Waraana Yaman: Humni Sa'uudiin deggeramu Yaman haleeluun namoonni 100 ol du'an jedha Fannoo Diimaan

Madda suuraa, Reuters
Humnoonni qindaa'anii Yaman keessatti hidhattoota 'Houthi' waraanna jedhan qilleensarraan mana hidhaa haleeluun namoota 100 caalan ajjeesaniiru jedha Dhaabbati Fannoo Diimaa.
Namoonni kunneen naannawa Dhamar jedhamu keessatti kan haleelaman yoo ta'u kanneen madaa'an 40 ta'an ammoo hospitaalatti yaalamaa jiru.
Jiraattonni naannoo akka jedhanitti halkan edaa xiyyaaronni ja'a qilleensarraan haleellaa raawwataa turan.
Mootummaa Yaman deggeruun hidhattoota 'Houthi' kanneen mootummaadhaan morkan haleelaa jiraachuu kan dubbatan Humni Waraanaa Qindaa'aan Sa'uudii iddoowwan misaa'iloonni waraanaa fi meeshaaleen fageenyarratti nama haleelan buufatan irratti xiyyeeffachuu dubbatu.
Michummaa Iraan waliin kan qabu gareen Houthi gamasaatiin iddoo akka mana hidhaatti itti fayyadamnu irratti haleellaa qilleensarraa banuun namoota fixan jedha.
Jila Dhaabbata Fannoo Diimaa keessaa garas bobba'e kan hoogganan Franz Rauchenstein reenfa lafaa kaasuu fi kanneen lubbuun hafan barbaaduurratti hojiin harkifataa jiraachuu dubbatan.
Yaman bara 2015 irraa eegaltee waraana keessa jirti.
Bara sana Pirezidaantii biyyattii kan turan Abdrabbuh Mansour Hadi kaabinoota isaanii waliin hidhattoota Houthi ofiin jedhaniin dhiibamanii magaalaa Sana'aa gadi dhiisan.
Michummaa cimaa pirezidaanticha waliin kan qabdu Sa'uudiin bara sanarraa eegaltee humna waraanaa qindeessuudhaan bakka hidhattoonni Houthi seenan qilleensarraa haleeluu itti fufti.
Humni waraanaa qindaa'aan kun guyyaa guyyaadhaan qilleensarraan biyyattii haleela, hidhattoonni Houthi ammoo misaa'elii gara Sa'uudiitti furguggisu.
Haala kanaan biyyattiin biyya waraanaa taate, jiruu fi jireenyi lammiilees yaaddoo keessa gale, yeroo ammoo lammiileen biyyattii dhibbeentaa 80 ta'an deggersa barbaadu.
Balaa waraanaa kanaan erga bara 2016tii namoonni 70,000 ta'an du'aniiru jedha Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii.













