Sababii imaltoota xiyyaara keessaa bu'uun baqatanitiin buufanni daandii qilleensaa Ispeen cufame

Madda suuraa, EPA
Ispeen keessatti buufataalee daandiiwwan qilleensaa imaltoonni itti baayyatan keessaa tokko kan ta'etti, Jimaata darbe yaalii imaltoonni seeraan ala gara biyyattii galuuf taasisaniin wal qabatee daandiin qilleensaa sa'aatii dheeraaf cufamuun ibsame.
Xiyyaarri imaltootaa magaalaa guddoo Morookoo, Kaazaabilaankaa irraa gara magaalaa guddoo Tarkii, Istaambuliitti imalaa ture tokko sababii wallaansa yeroo atattamaatiif kallattii balaliinsa isaa geeddarachuuf dirqamuun gara Ispeen - Paalmaa De- Maalorikaatti akka jijiiratu taasifamee ture.
Xiyyaarri Air Arabia Maroc ta'ee kun magaalaa Ispeen kana keessa wayita qubatuutti, imaltoonni 21 daandii xiyyaarri irraa ka'u qaxxaamuruun xiyyaaroota jidduu dhokatanii gara magaalattii seenuun isaanii himameera.
Kanneen keessaa poolisiin muraasa isaanii to'annoo jala oolchuu danda'us, namootni 12 hanga ammaatti hin qabamne.
Gareen kun xiyyaara keessaa bu'uun fiiganii baqachuu kan danda'an karooruma jalqabarraa qabameenimmoo ykn kan akka tasaa umammeedha isa jedhu qorataa jiraachuu poolisiin biyyattii beeksiiseera.
Qondaallii Ispeen olaanoo, Ayinaa Kaalvoon, haallii akkasii kun seenaa buufata xiyyaara Ispeen keessatti mudatee kan hin beekneedha jedhan.
Sababii imalaan Morookoo, xiyyaara Morookoodhaa ka'uun gara Istaambuul imalaa ture keessatti dhibee sukkaaraatiin of wallaaluusaatiin wal qabatee, hojjattoonni wallaansa yeroo balaa tasaa yaalii taasisuudhaaf jecha ture xiyyaarichi buufta Ispeen dhiyootti argamutti akka qubatu kan taasifame.
Yaalii namticha xiyyaara keessaa baasuuf taasifameen ture namoonni kan biraa 21 ta'an xiyyaaricha keessaa bu'uun xiyyaaroota dhaabbatanii turaniin daheeffachuun kan himame.
Namtichi dhukkubsatees yaalii wallaansa fayyaa taasifameen haalli fayyina isaa haala gaariirratti argamuun waan mirkanaa'eef akka bahu taasifamuun, kanneen karaa seeraan alaatiin Ispeen galuuf yaalan irratti ammoo himannaa banuu ishee tajaajillii oduu Ispeen gabaaseera.
Namtichi dhukkubsataa waliin gara hospitaalaa deemee tures baduunsaa himameera.
Namoota erga badanii booda to'annaa poolisii jala oolfaman keessaa irra caalaan isaanii kan argaman magaalaa Gaardiiyaa Siiviil jedhamtuutti jedheera miidiyaan biyya keessaa tokko.
''Namni tokkoo osoo daandii gara magaalaa Maanaakoor geessuu irra adeemuu to'atameera'' jedhe.
Namtichi xiyyaara keessatti amala hintaane agarsiisuu isaatiin to'annaa jala oolfame dabalatee, namoonni 24 gochaa kana keessatti hirmaataniiru jedhameera.
Taatee kanaan walqabatees balaliinsiwwan biyya keessaa fi idil-addunyaa gara 60 ta'an kallattiisaanii akka geeddaratan ykn akka cufaman taasifamee jira.
Xiyyaarri 'Air Arabia Maroc' kunis imaltoota hafan qabatee imalasaa gara Tarkiitti itti fufuun gabaafameera.












