Nageenya Oromiyaa: Gargaarsi namoomaa Lixa Oromiyaa 'hammaataa dhufeera' - UN

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Qindeessaa gargaarsa Namoomaa

Madda suuraa, OCHA/Facebook

Erga baatii Amajjjii waggaa baranaatii haalli gargaarsa namoomaa Lixa Oromiyaa 'hammataa dhufeera,' jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN).

Kunis, bara 2022 keessa ''walduradhaabbannaafi walitti bu'iinsi hawaasa gidduu waan dabaleefi,'' jedheera UN'tti dhaabbati Dhimma Gargaarsaa qindeessu (UNOCHA) ibsa xumura torban darbe baasen.

Haleellaa Lixa Oromiyaatti keessumaa jalqaba waggaa kanaa Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti hammaateen ajjeechaa, saamichi akkasumas qabeenyi hedduu manca'eera.

Hoogganaa Itti-aanaan Komishinii Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Garramuu Oliiqaa sababa rakkoo nageenyaan namoonni buqqa'uufi gargaarsa geessuus rakkisaa taasisaa turuu himaniiru.

Dhaqqabiinsi dhibuu, deeggarsi gahaa dhibuu akkasumas dhaabbileen tumsan dhabamuutiin gargaarsi namoomaa rakkoo mudachuu UN ibseera.

Gargaarsa jiru geessuufis rakkoon nageenyaa danqaa ta'u ibse. Dhimma kana kan gaafataman Obbo Oliiqaan sababni kuni mudate akkanaan ibsu.

''Rakkoon adda ta'e ennaa jiraatu humni nageenyaa nu deeggaree akka dhaqqabsiisnu kan hojjetaa jirru.

''Warri dhaabbata gamtoomanimmoo shakkii nageenyaa lafa qaban hundumaa humna nageenyaa dabalatanii deemuu hin barbaadani. Kanarraa kan ka'e isaan akkasitti kaasuu danda'u,'' jedhan.

UN Hojjeettonni gargaarsaa haala mijaa'aa hin taane keessa akka socho'aniifi ambulaansonni isaaniifi kaan irratti haleellaan akka gahu himan.

''Baatii booda kanaa Lixa Oromiyaatti yakki babal'ateera. Keessumaa daandii Amboo Naqamtee geessurra nama butuufi konkolaataa saamuun irra deddeebbiin mudateera,'' jedhe.

Hamma uummataa buqqa'e

Waggoota darban Lixa Oromiyaatti Faannoo dabalatee haleellaa hidhattoota sadiin akkasumas mootummaan 'itti-gaafatama sirnaan bahuu dhabuun' lammiileen qe'eefi qabeenyasaarraa buqqa'aniiru.

UN ibsa isaa keessatti Naannoo Benishaangul, Godina Kaamashii dabalatee jiraattonni 500,000'tti tilmaamaman buqqa'uu himeera.

Kana dura Qondaalli Mootumaa Naannoo Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadiir rakkoo nageenyaan Oromiyaa keessatti lammiileen kuma dhibba jahatti siqan buqqa'uu BBC'tti himanii turan.

Obbo Oliiqaan hamma namoota rakkoo nageenyaan buqqa'an lakkoofsaan akkanaan ibsu.

''Gara 11,000 ol Wallagga Lixaa, gara 36,000 ol immoo Walagga Bahaadha.

''Naqamtee irratti kuntaala 47,000 ol ji'oota sadan darban kana bakka rakkoon jiruufi hammaatu akka geessisan dhaqqabsiisneerra,'' jedhan.

Gargaarsa barbaachisu dhaqqabsiisuuf ga'umsa qaban kan gaafataman Obbo Oliiqaan, ''Marsaa ammaatiin kan gaafatamne dhaqqabsiifnee jirra,'' jedhan.

''Qoratamee dafee akka nu qaqqabuuf kan nuti gochaa jirru. Sanarratti hundoofnee deeggarsa itti fufna,'' jechuun himan.

Rakkoo nageenyaan ala balaa lolaa, hongeefi waraanaan lammiileen Itoophiyaa gargaarsa fedhan miiliyoonaan lakkaa'amu.

UN maal jedhe?

Lolli Tigraayitti eegaluu hordofee humnooti hidhatan Lixa Oromiyaarraa gara giddugaleessatti yerootti socho'an ture.

Maatii Harargee, Aanaa Sibuu Siree, Araddaa Baqqoo irraa buqqa'anii Adaamaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Maatii Harargee, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree, Araddaa Baqqoo irraa buqqa'anii Adaamaa jiran

Erga 2021 walitti bu'iinsi Wallagga Bahaafi Horro Guduruu akkasumas godinoota Shawaatti babal'atuufi buqqaatiin Oromiyaa keessaa akkasumas namoonni gara Naannoo Amaaraatti buqqa'uu UN hime.

''Bara 2022 michootni keenya balaa nageenyaaf saaxilamaniiru, taatee dhukaasaa si'a lama raawwate dabalatee, hiraarsaa, yeroof hidhamuufi dirqiin konkolaataa oofuu,'' isaan qunnamuu hime.

Dabalataan rakkoon nageenyaa sochii namoota gargaarsa namoomaa dalaganii keessumaa daandii Finfinnee - Naqamtee akkasumas hanga Asoosaa danquu ibse.

Kanaanis, deeggarsaafi boba'aa baqattootaafi godaantota kuma hedduu Asoosaafi Maa'oo Koomoo geessuuf rakkisuu dubbate.

Daandiin gara Naannoo Benishaangul Gumuuz geessu gama Lixa Oromiyaa darba.

''Gama kaaniin bakkeewwan Qeellam Wallaggaa yeroo dheeraaf dhaqqabuun rakkisaa ture amma dhaqqabamuu akkasumas bakkeewwan Wallagga Bahaa gara gadii dhaqqabameera,'' jechuun UN ibse.

'Uummati gargaarsa hinfedhu'

Akka UN jedhutti hammi hanqina nyaataa daa'imman umrii shan gadii 22%'tti ol guddachuu akkasumas dubartoota ulfaafi hoosisan ammoo 42%'tti guddachuu hime.

''Rakkoon nageenyaa dhaabbilee gargaarsaa gargaarsa kennan baadiyyaa dhiisuun daandii ijoo gubbaatti akka murtaa'an godheera. Kunimmoo hamma ummata bira gahamu danqeera.

''Kanneen Horro Guduruutti buqqa'aniifi kumaan lakka'aman akkasumas kanneen Kaamashiirraa buqqa'an akkasumas hanga yoonaa hin galmoofne,'' deeggarsa malee hambiseera jedhe.

Hookkaraafi qabeenyi ummataa waan manca'eef tajaajilli barnootaa, fayyaa, bishaan dhugaatiifi qulqullinaa rakkoon isa mudatu ibse.

''Lixa Oromiyaatti buufataaleen fayyaa 426 saamichaafi mancaatiin tajaajila kennaan akka hin jirre gabaafameera.

''Wallagga Bahaatti manneen barnootaa 144 cufaa waan ta'anif barattoonni 62,000 ol barumsarraa hafaniiru.

''Haaluma walfakkaatuun Wallagga Lixaatti manneen barnootaa 184 cufaa waan ta'aniif barattoonni 89,000 barnootarraa danqamaniiru,'' jedhe.

Walumaagala rakkoon nageenyaa jiruufi jireenya hawaasaa hubuu kan ibse UN, namoota gargaarsa fedhan bira geessuuf aangawoonni rakkoo nageenyaafi bajata/lojistikii akka rakkatan ibse.

Kanaafis gargaarsi ummata bira gahu akka ciccitu beeksise.

Beenishaangul Gumuz

Sababa rakkoo nageenyaan hawaasi gama Lixa Oromiyaa jiru buqqaatiifi ajjeechaaf saaxilameera.

Gargaarsa eeguutti adeemaa jiraa? Egeree isaaf maal gochaa jirtu? jedhamanii kan gaafataman Obbo Garramuun haala ummatichaa akkanaan ibsu;

''Gara Lixaa [ummatichi] gaafachuu miti gargaarsa fudhachuullee hin barbaadu. Ciisee du'a malee harka namaa hin ilaalu ejjennoo jedhu qabu,'' kunis ta'u hubachiifnee gargaarsa geessaafi jirra jedhan.

Namni ammayyuu qe'eesaatti deebi'aa jira kan jedhan Obbo Garramuun, jireenya isaanii duriitti akka deebi'an godhamaa jiraachuu dubbatu.

Yoo rakkoon hammaatee gargaarsa barbaada ta'e gargaarsa dhiheessuuf mootummaan qophii ta'u ibsu.