Sudaan qondaaltota waraana Daarfuuriin himataman ICC'tti dabarsitee kennuuf waliigalte

Madda suuraa, AFP
Sudaan qondaaltota mootummaa waraana Daarfuur keessatti qooda fudhachuun Mana Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaatti(ICC) himataman dabarsitee kennuuf waliigalte.
Mootummaan Sudaan amma jiru qondaaltota waraana Daarfuur dursaa turan kan ICC'n barbaadu dabarsanii kennuuf walii haa galaniyyuu malee, namoonni kunneen eenyufaa akka ta'an maqaasaanii hin ibsine.
Bulchiinsi amma aangoorra jiru, bara waraana Daarfuur aangoo pirezidaantummaa qabatanii kan turanii fi ICC'tti kan himataman Omar al-Bashir dabarsee kennuuf waadaa galee ture.
Garuu waadaan sun ammallee hin raawwanne.
Namni waggoota dheeraaf Sudaan bulchaa turan Omar al-Bashir, mormii uummataatiin bara 2019 aangoorraa kaafaman.
Himannaa yakka waraanaan ICC'n irratti baneen alattis yakka malaammaltummaan himatamanii hidhaa jiru.
Waraanni Daarfuur, Afriikaa keessatti waraana dhala namaa rakkoo hamaaf saaxile ta'uun addunyaarratti beekama.
Waraana hidhattootaa fi mootummaa gidduutti bara 2003 eegaleen yoo xiqqaate lubbuun namoota 300,000 darbeera.
Miiliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'anii, kaan mooraa baqattootaatti gugatanii jiru.
Sudaan namoota yakka waraanaa Daarfuur keessatti hirmaatan jedhamuun himataman dabarsitee kennuuf kan murteessite, erga haati seeraa jaarmiyichaa kan yeroon aangoosaanii dhumachaa jiru, Fantou Bensouda, biyyattii daawwachuun qondaaltota aangoorra jiran waliin mari'atanii booda.
Maanguddoo waggaa 77 Omar al-Bashir dabalatee himatamtoonni hundinuu dabarfamanii ICC'tti kennamuu akka qaban akeekkachiisan.
Omar al-Bashir nama jalqabarratti yakka duguuggaa sanyiin himatamanii jiraniidha.
April 2003Fighting starts in Darfur
July 2007UN Security Council approves Darfur peacekeeping force
March 2009International Criminal Court (ICC) issues arrest warrant for President Omar al-Bashir for war crimes in Darfur
April 2019 Sudan's army ousts Bashir
February 2020 Government agrees Bashir can stand trial at the ICC
August 2020Sudan's government agrees peace deal with five rebel groups

Namoota barbaadamaa jiran keessaa kanneen biroon Ministira Ittisaa duraanii Abdalrahiim Muhammad Huseen fi Ministira Dhimma biyya keessaa duraanii Ahmad Haaruun.
Ministirri Mootummaa Federaalaa Bothaina Dinar, namoota barbaadaman kunneen dabarsanii kennuun sagalee guutuun kan murtaa'ee fi nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf murteessaa ta'uu himan.
Mootummaan biyyattii kanneen hidhatanii riphanii lolaa jiranis gara marii araaraatti akka seenan waamicha dhiyeesseera.
















