Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa lolaa KuwaaZuuluu-Naataal: Maatii balaa lolaan ijoollee sagal dhaban
Lammiileen Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal ammallee balaa lolaa hamaa isaan mudateen laalatanii jiru. Balaan lolaa waggaa 60 keessatti mudatee hin beekne kun ji'a darbe keessa lammiilee 435 galaafate.
Akka gaazexeessaan BBC Pumza Fihlani gabaastetti namoota reenfi isaanii argameef sirni awwaalcha waloo gaggeeffamaa jira, reenfi namoota hedduu garuu bubbee hamaa rooba waliin tureen fudhatamee waan badeef argamuu hin dandeenye.
Balaan lolaa hamaan akkasii biyyattii keessatti kanaan dura mudatee kan hin beekne yoo ta'u, bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal keessatti maatiin guddoo dararaman.
Balaan kun godaannisa cimaa maati Midaalosee keessakaa'ee darbe. Namni umrii waggaa 43 Silindilee Midaaloseefi ijoolleen sagal kan umriin isaanii waggaa lamaa hanga 10 gidduu jiru balaa kanaan dhumaniiru.
Osoo isaan rafanii lolaan qe'eesaanii haxaawee fuudhee bade, maatiin kan hanga yoonaa reenfi isaaniiyyuu hin argamne.
Eessumni daa'imman dhumanii Tokozaanii Midaalosee ,"dhugaa dubbachuuf ni maraanne. Qalbii dhabne. Sammuu keenya fayyadamuu dadhabne. Kun dubbachuufillee namatti ulfaata,'' jechuun BBCtti himan.
Sirni awwaalchaa Silindilee Midaalosee fi daa'immanshee shanii- Uyanda, Lubanzi, Ziyanda, Asanele, Lulama - ganamaan raawwate, haati kun ijoollee reenfi isaanii hanga yoonaa hin argamin jiru afuriifis adaadaadha.
Aab Tokozaani Midaalosee daa'imman dhuman kunneen madda gammachuu fi waan hundaa qe'eesaanii akka turan himan.
Obboleettiinsaanii Nonkululekoo Midaalosee, ammoo balaan kun osoo hin mudatiin sa'aatiiwwan muraasa dura wayita obboleettiisheef bilbiltetti miira sodaa keessa akka turte himte.
Rooba kanaan dura arganii hin beeknetu roobaa ture, garuu balaa haga kanaaf saaxila jedhanii hin yaadne jette Nonkululekoon.
Balaa lolaa kanaan namoota du'an 435 keessaa hanga yoonaa namoota 200 gadi qofatu reenfisaanii argamee awwaalame. Reenfi namoota 59 abbaan wal'aalamee jira.
Bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal keessatti Waldaalee tajaajila awwaalcha reenfaa kennan keessaa tokko kan ta'e, Icebolethu , hanga ammaatti reenfa namoota 70 caalanii awwaaleera.
Dursitoota waldichaa keessaa tokko kan ta'e Mthokozisi Bhengu, reenfi namootaa bishaan keessa turuurraa kan ka'e akkaan babbadeera, kanaafuu hatattamaan awwaalamu malee gara hin taanetti deema jedhe.
Uumanni kun karaa aadaa fi duudhaan ganamaan namasaa awwaallachuuf eega, garuu hanga reenfi namoota kaanii argamutti kanneen walitti qabaman akka awwaalaman dhiibbaa uumaa jiraachuus hima namni kun.
Kanneen eenyummaansaanii hin beekamin jiruuf ammoo furmaanni tokko qacceen sanyii, DNA, isaanii erga qoratamee booda maatiin akka gadda taa'ee awwaallatu gochuudha jedhan.
Mootummaa fi dhaabbileen tola-ooltotaa maallaqa sirni awwaalchaa waloo ittiin raawwatamu ramadaniiru.
Garuu haalli hojimaata maallaqi ittiin kaffalamuu sirna awwaalchaa irratti harkifannaa uumeera jedhamaa jira.
Hooggantuun Waldaa Kennitoota Tajaajila Awwaalchaa Afrikaa Kibbaa Nomfudoo Mikoyii, barfannaa kana dursanii hambisuun ni danda'ama ture jedhan.
"Fuulduraaf mootummaan rakkoo mudateef dafee ogeessa ramadee hojjechuu qaba. Akkamiin akka hojjechuu qabdan isinitti himan,'' jechuun mootummaa qeeqan.
Mootummaan biyyattii gamasaan balaa kanaan kanneen miidhaman gargaaruutti jiraachuu hima, maatii namoonni sagal jalaa dhuman kunneen dabalatee hedduudhaaf manneen isaanii jalaa barbadaa'e deebisee ijaaruufiitti akka jiru ibseera.
Pirezidanti Siiriil Raamaafoosaan maallaqi duraan ramadame doolaarri miiliyoona 68 bulchiinsa Kuwaa Zuuluu- Naataal deebisanii ijaaruun hafee, sirna awwaalcha waloo kanaafiyyuu akkaan xiqqaa ta'uu amananiiru.