Iccitiin abbummaa gaarii maal akka ta'e beektu?

Abbaa ijooleesaa kunuunsaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Haalli jireenyaa bakka bakkatti garaagaradha. Biyya giddu-gala Rippablika Afrikaatti miseensoota gosa Akkaa jedhaman biratti ijoollee xixiqqoo kunuunsuun gahee warra dhiiraati.

Dubartoonni ammoo gara bosonaa deemuun adamoo adamsuun nyaata walitti qabuun maatii bulchu.

Abbootiin ammoo mana qulleessuu, ijoollee xixiqqoo xabachiisuufi mana keessatti nyaata qopheessuun guyyaa saanii dabarsu.

Gocha abbootii kanarraas waan baayyee irraa barachuu danddeenya jechuun addunyaan dinqisiifannaa isaanii ibsaaf jira.

Abbaa ilmaa

Madda suuraa, NurPhoto

Abbummaa gaariinis baroota dheeraan booda kan hiikaasaa geeddaraa dhufe fakkaata.

Tibba ammaa kanattis abbootiin waa'ee ijoolleesaanii dhiphataniifi yeroo baayyees ijoollee saanii waliin dabarsan akka abbaa gaarii fi fageessee yaaduutti ilaalamu.

Haala walumaagalatti, jedhamunis hanga bara 1970motaatti haala itti gaafatamummaa abbootiin daa'immaniif qaban irratti bekumsi baayyeen hinturre.

Itti-gaafatamummaa olaanan isaanii rakkina dinagdee waliin hidhata qabu hiikuu ture.

Amestardam Yunvarsitii Viriijiitti barsistuu kan taate Maariyaan Bekarmaan, qorannoo walitti fufiinsaan gaggeessaniin, daa'imti tokko abbaafi haadha qabaatulleen itti-gaafatamummaan isaanii parsantaa 99 ta'u kan hagugamu dubartootaan (haadhooliin).

Qorannoowwan hedduun akka mirkanneessanitti, ijoolleen abbootiisaanii waliin walitti dhufeenya gaarii qabachuun guddatan haala guddina sammuu fooyya'aafi amala gaariitu irraa mullata.

Jireenya saanitiinis carraan gammadoo ta'usaanii olaanaa yoo ta'u, akkasumas walitti dhufenyi isaan ijoolle kaan waliin qabaatanis gaariidha.

Gama biraatiin ammo ijoollee abbaa saanii irraa hangas mara jaalala osoo hinargatiin guddatan rakkina qor-qalbii hedduutu irraa mullata.

Abbootiin guyyaa bakka hojii olanii galgala gara manaa galan, yeroo hunda ijoollee saanii waliin xabachu barbaadu.

Wayita kanattis ijoolleefi abbaan yeroo baaccoo hindagatamne dabarsu danda'u. Keessaattu hiibboo, fi oduu duree kanneen galgala abbootii ijoollee waliin yeroo itt dabarsaniidha.

Haadhooliin yeroo heddu daa'imman waliin manatti dabarsan ammoo, walitti dhufeenya tasgabaa'aa ta'e ijoollee waliin qabaachu yaalu.

Nyaata laachuufi qulqullina saanii eeguu irratti xiyyeeffatu. Kun ammoo ijoolleen xabaafi bashannana abbaasaanii irraa akka eegan taasisaan.

Waan akkas yoo humamee ammo ijoolleerratti miira callisuufi rakkina sammuu hordofsiisu danda'a.

''Tarii abbaa gaarii yoo jedhamu cimaafi kan yeroo baayyee fudhatu itti fakkaachuu danda'a.

Haata'u malee, daa'ima jilba keenyarra kaawwachuun ija ija keessa ilaalun mataansaa jijjiraama olaanaa fidu danda'a. Keessatti ijoollee dhiheenya keessa dhalatan yeroon abbaa fi haadha saanii waliin dabarsan enyummaa eegeere saanii ijaaruuf dandeetti olaanaa qabaatu'' jedhu Dr Beekarmaansi.Haala guddisa daa'imaa keessaatti gaariis ta'e badaa wanti guddaan, yeroo waliin dabarsuudha.

Daa'imman haala yeroo waliin dabarsu keessatti maatii saanii baruufi miirasaanii hala salphaan ibsachu baratu.

Maatiin keessattuu abbootiin yeroo saanii baayyee daa'imasaanii waliin dabarsanis ijoolleesaanii maal akka gammachiisuufi maal akka mufachiisu salphumatti adda baafachu eegalu.

Kana malees dhimmoota gaarii fi badaadha jedhas haaluma xabaa keessan ijooleesaaniitti himuuf carraa ni banaaf.

Haala guddisa ijoollee waliin walqabateen addunyaa amma keessa jiraanu kanatti wanti abbootii hedduutti rakkina ta'aa jiru tokko, bakka hojiifi eddoowwan biraatti waa'ee ijoolleesaanii bilisaan dubbachu dadhabuudha.

Abbaa of dhiisee dhalarra dibaabe qabaa jiru

Madda suuraa, NurPhoto

Faallaa kanaa, haadhooliin bakka kamittuu waa'ee ijoolleesaanii bilisaan dubbachu ni danda'u.Ofii abbootiin ijoollee saanii xixqqoo qabatanii lafa hojii kan dhaqan meeqa?

Ofii abbootiin tibba ijoollee dhukkubsatan kan gara mana yaalaa geessan meeqa? Deebiin gaaffiilee kana fi kana fakkaataniif kennamu 'baayyee muraasa' kan jedhuudha.

Haata'u malee, abbootiin yeroosaanii ijoollee waliin dabarsuu xabachuu yoo baayyisan, fedhiin ijoollee yeroo kamiifi bakka barbaadettu abbaa saanii waliin ta'uuf qabaatan dabalaa dhufa jedha qorannichi.