Erga buufati boba'aa Sa'uudii haleelamee gatiin boba'aa dabale

Fire at Saudi oil facility

Madda suuraa, Reuters

Erga buufataaleen boba'aa Sa'uudii Arabiyaa lama haleelamanii as gatiin boba'aa addunyaa ji'oota afur keessatti akkaataa dabalee hin beekneen dabaleera.

Haleellaa buufataalee kanneen irra ga'een dhiyeessiin boba'aa addunyaa dhibbeentaa 5 hir'iseera.

Balaa Sa'uudii mudate booda Dhaabbati Gatii Boba'aa xiinxalu 'Brent Crude' gatiin boba'aa dhibbeentaa 19n dabluusaa ibseera, kunimmoo barmeelii tokkotti doolaara Ameerkaa 71.95 jechuudha.

Dhaabbati kan biraan 'West Texas Intermediate' jedhamu ammoo gatiin boba'aa dhibbeentaa 15n dabluu ibse, kunis baarmeelii tokkotti doolaara Ameerkaa 63.34 ta'a.

Taateen addunyaa rifachiise kun erga dhaga'amee booda Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi Ameerikaan boba'aa kuusaa keessa jiru hanga tokko akka raabsitu erga ajajanii booda gatiin suuta suuta fooyya'aa jira.

Haleellaa boba'aa Sa'uudii irratti raawwate booda raabsaa boba'aa biyyattii tooratti deebisuun torbanoota hedduu fudhata jedhameera.

Dhaabbati Oomisha boba'aa guddichi Sa'uudii Aramco jedhamu haleellaa raawwateen boba'aan biyyattiin guyyaatti oomishtu baarmeelii miiliyoona 5.7n hir'ateera jedhe.

Haleellaan handhuura dirree buufata boba'aa Sa'uudii Arabiyaarratti raawwate giddu gala oomisha peetrooliyamii addunyaa isa guddicha irraan miidhaa ga'uus kan kaayyeffate ture.

Buufati boba'aa Aramco kan Baha magaalaa Abqaiq keessatti argamu erga gubatee booda wayita aarrii irraa ka'u

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Buufati boba'aa Aramco kan Baha magaalaa Abqaiq keessatti argamu erga gubatee booda wayita aarrii irraa ka'u

Haleellaa raawwateef kan itti gaafatamu Tahraan jedhan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Mike Pompeo. Iraan garuu Ameerikaan dhugaa dhoksuun addunyaa dogoggorsiisaa jirti jechuun komatti.

Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi gamasaaniitiin haleellaan sun eenyuun akka raawwatame Ameerikaan beekti jedhan, garuu akkamitti akka itti deemuu barbaaddu Sa'uudii irraa eegaa akka jiran himan.

Ergaa tuwiitarii kan biraatiin ammoo ''boba'aan hedduutu jira' jechuun addunyaatti tasgabbii uumuu fedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X