Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Walitti bu'iinsa Gondaritti uumameen lakkoofsi namoota du'anii 20 gahe' - Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa beeksise
Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa walitti bu'insa Ebla 26 magaalaa Gondaritti uumameen walqabatee namoonni 20 ajjeefamuu beeksise.
Kana malees, miidhaan qaamaas akka qaqqabeefi masgiidonni akka gubatanis ibseera.
Itti-gaafatamaan masgiidaafi damee beekumsaa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Hajjii Usmaan Umar BBCtti akka himanitti, hanga ammaatti namoonni 20 ta'an du'uu isaanii Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Naannichaa mirkaneesseera.
Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa Kibxata galgala baaseen walitti bu'insa Kanaan walqabatee namoonni akka du'an ibsus lubbuun namoota meeqaa akka darbe lakkoofsaan hin ibsine.
Manni Marichaa ibsa Roobii guyyaa baaseen, bakka awwaalchaa Musliimaa Gondaritti sirna awwaalchaa osoo gaggeeffamaa jiruu Musliimota awwaalchaaf bahan irratti gareefi dhuunfaatiin haleellaan raawwatameera jedheera.
Halleellaan kun kan raawwatame, "meeshaaleen dursanii qophaa'aniinidha" jechuun kan himate ibsi kun, haleellaa Kanaan lubbuu namaa darbuu dabalatee suuqiiwwan hawaasa Musliimaa saamamanii, masgiidonnis gubatanii, Musliimonni ammo adda baafamanii reebamuu isaanii ibseera.
Manni marichaa ibsa baasen haleellaa magaala Gondaritti Musliimota irratti xiyyeeffate balaaleffachuun hawaasni Musliimaa idil-addunyaa gochicha akka balaaleffataniif waamicha dhiyeessera.
Itti dabaluunis, "Hordoftoonni amantii biraa haleellaan, miidhaan, saamichiifi ari'atamni nurra gahe isaan rifachiisuui gaddisiisuu qaba," jechuun ergaa dabarsee jira.
Haleellaa qindaa'aa irra deddeebin amantaa Islaamaafi dhaabbilee hordoftoota amantichaa irratti dhaqqabu Mootummaan Naannoo Amaaraa dhaabsisuu i namoota gochaa kana raawwatan irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu manni marichaa gaafatee jira.
Mootummaan naannichaa ibsa baasen, "Sababa walitti bu'iinsa uumameetin miidhaa lubbuu, qaama fi qabeenya irra gaheen gaddi guddaan akka nutti dhagahame ibsaa maatiwwan miidhamtootaf jajjabina hawwina" jedheera.
Itti dabaluunis, hanga miidhaa lubbuu namaa fi qabeenya irra gahe akkasumas odeeffannoowwan barbaachisoo biroo walitti qabuun odeeffannoo sirrii uummataaf akka dhiyeessu kan ibse yoo ta'u, shakkamtoota haleellicha keessa harka qaban to'annoo seeraa jala oolchuf akkasumas miidhamtootaf deeggarsa gochuuf hojii akka jalqabe ibsee jira.
Itti gaafatamaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa Obbo Dassaalany Xaasawu turtii Amaaraa Miidiyaa Korporeeshinii waliin turtii taasisaniin caasan nageenya naannichaa rakkoo uumame to'achuuf hojjachaa jiraachu fi tarkaanfii seeras akka fudhatu ibsaniiru.
Obbo Dassaalany akka jedhanitti qaamoleen gochaa maqaa amantii xureessuu, odeeffannoo sobaa tamsaasu fi dhagaa darbachuun walitti bu'iinsi uumame akka hammaatu godhan akka jiran ibsuun caasan nageenyaa ilaalcha amantii, sanyummaa fi siyaasaa irraa bilisa ta'ee carraaqqii heduu gochaa jira.
Wanti uumame maali?
Ibsa baheen akka himametti, walitti bu'insi kun kan dhalate sirna owwaalchaa Gondaritti nama amantii beekamaa kan tahan Sheek Kamaal Lagaas irratti ture.
Iddoo awwaalchaatti dhagaan qabriif oolu wayita kahutti, bataskaanni maddii bakka owwaalchaa jiru ''dhagaan daangaa bataskaanaa keessa kan jiru'' tahuu eeruun, muddamni eegale.
Hoogganaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Naannichaa Obboo Dassaaleny Xaasaw gamasaaniin, hordoftoota amantaa Islaamaas tahe Kiristaanaa gidduutti waldhabdee uumuuf jecha ''odeeffannoo dogoggoraa kennuun dhagaan darbachuun eegalame,'' jedhan.
Ibsi mootummaan baase: ''dhagaa awwaalchaaf tahu ni kaasna daangaa Masjiidaati - lakkii hin kaastani daangaa Batsakaanaati,'' kan jedhuun hokkora namoota muraasa gidduutti eegaleen, lubbuun namaa badeera miidhaanis gaheera jedha.
Sochiiwwan qabeenya dhaabbilee garagaraa mancaasuunis mul'ateeras jedha.
Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) dhimma kana ilaalchisuun ibsa fuula Feesbuuk isaarratti baaseen: ''Lammiilee keenya Musliimaafi Kiristaanaa magaalaa Gondaritti argaman walitti buusuuf sochii eegalame, qaamni hawaasaa hundi waltahuun dhaabsisuu qaba,'' jedhe.
Taatee kanas: ''ajandaa qaamolee uummata keenya tasgabbii dhorkuuf barbaadanidha,'' ittiin jedheera. Hordoftoonni amantaa lamaanii ''balleessitoota to'achuu irratti akka tumsan,'' waamicha dhiyeesseera.
Dhalachuu taatee kanaa hordofee waan Gondaritti mudate mormuun, iddoowwan garagaraatti hiriirri mormii gaggeeffamuu, suuraaleefi viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti qoodaman ni mul'isu.