Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan erga koloneelli waaraanaashee jalaa ajjeeffameen booda haaloo bahuuf dhaadatte
Pirezidantiin Iraan ajjeechaa koloneela Garee Loltoota Warraaqsa Islaamaa cimaa, 'Islamic Revolution Guard Corps (IRGC)' keessaa erga guyyaa Dilbataa Tehraan keessatti ajjeeffameen booda haaloo bahuuf dhaadatan.
Ajjeechaan Koloneel Saayaad Kodaayi kan raawwatamees, mana isaaniin alatti haleellaa namoota doqdoqqeedhaan imalan lamaan konkolaataa keessatti irratti raawwatameen ta'u miidyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Koloneelli kuni miseensa garee humnoota basaasaa, kan oppireeshiniiwwan waraanaa hunda to'atan turani jedhameera.
Pirezidantiin biyyattii Ibraahim Raa'isi ''harka of tuultoota addunyaa'' jechuun erga Ameerikaafi michoota isheetti quba qabaniin booda balaaleeffatan.
''Qondaaltonni tikaa akka yakka cimaa kana qorataniif waamichan taasisa. Dhiiga qulqulluu wareegamaa kabajamaa kanaatiif ammoo yakkamtoota irratti haaloon kan hin hafneedha,'' jedhan.
Dubbi himaan IRGC, Raamaazaan Shaariif, ajjeechaan Kolooneel Saayaad kutannoo inni ''nageenya tiksuuf, walabummaa fi fedhii biyyaaleessaa eegsisuuf qabaachaa ture akkasumas diinota Iraan dura dhaabbachu qabuu kan cimsuudha,'' jedhan.
Hanga ammaattis ajjeechaa kana keessaa harka qabaachuu qaamni ykn biyyi dubbate hin jiru.
Ajjeechaan kuni ajjeechaa saayintistii nikularaa Mohseen Faakirizaaden kan bara 2020'tti Teehraaniin alatti konkolaataa isaa keessatti haleellaan ajjeeffameen booda kun kan jalqabaati.
Iraan ajjeechaan sanaafis Israa'eeliin himatte.
Israa'eel ammoo, bara darbe hoogganaan eejansi tikaa Mosaad, Faakhrizaadeh bara dheeraaf xiyyeeffannoo jala jira jedhee kan ture ta'ulleen, himannicha hin fudhannee ykn ammoo harka keessaa hin qabu jechuun hin haalle.
Maaltu ta'e ture?
Eejansiin oduu motummaa Iraan, Irnaa akka gabaaseetti, Koloneel Saayaad rasaasawwan shaniin osoo konkolaataa isaanii keessaa bahaa jiranii itti dhukaafamuun ajjeefame. Kunis guyyaa Dilbataati.
Akkasumas suuraalee nama dhiigaan makamee konkolaataa keessa saqii (seatbelt) hidhatee ture agarsiiseera. Foddaan konkolaataa gara fuulduraas bakka dhukaasaan rukkutamee agarsiisa.
Haata'u malee, eejansichi gahee koloneel Saayaad garee waraanaa keessatti qaban ilaalchisuun bal'inni kennee homtuu hin jiru.
Kolooneel Kodaayi miseensa Humnoota Quds olaanaa, kan oppireeshinii biyya alaatti gaggeessudha.
Ameerikaanis humna kana dhaabbilee shororkeessitootaa deeggaruu fi Jidduugala bahaatti haleellaa raawwachuun himatti.
Kana dura maaltu jedhame?
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan, Sa'eed Khaatibizaadeh, koloneelichi ''diinota'' Iraan kanneen ''of tuultota addunyaa waliin shororkeessitootaan hidhata qabaniin'' ajjeefaman jedhaniiru.
Kanaanis Ameerikaafi michoota isheetti quba qabuun, ''kan nama gaddisiisu ammoo biyyoonni shororkeessummaa irratti qabsoofna jedhan kaan callisuun isaanii nama gaddisiisa'' jedhan.
Kanaan duras, qondaaltonni Iraan ajjeechaa namoota maqaa guddaa qaban akkasii duuba Israa'eliitu jira jechuun himataa turan.
Battaluma oduun ajjeechaa qondaala kanaa dhagahameettis, maddi oduun motummaa Iraan Eegdoonni Warraaqsaa hidhatawwan basaastota Israa'eel adda baasuun hidhuu gabaaseera.
Haata'u malee, gama Israa'eeliin hanga ammaatti deebiin kanarratti kennamee huomtu hin jiru.
Koloneel Kodaayi dureewwan Humna Quds lammaffaa bara dhiheenya keessa ajjeefamaniidha.
Bara 2020 keessa, ajajaan waaraanaa Iraan baay'ee beekamaan, Janaraal Qaasim Soleemaanii haleellaa xiyyaaraa Ameerikaadhaan Iraan keessatti raawwatameen ajeefamanii ture.
Ajjeechaan qondaala sanaaatiis waldhabdeen Ameerikaafi Iraan jidduu gar-malee akka cimu taasiseera.
Baruma walfakkaatu keessattis, qorataan nikulaaraa Mohseen Faakhrizadehn Teehiraan keessatti ajjeefaman.
Qondaalli kunis gahee olaanaa qabaachusaanitiin eegdoota hedduun dabaalamanii imalu turan.
Faakhrizaadeh sagantaa gabbisa nikulaara Iraan keessatti gahee olaanaa kan qabaataa turan yoo ta'u, motummaanis hojiin nikularaa isaa guutummaa guututti nagaadha jechuun himaa ture.
Iraan ammoo meeshaa waraanaa fageenya irraa to'atamuutti fayyadamuun Israa'eelitu ajjeese jechuun himatti.