Laga ceene malee, galaanni nu hafa: Ilfinash

Madda suuraa, Feesbuukii Ilfinash Qannoo
''Geerarsa baayyeen jaalladha''
Hojii aartiitti dhiiga ijoollummaa fixeeera kan jettu Aartist Ilfinash Qannoo haalli jiruu fi jireenya hawaasa keessatti guddattee ogummaanshee garanatti akka luucca'uuf sababa ta'uu ibsiteetti.
''Warri keenya yeroo qotiisa qotan, yeroo haramaa haraman, ciraa ciran, meesaa meesan ni geeraruu, ni sirbuu, cidharratti ni sirbuu, isa kanan baadiyyaa keessatti argaa guddadhe'' jetti Ilfinash. Geerarsa baayyeen jaalladha kan jettu Ilfinash Qannoo geersa jalqabaa keessaa muraasa BBC'f gumaachiteetti.
Geerar geerari jettuu
ani maalan geeraraa
anoo yaadan yeelalaa
Geeraree maal na gonfuu
yoon dhiise natti kolfuu
Yoon geerare maal qabaa
eessa kootu mudaa qabaa
gudar gubbaan lafaaree
dubartummaan fafaaree
Citee namatti hafaaree
jedheen itti joorekaa
foon maddii na qoorekaa
yoo dhiirri rafee ka'ee
Anatu teellaatti hafaaree
Mee takkan raajii raajaa
unkuroon buqqee raajaa
Farsoon diinnichaa raajaa
Lafti kaa hin ijaajjuu
kan Oromiyaa raajaa
Nadheen hareeda hin baastuu
kan haadhoo reettii raajaa
Durbi dur hin geerartuu
Kan Ilfee Qannoo raajaa












