Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree moodeesii yeroo 100 miiccamuu danda'u oomishaa jirtu
Mikaal Maammoo hundeessituu dhaabbata Adayi dha. Adayi moodeesii al 100 miiccamuu danda’u oomisha. ''Dubartii tokkoof moodeesii qabaachuuf dhabuun, hamma ifaa fi dukkanaati,’’ jetti Mikaal.
Itoophiyaa keessatti dubartoonni harka 75 laguu isaanii erga arguu jalqabanii moodeesii ittiin qulqullina eeggatan hin argatan.
Moodeesiin waan qananii miti. Jireenya dubartootaa keessatti waan bu’uuraa tahullee kana dhabuun dubartoonni ni rakkatu jetti Mikaal.
Mikaal hojiinshee moodeesii oomishuu qofa miti. Hiyyuummaa laguu wajjin wal-qabatu hiikuufis ni tattaafatti.
Moodeesiin kaffaltii gibiraa irraa bilisa akka tahuufi gatii madaalawaan akka dhiyaatu hojjetti. Guutummaa biyyattiitti dhiyeessiinsaa akka qaqqabu namoota socho’an keessas jirti.
"Laguun isaanii yeroo dhufu daara irra taa’u"
Dubartoonni magaala keessa jiraataniyyuu moodeesii akka salphaatti argachuuf ni rakkatu.
Mikaal immoo warreen seenaa kanarra hammaatu qaban beekti.
"Dhagahuufillee sitti hin tolu, baadiyyaa keessa dubartoonni laguun isaanii yeroo dhufu daaraa irra taa’u. Kuboota irra taa’u. Boollarra taa’u, takka takka laastikii afanii irra taa’u.
"Dubartoonni dhiigni wayyaa isaanii akka hin tuqneef jecha huccuu gara garaa kan qaama keenyaaf gaarii hin taane fayyadamu," jetti.
Mikaal kuni bu'aa rakkoo imaammataa, hiyyummaa fi ilaalcha sirrii hin taanerraa dhufaa jetti.
Moodeesiin biyyatti galu akka miya qananiitti gatii ilaalamuuf gatiinsaa akka dabalu godha jechuun ibsiti.
Waa'ee laguu odeessaalee biroo:
- Dubartoonni paadii dhaban laguusaanii to'achuuf uffata moofaa, baalaa fi biyyeetti fayyadamu
- Itoophiyaan qaraxa omishaalee qulqullinaa wayita laguuf oolanii hir'ifte
- Barattuun kutaa keessatti laguun itti dhufe qaana'uun of ajjeeste
- Yeroo laguu dubartootaaf boqonnaa kennuun haala hojii geeddaruu danda'aa?
Mootummaan gaaffii waggootaan booda gibira moodeesii irratti foyya’insa taasiseera.
"Warreen biyya keessatti moodeesii oomishaniif mi'a alaa galfatan gibira %10 qofa kaffalanii akka galchan murteessee ture, garuu hamma yoonaa hojiirra hin oolle,’’ jetti Mikaal.
Modeesiin paakkoon tokko kan qarshii 17-20 gurguramaa ture yeroo ammaa birrii 35 dhaan gurguramaa jira. Kana dubartoota hangamiitu bitachuu danda’a?
Rakkoon kuni bitachuu dadhabuu qofaan hin dhaabbatu qaaniifi sodaachuunis waliin jiru.
Mikaal seenaa shamarree tokkoo hin irraanfattu
Finifnneedhuma keessa. Mikaaliifi waayiloonnishee moodeesii arjoomuuf gara mana barumsaa tokko deeman.
Intalli tokko, ‘’seenaan koo nama baayyee ijaa barsiisuuf isinittan hima,’’ jettee gara wal-tajjiitti baate.
Barattuu sadarkaa lammaffaati. Laguu ishee yeroo jalqabaaf yeroo argitu maatisheetti himte.
Deebiin maatiirraa argatte garuu takka kan isheen yaaddee hin beekne ture.
‘’Saal-quunnamtii raawwatteett!’’ jechuun maatiinshee itti dheekkaman.
Intalli sun yeroo seenaa ishee dubbattu boo’aa turte.
Maatiin ijoollee isaaniitti waa’ee laguu itti hin himan, hin qopheessaniin. Mana barumsaa keessas mariin fayyaalessa tahe hin adeemsifamu. Moodeesii akka salphaatti hin argatan jetti.
Moodeesii miiccamu
Mikaal barnoota daldalaan kan eebbifamte yoo tahu, oomisha moodeesii Adayi waggaa sadii dura dha kan isheen hundeessite.
"Paadii bitanii fayyadamuun rakkoo guddaa akka tahe kanin bare ergan hojii kana keessa galeen booda dha. Rakkoon guddaa akkanaa jiraan jedhe,’’ jetti.
Laga Xaafootti wayyaa ijoolee oomishti ture. Ijoolleen naannoo waan moodeesii ittiin bitatan dhabanii yeroo rakkatan argitee damee hojiishee geeddarte.
"Rakkonsaa ijoolleen kunneen moodeesiin maal akka tahe hin beekan sadarkaa jedhamurra dha kan jiru,’’ jechuun dubbatti.
Dubartoonni kunneen guyyaa sadii hanga torbaa sababa kanaan mana barumsaa hin deeman.
Dhaabota moodeesii irra deebiin faayidaarra oolu oomishan dawwachuu jalqabde. Barataafi hojjetaa haasofsiiste.
Moodeesiiwwan irra deebiin faayidaarra oolan qaamaaf akka tolanitti akka hin tolfamne hubachuu dandeesse.
Akkoowwn keenyi uffata isaanii jirbiirraa hojjetameerraa baqaqasanii gatii fayyadamaniif, ‘’waan qaama isaanii miidhu hin turre,’’ jetti. Moodeesii bara keenyaaf tahu oomishuufis kutattee kaate.
Samuuda fayyaaf tolan jettu qo’attee dhaabbatashee Adayi hundeessite.
Itoophiyaa keessa moodeesii irra deebiin faayidarra oolu oomishuuf safarri qulqullinaa bahee taa’ee hin jiru jetti.
Mikaal ogeessota fayyaafi fayyaa wal-hormaataa irratti hojjetan waliin tahuun guutummaan guutuutti moodeesii kana jirbiirraa oomishti.
Moodeesiin kuni miicamee dafee aduudhaan akka gogutti hojjetama. Halluun addaa itti dabalamu hin jiraatu.
Moodeesiin miya sirrii taheen yoo hojjetamuu baate infeekshinii gadameessaaf nama saaxiluu mala.
Yeroo baayyee kan jedhamu dhiigni laguu miili-liitirii 10 gatii taheef Adayi illee safara sanaan hojjetame jetti.
Dubartoonni yeroo laguu argan rakkoon isaan mudatu inni tokko mana fincaanii galanii itti geedaratanidha, kanaaf moodeesiin Adayi dhangala’aa sa’atii 6-10 akka qabatutti hojjetame jechuun ibsiti.
Moodeesiin miicamee irra deebiin faayidaarra oolu baayyeensaa gidduugalaan ji’a 18 hanga waggaa 3 kan turuu danda’u dha.
Adayi yeroo ammaa hojjettoota dubartootaa 82 kan qabu yoo tahu, moodeesii al-100 miicamuu danda’u oomisha. Kanaanis hanga waggaa lamaatti tajaajiluu danda’aa jechuu dha jetti Mikaal.
Paakkoon tokko moodeesii afur qabata, gatiinsaas birrii 140 dha.
Moodeesiin tokko marsaa laguu tokkoon al-lama faayidaarra ooluu danda’a jetti Mikaal.
Modeesii afur keessaa sadii kan guyyaaf faayidaarra oolan yoo tahu tokko immoo kaanirra xiqqoo kan guddatu tahee, halkaniif kan tahu dha. Inni halkanii kuni sa’atii 12f kan turu danda’u dha jetti.
Moodeesii wajjiin korojoo dhangala’aa hin dabarsine xiqqoon tokko jira. ‘’Innis dubartoonni moodeesii geeddaratanii akka keessa keewwataniif yaadamee kan qophaa’e dha,’’ jetti.
Adayi akka umrii fayydamtootaa madaalutti xiqqaa, gidduugaleessaafi guddaadhaan qophaa’a.
Dubartoonni dahan, ga’eessonniifi dafqaan bultoonni isa guddaa filatu. Shamarran umrii dargaggummaarra jiran immoo isa xiqqoo filatu.
Gibirri haa ka’u, gatiin haa murtaa’u
Mootummaan gibira moodeesiirra jiru yoo kaasa kan jedhu ammalee deebii hin arganne jetti Mikaal.
"Mi'a moodeesii hojjechuuf gargaaruufi moodeesii al tokkoof fayyadurraa gibirri ka’uu qaba.’’
Moodeesiin miicamee deebi’ee hojiirra ooluuf madaalli qulqullinaa akka bahuufis gaafatti.
Madaalli qulqullinaa kan barbaachisu, mijataa, kan dhagala’aa afatu, miidhaa cinaa kan hin qabne akka tahuufidha.
Adayi torbee tokko keessattii moodeesii dubartoota kuma shaniif gahu akka oomishu dubbatti Mikaal.
Miya galteef tahu baayyee biyya alaa gatiin fiduuf yeroo baayyee danqaan na mudata jette.
"Rakkoon keenyi inni guddaa dhimmi gibiraa furmaata argachuu dhabuu dha. Nuti moodeesiin buqqaatotaafi hawaasa biroof akka qaqqabu hojjenna, garuu mootummaa biraa badaa deeggarsi hin jiru,’’ jetti.
"Dubartoota haa angessinu jedhanii yeroo dubbatan hiyyummaa meeshaalee qulqullina laguuf barbaachisan dhiyeessuurratti tahuus qaba,’’ jetti.
Sosochiin Mikaal keessa jirtu kan ‘’Laguu argiteettaa? Mana barumsaa deemtaa?’’ jedhamu yoo tahu, xiyyeeffannoon isaa barattoota dubartootaati.
Sosochiin isaanii waggaa sadii dura naannolee 10 keessatti dubartoota kuma 50 qaqqabuuf kan kaayyeefate ture.
Tasgabbii dhabuun biyyattii hojii isaanii danqus garuu hamma yoonaa dubartoota 12,000 qaqqabuu danda’aniiru.
Waraanaan dura Maqalee, achii Affaar, Walloo, Dabira Birhaan, Baaleefi Finfinne keessa moodeesii raabsaniiru. Lafa buqqaatonni jiran biro deemuunis kennaniiru.
Modeesii qabaachuu fi dhabuun… ifaa fi dukkana
Akka Mikaal jettutti modeesii qabaachuufi dhabuun hammuma ifaa fi dukkanaati.
Wayyaan isaanii gatii laguun tuqeef shamarran mana barumsaarraa hafan beekti Mikaal. Ala laguun isaanii dhufetti warra hin deemne immoo baayyee akka tahan himti.
Mikaal waanti ishee gammachiisu ijoolleen dubartootaa moodeesiin yeroo isaaniif kennamu gammachuu fuula isaaniirratti argaitu dha.
"Boqonnaa fuula isaaniirratti argituun gammadda. Otoo hin dhiphatiin waggaa lamaaf mana barumsaa akka deeman yeroo yaadattu si jajjabeessa. Barattoonni yeroo moodeesiin kennamuufi imimmaan isaan qaba. Amma barumsa kootti nan cima. Kan na dhaabu hin jiraatu.Yeroo jedhan dhagahuun hojiin keenyi jijjiirama fideera akka jennu nu godha,’’ jetti.
"Dubartoonni baayyeen ergaa galatoomiifi eebba karaa miidiyaa hawaasaa naa ergu,kuni immoo rakkoon kuni hangam gad-fagoo akka tahe natti agarsiisa,’’ jetti Mikaal.
Yeroo Mikaal fa’i moodeesii kennan ogeeyyii seeraafi fayyaa wal-hormaataa eeyyamamoo tahan barumsa akka kennan wal-tajjiin ni qophaa’a.
Dubartoonni gaaffii gaafachuu fedhan mara bilisummaan akka gaafatan taha.
Barsiisonni sirna koorniyaafi narsoonni barattootaaf haala kamiin deeggarsa kennuu qabu kan jedhu ni ka’a.
Barattoonnis tahe buqqaattonni yeroo moodeesiin kennamuufi miirri gad-aantummaa akka itti dhagahmu hin barbaannu.
Hiyyuummaa miyoota laguu hambisuuf qaama sochii taasifamuu kan taate weellistuu Tsadaniyaa Gabiramaarqoos,’’moodeesii kennuuf yeroo deemnu dubartoota achi jiraniif sirbashee keessaa kan jaalatan sirbitiifi, modeesii dhabuun mul’atni gufachuu akka hin qabne itti himna,’’ jetti Mikaal.