Lola Sudaan Daarfur: Shakkamaan yakka waraanaa ICCtti himatni irratti banamuuf

Alii Muhaammad Alii Abd-Al-Rahimaan nama tokkicha lola Sudaan Daarfuuritti ta'een ICCtti dhiyaatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alii Muhaammad Alii Abd-Al-Rahimaan nama tokkicha lola Sudaan Daarfuuritti ta'een ICCtti dhiyaatu

Dararaa Daarfuritti taheen walqabatee dhaddachi jalqabaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)tti banamuufi. Kunis erga rakkoon hamaan naannoo Sudaan kanatti dhalate waggaa 20n booda kan raawwatudha.

Shakkamaan kun hoogganaa duraanii milishaa mootummaatti hidhata qabanii Jaanjaawid jedhamu wayita tahu, himannaawwan yakka waraanaa fi yakka dhala namaarratti raawwate jedhan 31n himatame.

Alii Muhaammad Alii Abd-al-Rahmaan himannaa kana ni waakkata.

Rogeeyyiin mirga namoomaa Sudaan, adeemsa kanaan seena-qabeessa jechuun jajaniiru.

"Guyyaan [Kibxataa] miidhamtoota Daarfuriif guyyaa guddaadha. Kanneen guyya guyyaan haqa jalaa miliquun akka dhaabbatu falmaa turaniif guyyaa guddaadha,’’ jedhe ogeessi seeraa mirgoota namoomaa Mossaad Mohaammad Alii.

"Dhaddachi Abd-al-Rahmaan yakka hammeenyaa, keessattuu yakkoota miidhaa saalaa isaafi milishoota mootummaan deeggaramaniifi ajaja isaa jala turan Jaanjaawiidin raawwatame ifatti akka baasu ni abdanna," jedhe.

Obboo Abd-al-Rahmaan, maqaa dhibii Alii Kushayb jedhamunis kan beekamu wayita tahu, hokkora lubbuu namoota 300,000 galaafateefi miiliyoona lamaa ol qe’eerraa buqiiseef nama jalqabaa ICC fuulduratti dhiyaatu taha.

Pireezidantiin duraanii Sudaan Omaar al-Bashir rakkoo kana keessaa harka qabaatanis, haga ammaatti to’atamanii mana murtichatti dhiyaachuu jalaa miliqaniiru.

Bulchaan duraanii kun duguuggaa sanyii fi yakka waraanaan barbaadamu – tahus garuu kana ni waakkatu.

Al-Bashir 2019tti fonqolchi irratti raawwatee barcumarraa gugsamanii booda, ammatti Sudaan keessa to’annaa jala jiru.

Obboo Abd-al-Rahman ganna 13f miliqaa jiraatus, 2020 keessa ICCtti harka kennate.

Hagayya 2003 fi Bitootesssa 2004 gidduutti magaalota Daarfur afur keessatti, haleellaawwan lammiilee nagaa irratti raawwatan keessatti harka qaba jedhamuun himatama.

ICCn nama kanaafi milishoota ajaja isaa jala turan dirqiin gudeeduu, dararaa, ajjeechaa fi saamichaan isa himateera.

"Namni kun tarsiimoo farra-finciltootaa Mootummaan Sudaan baase hojiirra oolcheera. Kanaanis Daarfuritti yakki waraanaa fi yakka dhala namaarratti raawwateera," jedha ICCn.

"Kana malees milishaa Janjaweed ajaja isaa jala tureef: loltoota filachuun, hidhachiisuun, maallaqaan deeggaruun akkasumas nyaataafi waan barbaachisoo kaan dhiyeessuun shakkama," jedheera.

Wayita amma dura mana murtiitti dhiyaatetti Obboo Abd-al-Rahmaan dogoggoraan nama biraa sehanii nama qabamedha jechuun dubbachuusaa Rooyitars gabaaseera.

Adeemsi seeraa kun kan dhagahame wayita hokkorri Daarfuritti inumaa hammaachaa adeeme kanattidha. Kanaafis akka sababaatti kan kahu humnoonni waltahinsaan nagaa kabachiisan UN fi Gamtaa Afrikaa naannichatti ergama isaanii erga xumuranii boodadha.

Daarfuritti waldhabdeen kan dhalate nara 2003tti yoo tahu, gaafas hawaasni heddumminaan gosa Arabaa hin taane mootummaatti erga fincilanii boodadha. Hawaasni kun loogii isaanirra gahuufi dhabamuu misoomaa komachuun qawwee kaasan.

Mootummaan ammoo finciltoota kanniin loluuf milishoota garri caalu Araboota tahaniifi Janjaweed jedhaman itti erguun deebii kenne. Haleellaa kanaan raawwate kanas addunyaan balaaleffate.

Mandaroonni dhibbaan lakka’aman kan gubatan oggaa tahu, yakki duguuggaa sanyii saba tokkorratti raawwatamuus ni himama.