Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni Tigraay guutummaatti Naannoo Affaar keessaa bahuu himan, aanga'oonni Naanichaa sirrii miti jedhu
Humnoonni Tigraay guutummaatti Naannoo Affaar keessaa bahuu himuusaanii gabaafamuu hordofee, Naannoon Affaar garuu guutummaan guutuutti naannichaa akka hin baane hime.
Ittigaafatamaan Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Naannichaa Obboo Ibraahim Humad Mohaammad, humnoonni Tigraay iddoowwan naannichaa gara caalu keessaa bahanis, guutummaatti garuu daangaa naannichaa keessaa hin baane jechuun BBCtti himan.
Humnoonni Tigraay naannoo Affaar keessaa guutummaan guutuutti gadhiisanii bahuu Dubbi Himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraa (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa dubbachuu isaanii Rooyitars Kibxata gabaasee ture.
Haatahu malee qondaalli Affaar kun: ''Haala guutummaatti jedhamuun hin baane. Aanaa Magaallee keessa gandoota Araajuu fi Hidaa jedhaman keessatti waraanni [TPLF] muraasni ni jira. Abaalaa irraa fageenya km 15tti daangaa keenya keessattii haga ammaa jiru,'' jechuun himan.
Obboo Ibraahim akka jedhanitti, guyyoota sadan darbanitti finciltoonni Tigraay naannoo Affaar gara caalu keessaa bahuu eegalaniiru. ''Waanin mirkaneessee dubbachuu danda'u, iddoowwan hedduu keessaa dhiisanii bahaniiru. Barhaalee keessaa dheengadda [Ebla 24] bahan,'' jedhan.
Dubbi Himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraa (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa, humni isaanii bahuun isaa baayyee barbaachisaa kan ta'eef, naannoo Tigraay beelaan miidhamaa jiruuf gargaarsi nyaataa sirriitti galuu danda'a abdii jedhu akka qaban ibsuu isaaniis gabaasni kun eereera.
"Humni keenyaa Affaar keessaa baheera," jechuun ture Obbo Getaachoo Raddaa Rooyitarsitti guyyaa Wiixataa kan dubbate.
Gabaasa TPLF humna waraanaa kiyya Affaar keessaa guutummaan guutuutti baaseera jedhu ilaalchisee deebii mootummaa Federaalaa argachuudhaaf Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaafi aanga'oota Affaariif irra deddebiin bilbillullee bilbila keenyan waan hin kaasneef hin milkoofne.
Haata'u malee, Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa konkolaataawwan Sagantaan Nyaata Addunyaa meeshaa gargaarsaa fe'an 74 gara Tigraayitti imalaa jiru jechuun guyyoota sadii dura baaseen, humnoonni Tigraay naannolee Affaariifi Amaaraa keessaa guutummaan guutuutti akka bahaniif gaafateera.
Ibsa isaa kanaan konkolaataawwan fe'isaa 1,025 gara Tigraay deemanii hin deebi'iin jiran akka deebiyaniif hawaasni addunyaa dhiibbaa akka irratti taasisuufis gaafateera.
Guyyoota muraasa dura TPLF naannoo Affaar keessaa guutummaan guutuutti bahuudhaaf hojmaanni gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee itti dhiyaatu diriirfamuufi tajaajilawwan misoomaalee bu'uuraa addaan citanii turan deebisuu dabalatee haal-dureewwan muraasa kaa'uun isaa ni yaadatama.
Gargaarsa namoomaa ummata Tigraayiif murteessaa ta'e qaqqabsiisuudhaaf koriidarii itti dabarsan amansiisaa jiraachuu, hojimaata waaraa, hin daangeffamne, waqtaawaafi gahaa ta'e qaqqabsiisuuf dandeessisu diriirsuu, akkasumas dhorkaan Tigraay irra kaa'ame ka'ee tajaajilawwan hawaasaafi dinagdee deebiyuu akka qabu haaldure kaa'anii turan sanaan ibsuu isaanii Obbo Getaachoo Raddaa Tiwiitara isaarratti ibseera.
Waraanichaan walqabsiisee naannoo Tigraay tajaajilawwan bu'uuraa akka ibsaa, bishaan, bilbila, geejjibaafi baankii addaan citanii jiru.
Rooyitars Komishanarii Poolisii Affaar Ahimad Haariifin kan dubbise yoo ta'u, humnoonni Tigraay magaalaa Abi'aalaa keessaa bahullee yeroo ammaa kana aanaalee naannichaa sadii keessa jiru jedheera.
Daandii guddaa Abi'aalaafi Maqalee wal-qunnamsiisus humnoonni Tigraay to'atanii akka jiran Komishinarichi dubbachuu isaa kan gabaase Rooyitars, odeeffannoowwan aanga'oota naannoofi milishoota irraa argachaa jiraachuu Komishinarri kun dubbachuus ibseera.
Humnoonni TPLF naannoo Affaar Zoon Hulet keessatti aanaalee argaman lama to'annoo isaa jala kan oolfate walakkeessa baatii Amajjii keessa ture.
Kanaan dura Itti-gaafatamaan Biiroo Komunikeeshinii Affaar Obbo Ahimad Halooyitaa, humnoonni TPLF naannoo Affaar Zoon Hulet keessatti aanaalee argaman shan to'achuu isaanii dubbatee ture.
Aanaalee godina Kilbetii Rasuu TPLF to'annoo isaa jala oolfatee ture shanan keessaa Abi'aalaa, Magaallee, Errebtiifi Baraahilee ni argamu.
Torbanoota muraasa dura mootummaan Federaalaa gargaarsi namoomaa haala si'aa ta'een naannoo Tigraay qaqqabsiisuuf jecha dhukaasa dhaabuudhaaf murteessuu isaa beeksisee ture.
Humnoonni Tigraay gargaarsi gahaan naannicha "yeroo giddu-galeessaan" hanga qaqqabetti waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka kabaju dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan ibsa murtee walitti bu'insa dhaabuu beeksiseen humnoonni Tigraay haalleellaa kamirraayyu akka of qusataniifi bakkawwan naannolee ollaa humnaan qabatan keessaa akka bahaniif gaafatee ture.
Tibba kana TPLF humna isaa naannoo Affaar keessatti bakka Irrebtii jedhamu keessaa baaseera kan jedhe yoo ta'u, murtee kanarra kan gaheefis waliigalteen namoomaaf taasifame kabajamee gargaarsi namoomaa osoo hin daangeffamiin Tigraay akka qaqqabuuf jechuun isaa ni yaadatama.
Waraana dhaabuun erga labsamee booda kan kaleessaa dabalatee konkolaataawwan gargaarsaa qaqqaban 144 ta'uu isaanii odeeffannoon Sagantaa Nyaata Addunyaa kan eeru yoo ta'u, namoota gargaarsi barbaachisu miliyoonotaan lakkaa'aman qaqqabsiisuun hin danda'amne jedhameera.
Naannoo Tigraayitti gargaarsi yeroo dheeraaf adda citee waan tureef gargaarsi yeroo ammaa barbaachisu dachaa sadiin dabalee, konkolaataawwan 300 guyyaatti akka galan dhaabbileen gargaarsaa waliin waliigalteerra akka gahame Qindeessaan Gargaarsa Yeroo Atattamaa Tigraay tibba kana beeksiseera.
Naannicha keessatti ummanni kuma 400 ta'u beela hamaaf saaxila kan jiru yoo ta'u, jiraattonni miliyoonaan lakkaa'aman ammoo gargaarsa nyaataafi qoricha atattamaan barbaadu jedhameera.
Waraanni Sadaasa 2020 naannoo Tigraay keessatti jalqabee gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaaritti babal'ate, dhiiga hedduu dhangalaasee, lammileen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo qe'eerraa buqqisuun rakkoo namoomaa hamaa qaqqabsiiseera.
Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) jedhutti, ummanni miliyoona 10 ta'u kaaba Itoophiyaatti gargaarsi namoomaa kan isaan barbaachisu yoo ta'u, kana keessaa ammoo walakkaa ol kan ta'an naannoo Tigraay keessatti kan argaman ta'uu ibseera.
Waraanni baatiiwwan 18 lakkoofsise kun akka dhuma argatuuf Ameerikaa dabalatee Gamtaan Afrikaafi michoonni biroo carraaqaa jiru.
Dhiyeenya kana mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu kan labsan yoo ta'u, karri nagaa saaqame kun itti bal'atee waraana dhiiga dhangalaase kana dhaabsisuu marii dandeessisutti deemuu akka danda'ullee abdatamaa jira.