Niijeeritti dho'iinsi boba'aa namoota hedduu ajjeese

Madda suuraa, AFP
Niijeer naannawa buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo biyyattii Niyaamii keessatti argamuutti konkolaataan boba'aa fe'ee deemaa ture, garagaluun namoota 58 ajjeesuu aanga'oonni himan.
Namoonni hedduun kan miidhaman erga konkolaatichi kufee booda boba'aa waraabbachuuf wayita bakka sanatti walga'aniidha.
Konkolaataan kun utuu dhaabachuuf jedhuu daandii baaburaatti kalaahee kufe.
Balaa dho'iinsaa uumameen namoonni 37 madaa'aniiru.
Pirezidaantiin biyyattii Mahaammaduu Isoofuu warreen miidhamanii hospitaala jiran gaafachuuf garas imalaniiru.
Balaan kun kan mudate daandii guddaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa biyyattii irraa gara magaalaa Niyaamii geessuurrattidha.
Namni ijaan arge tokko akka Agence France-Presse'tti himetti''Jalqaba konkolaatichatu mataadhaan garagale.
Sana booda namoonni boba'aa buufachuuf itti yaa'an. Ergasii abidda boba'u arguun eegale. Wanti hunduu gubatee daaraa ta'e.''
Konkolaataan boba'aa fe'u dhoyee balaa uumuun biyya ollaa Niijeer, Naayijeeriyaa keessattillee deddeebi'ee mudata.
Bara 2012 dhoyiinsa Kibba Naayijeriyaatti mudateen namoonni 100 ta'an du'aniiru.













