Balaa dhohiinsa taankarii boba'aa Seraaliyooniitti qaqabeen namoonni 99 du'an

Hojjattoonni balaa ibbiddaa bakka dhohiinsi itti qaqabee magaalaa guddoo biyyattii Firiitaawoon, Sadaasa 6, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa guddittii Seraaliyoon, Firiitaawon keessatti konkolaataan boba'aa fe'eefi konkolaataa biroo waliin walitti bu'uun dho'insa uumameen namoonni 99 du'an.

Boba'aan erga faca'een booda daandii konkolaataan itti baayyatu irratti ibiddi konkolaataawwan danqamanii turaniitti qabachutuu himame.

Suuraawwaniifi viidiyoowwan miidiyaalee biyya keessaatiin qoodaman akka mul'isanitti qaamni konkolaataawwan gubatan taankaricha marsuun argamu.

Pirezidaantiin Ittaanaan biyyattii Mohaammad Julldeeh Jaalooh, erga eddoo balaan itti qaqabe sana dowwataniin booda, ''kun badiinsa biyyaaleessaati'' jedhan.

Itti dabaluunis kanneen miidhaan irra gahee wallaansa bilisaa yaa argatan jedhan.

Kantiibaan magaalaa Firiitaawon, Yvoon Aki- Saawyeer suuraawwan ''baayyee nama gaddiisiisan'' arguu himan.

Namoonni gara 100 ta'an yeroo ammaa hospitaalootaafi buufataalee fayyaa naannawaa Firiitaawoniitti argamanitti wallaanamaa jiraachuun himameera. Dhaabbileen wallaansaa kunneen muraasni isaanii garmalee namoonni wallaanamaan itti baayyachuunis himameera.

Dhohiinsi kun qaxxaamura magaalaa namoonni itti baayyatu Supparmaarkeettii Choyitraam alaatti, guyyaa Jimaataa gara sa'aatii 22:00 GMT qaqqabuu akka hin oolle amana.

Konkolaattoota gubatan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen du'an baayyeen isaanii kanneen kokolaattaawwaniin danqamaniidha

Gabaasni tokkos akkuma suuqiiwwan dhiheenyatti argamaniifi bakkeen gabaa ibidda qabateen atobisiinis achi dhaabbatee ture gutummaan gubateera jedhe.

Hogganaan Ejjansii To'annoo Balaa Tasaa Biyyaaleessa Seeraaliiyoon, Brima Bureh Sesay, ''reeffi namoota gubatanii'' baayyeedha jedhan.

''Kunis balaa baayyee sukkaneessaadha,'' jechuun miidiyaa biyya keessatti himan.

line

'Qaanqee ibiddaa gara tiraafikiitti faca'e'

Bakka balaan kun mudateetti, ammalleen konkolaattawwan gubatan bakkicha akuma dhaabbataniitti kan argaman ta'uu, gabaasaan BBC Umaaruu Fofaanaa Firiitaawon irraa gabaaseera.

Akkasumas, taankarii boba'aa fe'ee tureefi konkolaataa guddaa waliitti bu'anis dhaabbataniiru.

Konkolaachiftoonni doqdoqqee fi taaksii dhiheenyatti argamanis boba'aa dhangala'ee waraabbachuu eegalan. Kunis konkolaataan akka danqamu taasise. Takka ture ammoo dhohiinsi umame jedha.

Kanaan walqabatee qaanqeen ibiddaa naannawichaa fi konkolaattaawwan danqamuun dhaabbatanii turaniitti turaniitti qabate jedha.

Aanga'oonnis namoonni du'an hundi ammaa jiddugala feerrii tursiifamu kan Firiitaawoon keessaa galfamuufi kanneen baayyee miidhaman ammoo gutuu magaalatiitti ciisanii akka wallaanaman taasifama jiraachu himan.

Raayyaan biyyaafi garee hojjattoota balaa ibiddaas bakkichatti argamu hime.

line

Magaalaan qarqara galaanaa taatee Firiitaawoon, namoota miiliyoona tokkoo ol ta'aniitu keessa jiraata. Waggoota dhihoo keessas balaawwan hamaa hedduun mudateera.

Bitooteessa keessas balaa ibiddaa guddaa magaalatii keessa naanawaa namoonni galii gadaanaa keessa jiraataniitti umameen namoonni 80 ol du'anii kanneen 5,000 ol ta'an bakka jireenyaa isaanii irraa bu'aniiru.

Baatii Eblaa 2017 keessa ammoo, soloolaachuu lafaa sababii rooba cimaatiin umameen namoonni 1,000 ol ajjeessee kanneen 3,000 ta'an ammoo mana malee habsiisee ture.