Naayijeeriyaa bakka boba'aan seeraan alaa itti oomishamutti namoonni hedduu du'an

Site of the abandoned oil refinery

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Iddoon oomisha boba'aa seeraan alaa kan akkasii kun (kan 2017tti hojii dhaabe), Naayijeriyaa bakka baay'etti argamu

Kibba Naayijeeriyaa bakka boba'aan seeraan alaan itti calalamutti dhoohinsa dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 50 lubbuu dhabuu aanga'oonni himan.

Namoonni hedduun hagana hin jedhamne, wayita iddoon sun ibidda guddaan qabatetti hojjechaa akka turan ni tilmaamama.

Baay'een isaanii haalaan waan gubataniif, eenyummaasaaniillee adda baasuun hin danda'amne.

Hiyyummaan garmalee fi hojii dhabinsi biyyattii keessa jiru, hawaasni kibba Naayijeeriyaa bakka boba'aan argamu keessa jiraatan hojii boba'aa calaluu seeraan alaa keessa akka galan taasisa.

Lakkoofsi namoota du'anii akkaan dabaluu danda'a jedhamaa jira. Ejensiin oduu AFP qondaala naannichaa tokko eeruun akka gabaasetti, hojjettoonni yeroo balaa ''yoo xiqqaate reeffa namootaa gubate 80 iddichaa baasaniiru.''

''Namoonni seeraan alaan boba'aa baasan of baasuun wayita baqatanitti, reeffi hedduun bosona dhiyeenya jirutti argamuu hubanne,'' jedhan Ejensii Yeroo Balaa Biyyoleessaa irraa kan tahan Ifeanyi Nnaji.

Angawoonni biyyattii bakka seeraan alaan boba'aan hatame itti oomishamu yookaan qulqullaa'u dabalaa dhufe to'achuun rakkoo itti taheera.

Balaa dhoohinsaa Sambata halkan mudate kanaaf ka'umsi maal akka tahe baramuu baatus, amma durallee balaan akkasii irra deddeebiin mudatee beeka. Iddoowwan kanneenitti qajeelfamni nageenya namootaa tiksu hojiirra hin oolu.

Bakkeewwan akkasii kanneenitti nageenyi eegamuu dhabuun dabalataan, faalamni naannoos rakkoo biraati.

Haatahu malee dhaabbileen Naayijeeriyaatti ifatti boba'aa qulqulleessan hanga humna isaanitti hin hojjetan. Kanaanis biyyattiitti irra deddeebiin hanqinni boba'aa mudachuun, gatiin dabaluunis ni mul'ata.

Map
1px transparent line