Taanzaaniyaa: dho'iinsi taankarii boba'aa lubbu namoota 60 galaafate

Burning tanker

Madda suuraa, Reuters

Dho'insa taankarii boba'aa Taanzaaniyaa keessatti uumameen yoo xinnaate namoonni 60 du'anii kanneen 70 ta'an madaa'u poolisiin beeksiise.

Suuraawwan intarneetiirratti maxxanfaman akka mul'isaniitti, laboobaan abiiddaa lafa bal'aa haguuguun qaama namootaa kufaniitti qabatee agarsiisa.

Poolisiin akka jedheetti namoonni boba'aa konkolaaticha keessaa yaa'uun daandiirratti dhangala'ee ture warraabbachuuf yaalaa turan.

Balaan kunis biyyattii keessatti Godina Morogoro jedhamtuu fi magaalaa Daaree Salaam irraa kan fageenya km 124 irratti argamtuutti qaqqabe.

Magaalaan Morogoro tunis daandii qaxxaamuraa konkolaatoonni buufata galaanaa irraa boba'aa ittiin dedeebiisan irratti argamti.

Lakkoofsi namoota du'aanii dabaluu danda'a sodaan jedhu jiraachuutu dubbatama.

''Haalichi dhugaatti badadha. Namoota baay'eetu du'e. Kanneen du'an isaan boba'aa hataa hinturre fa'iidha waan lafti isaa bakka namoonni itti baayyatu ta'eefu,'' jedha namni haalicha ijaan arge Daani'eel Ngogo.

Dursaan Poolisiin naannichaaa Wilbrod Mtaafungwaa akka jedhaniitti kanneen du'an heddunsaanii konkolaachiftoota motaraati.

Namoota naannawa balaan itti mudateetti wal gahan

Madda suuraa, Reuters

Gabaasaan naannichaa akka jedheetti, balaan akkasii kunis biyyoota Afriikaa biraa bakka namoonni boba'aa konkolaataafi sarara boba'aa keessaa hatuuf balaa olaanaaf of saaxilan hundatti ni umamama.

Baatii darbee keessas wayita konkolaataan boba'aa fe'ee tokko Kaaba Naayijeriyaa bulchiinsa Benuu keessatti kufeetti yoo xinnaate namoonni 45 du'aniiru.

Akkasumas Caamsaa keessa Naayijeeriyaa dhiheenya buufata xiyyaaraatti haaluma walfakkaatuun namoonni 80 ta'an du'aniiru.

Bara 2010 tti ammoo akkasuma DR Koonkoo keessatti namoonni 192 yoo du'an, waggoota shaniin booda ammoo Sudaan Kibbaatti namoonni 203 du'aniiru.