Ameerikaan haleellaa boba'aa Sa'uudii irra ga'eef Iraan komatte

Abidaa buufata boba'aa Sa'uudii

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Pompewo haleellaa dirooniidhaan buufata boba'aa Sa'uudii Arabiyaa irra ga'eef Iraan komatan.

Haleellaa kana kan raawwatan hidhattoota Houthi ta'uu ragaan agarsiisu hin jiru jedhan qondaalli kun.

Kaleessa buufati boba'aa mootummaa Sa'uudii Arabiyaa ,Aramco, jedhamu qilleensarraan dirooniidhaan kan haleelame yoo ta'u haleellaa kana hidhattoota Houthitu raawwatan jedhamaa ture.

Ministirri Inarjii Sa'uudii Arabiyaa akka jedhanitti haleellaan kun boba'aa biyyattiin guyyaatti oomishtu irraa baarmeelii miiliyoona 5.7n hir'iseera, kunimmoo walakkaa qabeenya boba'aa biyyattiiti.

Kisaaraan Sa'uudii Arabiyaa irra ga'e kun akka addunyaatti gatii boba'aarratti dhiibbaa guddaa uuma jedhu xiinxaltoonni diinagdee.

Guyyaa kaleessaa buufati Oomisha boba'aa Sa'uudii iddoowwan Aramco fi Khurasis jedhamanitti argaman erga gubatanii booda biyyoota dhihaa fi Iraan gidduutti walqoollifannaan uumameera.

Giddu galeessa Sa'uudii Arabiyaa iddoowwan oomisha boba'aa haleelaman
Ibsa waa'ee suuraa, Giddu galeessa Sa'uudii Arabiyaa iddoowwan oomisha boba'aa haleelaman

Hidhattoonni Houthi itti gaafatamuu qabu yoo ta'e dirooniin haleellaa qaqqabsiise sun daandii dheeraa deemee Yaman irraa kan dhufe ta'uu qaba kan jedhan ogeeyyiin ka'umsa balichaa qorachaa turan, haleellaan kun kallattiidhaan Iraan yookiin michuu Iraan 'Shia' Iraaq keessa jiran irraa kan dhufeedha jedhu.

Bara kana erga Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi qoqqobbii bifa haaraan Iraan irra kaa'anii wolqoollifannaan Ameerkaa fi Iraan gidduutti daranuu hammaateera.

Haalellaawwan akkanaa baatii darbe warshaa boba'aa Shayibaahitti ta'eefi kan Caamsaa buufataalee boba'aa birootti ta'eef kan itti gaafatamee ture loltoota Houthi Iraaniin deeggaraman turani.

Haa ta'uu malee, haleellaa isa kana duuba eenyu akka jiru Sa'udiin ammatti ifa hin goone.

Bara 2006'tti humnootni nageenya Sa'udii haleellaa badee balleessuutin iddoo boba'aa Abiqayiq irratti haleellaan al- Qayiidaan yaalamee ture qolatanii turan.