanii baasanii maallaqa gatiinsaa kufe liiraatti gurguruurra man-kuusaa keessa olkaa'aa jiru.

Kun ammoo garaagarummaa iyyeessaa fi kanneen qaban jidduu jiru caalaa bal'isaa jira.

Dargaggoota Tarkii mufatan

Hiriirriiwwan buufataalee boba'aa fi ala waajjiraalee motummaa naannoo baayyee waan mul'isan qabu.

Paartiilee siyaasaas aariidhaan filannoo akka gaggeeffamuufi mormii gaggeessuuf waamicha taasisan. Sadaasa 23 irratti liiraan yoo guyyaa tokkichaan %18n gadi bu'eettis, mormii muraasni gaggeeffamuun namoonni hedduun to'atamanii ture,

Hawaasa ifatti mormii dhageessiisan keessaa dargaggoota Tarkii kanneen karaa Tiwitara kallattii, viidiyoowwan Tiktok fi YouTube mul'ataa turan.

''Motumaa kanatti gonkumaa gammadaa hin jiru. Biyya kana keessatti eegeere koo argaa hin jiru,'' jechuun ture dargaggoon gaazexessaatti kan hime.

Tarkiitti dargaggoota shan keessaa tokko hojii hinqabu. Dubartoota irratti ammoo kana cala.

Turkish scene
Getty
Turkey in numbers

  • 84mPopulation

  • $720bnGDP - up 7.4% in three months

  • 22%Youth unemployment

  • 45%Turkish lira down vs the dollar in 2021

  • 19.9%Inflation rate

Source: BBC
1px transparent line

Akka ragaalee mul'isaniitti Tarkiin biyyoota addunyaa dargaggoonni hojiin ala, barnootaa fi leenjii malee keessatti baayyatan sadarkaa arfaffaa irratti argamti.

Dargaggoonni Tarki sadarkaa jirenyasaanii kanneen biyyoota biraa waliin waan wal dorgomsiisaniifu waan argaa jiranitti gammado miti.

''Dargaggoo US ykn Awurooppaa keessa jiraataniif mindaa saanitiin iPhone bitachuun salphaadha,'' dargaggoon umuriin waggaa 18 BBC dubbise tokko.

''Asiitti garuu ji'aa hanga ji'aatti hojjadhulleen bitachu hindanda'u. Kun ta'u hinqabaatu.''

Dhaloonni kunis gahee olaanaa siyaasa Tarkii kan Mr Erdogaaniin hogganamu, Paartii Haqaafi Misoomaa (AKP) keessatti akka bahaniif erga bara 2002 kaka'aa jiru.

Dargaggoonni bara 1990ta as dhalatan miiliyoona sagal filannoo bara 2023 gaggeeffamu irrratti filachuuf waan qaqabaniifu, kunis paartii Erdoogaaniif rakkoo ta'u mala.

Viidiyoon dhiheenya kana baayyee qoodamee tokkoos, haatii tokko wayita pirezidaanti Erdoogaaniin leellisaa dubbataa jirtuutti ilmishee kan waggaa saddeeti ishee wayita mormu dhagahama.

'Tilmaamuuf rakkisaadha'

Erga rakkina faayinaansii bara 2008 biyyattii mudateetiin booda milkaa'inni paartii biyya bulchaa jiruu irra caala kan deeggarsa biyya alaarratti hirkateerra.

Garuu ammoo guddinni diinagdee biyyattii hedduun baatiifi liiqaa motummaa industirii ijaarsaatiif xiyyeeffannaa kennu irraa argamaa jira.

Kanaafu omishin alaa galchii irratti hirkachuu ittuma fufeera. Dinagdeenis burjaajii sharafaatiin raafamaa jira.

Adeemsi tooftaa diinagdee haaraa Mr Erdoogaan kunis maallaqa biyyattii liiraa oolchuu isaatiif abdiin jiru gadaanaadha

Oggeessii diinagdee Ardaa Tuncaa haalli amma ta'aa jiru kan itti aanuu irraa baayyee gargaa garummaa qaba.

''Kunis tooftaa yaada qabatamaa diinagdeetiin gutuummaatti ala ta'e yoo fayyadamnu kan jalqabaati. Yoo rakkoon jiraatuttilleen, maal ta'u akka danda'u ni tilmaamna turre. Amma garuu timaamuuf illeen rakkiisaadha,'' jedhan.