Arrabsoon sanyummaa dhaddacha al-Bashir irratti dhagahame Sudaan dheekkamsiise

Gaazexeessaa Luukmaan Ahimad
Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessaa Luukmaan Ahimad abukaatoo seeraa jecha arrabsoo sanyummaa kana dubbate himachuun, jibba sanyummaa Sudaan keessa jiru saaxiluuf jira
    • Barreessaa, Mohaanaad Hashiim
    • Gahee, BBC News

Jechi arrabsoo jibba sanyummaa mul'isu dhaddacha bulchaa duraanii Sudaan Omaar Hasan al-Bashiir kallattiin TV biyyattii irratti tamsa'aa ture irratti dhagahame lammilee sudaan dheekkamsiisee jira.

Jibba sanyummaa hawaasa Sudaan gargar qoodee jiru kan saaxiledhas jedhama.

Akeekkachiisa: Gabaasni kun jecha namoota tokko tokko mufachiisuu danda'u qaba

Dhaddacha al-Bashiir TV biyyaalessaa irratti kallattiin tamsa'aa ture irratti abukaatonni hogganaa duraanii biyyattii sagalee gadi qabatanii walitti hasaasu. Maayikraafooniin ofitti hidhatan banaa ta'uu jarri quba hin qaban.

Abukaatoon tokko akkas yoo jedhu dhaagahame: "Namichi 'garbi' funyaan fokkisaa qabu kun akka malee na aarsa."

Jechi afaan Arabaa "abd" hiikaan isaa 'Garba' jechuu ta'e, Sudaan keessatti namoota hiddi dhaloota isaanii Araba osoo hin taane Afriikaa akka ta'an yaadamuuf itti dhimma bahama. Jecha jibba sanyummaa mul'isu uummata gurraacha ittiin ibsanidha.

Jechi dhaddacha al-Bashir irratti dhagahame kun kallattiin oolmaa dhaddachichaa ykn himannaa al-Bashiir waliin wal hin argu.

Haata'u malee dhaddachichi TV Sudaan akkasumas Youtube fi fuula Facebook Eejansii Oduu Sudaan (SUNA) irratti kallattiin tamsa'aa waan tureef jechi arrabsoo kun biyya waliin gahe.

Abukaatonni kunneen kan haasa'aa turan waa'ee gaazexeessaa beekamaa lammii biyyattii ta'e Luukimaan Ahimad ture.

Gaazexeessaan duraanii BBC Luukimaan Ahimad kan bakki dhaloota isaa Daarfuur ta'e, fonqolcha al-Bashiir booda hogganaa TV biyyaalessaa Sudaan ta'uun muudamee ture.

Onkoloolessa darbe erga waraanni Sudaan MM Abdallaa Hamdook aangoorraa kaasanii boodas, hojii isaa itti fufee kan ture Luukimaan, boodarraa Oduu ajajaa waraanaa biyyattii jalqabarra gochuu dhiiste jedhamee ari'ame.

Jechi arrabsoo abukaatonni al-Bashiir Luukimaan ittiin arrabsan marsaalee hawaasaa irratti lammilee Sudaan hedduun kan qoodame yoo ta'u, namoota hedduus dheekkamsiise.

Warraaqsa bara 2019 ture irratti dhaadannoowwan beekamoo ta'an keessaa tokko kan "Isin wallaaltonni jibba sanyummaan machooftan, biyyattii guutuun Daarfuuridha" kan jedhu nama yaadachiise.

Omaar al-Bashiir dhaddacha irratti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Malaammaltummaan kan itti murtaa'e al-Bashiir, fonqolcha bara 1989 raawwateen himatamaa jira

Bara 1989 fonqolchaan aangoo kan qabate Omaar Hasan al-Bashiir waraana Daarfuur irratti yakka waraanaa raawwate jedhamee Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaan (ICC) barbaadamaa jira.

Bulchiinsa al-Bashiir jalatti milishoonni Sudaan fardaan lolan 'Jaanjaawiid' jedhamuun beekaman jalqaba baroota 2000 keessa ganda jiraattota hidda Arabaa hin qabne, gurraacha ta'an 'Zurga' jedhamuun beekaman weeraruun yakka duguuggaa sanyii fi yakkoota waraanaa raawwataniiru jedha ICCn.

Al-Bashiir ICCtti dhiyaachuu didus, yakkoota kana raawwachuu garuu ni waakkata.

Amma jecha arrabsoo kana kan dubbatan abukaatota al-Bashiir ta'uun, jijjiiramni warraaqsi Sudaan fide of-duuba deebi'aa jiraachuu agarsiisa jedhu warri warraaqsicha keessaa qooda qaban.

Al-Bashiir malaammaltummaan itti murtaa'ee, fonqolchaan ammoo himatamaa jiraatullee mana hidhaa keessa hin jiru. Waraanni biyyattii hospitaala dhunfaa keessa kaa'ee jira. Inuma gara manaa galchanii hidhaa manaa jala akka turu gochuu malu yaadni jedhus jira.

Kunis humnoota warraaqsaa Sudaan hin gammachiifne.

Gaazexeessaa Luukimaan Ahimad "jibbi sanyummaa biyyattii keessatti akka hin babal'anneef" jecha abukaatota al-Bashiir irratti himata baneera.

Luukimaan bakka bu'uun himaticha kan bane Waldaan Ogeeyyii Seeraa Sudaan gaazexeessicha waliin akka dhaabbatu agarsiisee jira.

Jibba sanyummaa ija baase akkanaa "gartuu uummata Sudaan bal'aa irratti xiyyeeffate akkasumas guutuu addunyaatti dhala namaa xiqqeessu" haala idileetiin "namoota seeraatiin" yoo dubbatamu dhagahuun nama rifaasisa jedhe Luukimaan BBCtti yoo dubbatu.

Sudaan erga bara 1956 walabummaa ishee mirkaneeffattee booda ilaalchi jibba sanyummaa dhoksaaniis, ifattis ni mul'ata ture. Kunis haftee daldala garbaa jaarraa 19ffaati. Yeroos daldaltoonni garbaa Otomaan, Awurooppaa fi Arabaa gandoota Kibbaa biyyattii weeraruun gurraachota qabanii gurguru turan.

Humni sodaatamoo 'Rapid Support Forces (RSF) jedhaman milishaa 'Jaanjaawiid' irraa ijaaraman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Humni sodaatamoo 'Rapid Support Forces (RSF) jedhaman milishaa 'Jaanjaawiid' irraa ijaaraman

Seenaa biyyattii waraanaa fi jeequmsaan guutameef bu'uura kan ta'e ilaalcha jibba sanyummaa aanga'ootni biyyattii bulchan qabaachaa turanidha jedhama.

Sudaan Kibbaa foxxoqxee biyya akka taatu akkasumas fincilawwaan Daarfuur, Gaarren Nuubaa fi Biluu Naayil keessatti warri hidda Arabaa hin qabne kaasaa turaniif ka'uumsi jibbuma sanyummaa kana.

Lola Daarfuur waggootaaf tureen namoonni 300,000 ta'an yoo ajjeefaman, miliyoona lama kan ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru.

Onkoloolessa darbe waraanni biyyattii MM Abdallaa Hamdook erga fonqolchee booda jibbi sanyummaa jabaachaa waan jiru fakkaata.

Daarfuur keessatti walitti bu'iinsi sabaa deebi'ee dhalachuu baatilee darban keessa mul'ateera. Magaalaa guddittii Kaartuum keessatti ammoo yakki fi hokkorri akka malee hammaateera.

Sudaan keessatti jibbi sanyummaa yakka ta'ee seeraan waan hin tumamneef, Luukimaan Ahimad himata isaan milkaa'uu dhabuu mala.

Haata'u malee innii fi deeggartoonni isaa adeemsi himannaa kanaa jibba sanyummaa hawaasa gargar qoode saaxiluun, suduudaan jijjiirama akka fidu abdatu.