Waraana Raashiyaa-Yukireen: Doonii waraanaa Raashiyaa dhidhimte duuba maaltu jira?

Madda suuraa, Mike Right/Twitter
Dooniin waraanaa Raashiyaa dhidhimte kun Mooskovaa jedhamti. Bara Sooviyeet Yuuniyeen irraa kaastee doonii turte yoo ta'u, Raashiyaatiif akka qabeenya biyyaalessaafi kan ittiin boonan turte.
Hanga dhiyeenya kana Galaana Gur'aacha keessatti dhidhimtuutti waraana hedduu irratti hirmaatteetti.
Haata'u malee, akkaataa dooniin kun itti dhidhimte ammayyuu adda bahee waan hin beekamneef ijoo dubbii ta'aa jira.
Mooskovaan akka dhidhimtu maaltu taasise, viidiyoon bahe maal agarsiisa?
Suuraawwan ajaa'iboo, akkasumas viidiyoowwan maddeen amanamoo dooniin waraanaa Raashiyaa Mooskovaa jedhamtu kun torban darbe osoo hin dhidhimiin dura mullatteetti.
Warri Yukireen ammoo misaa'elli salphaa ofiin tolchine jettu maqaan isaa Neptune jedhamuun doonii kana rukuttee akka dhidhimtu taasisuu dubbatti.
Raashiyaan akka jettutti garuu meeshaan waraanaa doonittiirra ture dhohee, raafama galaanarraa yero ture waliin doonittiin akka dhidhimtu taasise.
Suuraawwan bahan garuu yaada gama lamaaniin jiran kamiyyu kan deeggaru miti- garuu yeroo doonittiin dhidhimtutti raafamni galaanaa akka hin jirre agarsiisa.
Suurri bahe sun Mooskovaan akka dhidhimtuuf sababa kan ta'e ifaan ifatti agarsiisuu baatullee, dho'insa tasaa akka mudateeru garuu ni agarsiisa.
Mooskovaan doonii waggaa 40 ol Raashiyaa tajaajilte waan taateef, baayyee beekamtuufi akka mallattootti kan ilaalamtudha. Dooniin baayyee guddoo taate kun miseensota humna galaanaa 510 qabattee turte.
Meeshaaleen farra misaa'elaa, farra xiyaaraa, farra doonii waraanaa galaana jala deemtuufi meeshaaleen waraanaa baayyee gurguddoo ta'an fe'attee kan turte yoo taatu, dooniin kun hanga bakka gabaa (moolii) geessi ture.
Miseensonni humna galaanaa 500 ol ta'an doonii kanarra turan garuu miidhaan tokkollee osoo isaaniirra hin gahiin nagaan ba'aniiru.
Viidiyoon ture maal agarsiisa?
Viidiyoon waa'ee doonittii kanaa gadi dhiifame ijoo dubbii ta'e kun gaafa Ebla 14 akka waraabame amanama.
Dheerinni viidiyoo kanaa ammoo sekondii sadii qofa ture. Tarii viidiyoon kun kan waraabame bidiruu xiqqaa lubbuu baraartotaa biroo isaaniif qaqqabuuf deeme irraa ta'uu danda'a.
Bidiruun xiqqaan kun Mooskovaatiin karaa gama mirgaatiin akka ture tilmaamuun ni danda'ama.
Viidiyicharratti battalumatti yeroo aarri doonittiirraa bahu agarsiisa. Fiixeen doonii guddoo kanaa karaa geefoo isaa bishaan waliin waltuqutti bishaan yeroo bahu agarsiisa.
Yukireen ammallee Mooskovaa misaa'ela Naapichuuniitiin rukkutee akka dhidhimu taasisuu dubbatti.
Gorsaan waraanaa Ameerikaa maqaan isaa hin dha'amne tokko, Yukireen Mooskovaa irratti haleellaa raawwachuushee mirkaneeffadheera jedhee miidiyaa Ameerikaatti himeera.
Raashiyaan garuu Mooskovaan akka dhidhimtuuf sababa kan ta'e raafama galaanaa hamaa yeroo sana tureefi, isa hordofee ammoo ibiddi dhalachuufi meeshaan dhohuu isaati jetti.
BBCn viidiyoo sekondii 3 kana ogeessota humna galaanaa sadiitti agarsiisuun maaltu akka dhalate gaafateera.
Sadan isaaniiyyu doonii Mooskovaa kana irratti haleellaan misaa'elii akka raawwatame mirkaneessaniiru.
Ibidda boba'aan dhangala'e uume ta'uu danda'aa?
Humna Galaanaa Biriitish gaggeessaa kan ture Adimiiraal Kiriis Paarii, Mooskovaan misaa'eliitiin rukutamuu ishee waan tokko hin shakkine jedha.
"Viidyoo sana irratti akka mul'atutti fiixeen doonittii misaa'eliitiin rukkutameera. Osoo wanta achitti uumame ta'e wanti irraa cabe keessaa baha malee gara keessatti hin cillaafkatu ture," jedha.
Koomaandarri duraanii NATO gama isaatiin, aarri doonii guddoo kana keessaa yeroo bahu argamu akkamiin jiraachuu danda'e jechuun BBCn gaafatee, haleellaa misaa'eliin booda boba'aan dhangala'e kan uume ta'a jedhe.
Ogeessi waraanaa Rooyaal Yunaayitid Sarviis Inistiitiyuutirraa ta'e Siidaarz ammoo, viidiyicha ilaalanii yaada BBCf kennaniin, "dho'insichi uumamuu kan danda'e sababa haleellaa misaa'eliitiinidha.
Misaa'elichi miidhaa guddaa kan qaqqabsiise kutaa meeshaan waraanaa farra xiyyaaraa keessa kuufaman keessatti. Kana waan ta'eefidha dhohinsi guddaan kan uumame," jedha.
Raafama galaanaa ta'uu danda'aa?
Raashiyaan dooniin ishee Mooskova jedhamtu akka dhidhimtuuf sababiin tokko oriitoo raafama galaanaa qaqqabsiisedha jetti. Viidiyoo argame kanaan ammoo wanti kana agarsiisu tokkoyyuu hin jiru.
Mooskovaan osoo hin dhidhimiin dura ministeerri ittisaa Raashiyaa ibsa tokko baasee ture.
Ibsichi Mooskovaa irra miidhaan akka gaheefi miseensonni galaanaa irra turan garuu guutummaan guutuutti bahuu isaanii kan himu ture.
Waa'ee raafama galaanaa dubbachuu kan jalqabe boodarra ture.
Raashiyaan garuu hanga ammaatti doonii qabeenya biyyaalessaa ittiin boontu kana misaa'elaan haleelamuu ishee hin amanne.
Sanbata darbe humni ittisaa Raashiyaa miseensonni humna galaanaa Mooskovaarra turan qarqara Kireemiyaa, naannawaa ulaa galaanaa Sevaastaapoolitti osoo agarsiisa loltummaarra jiranii suura agarsiisu qoodeera.
Miseensonni humna galaanaa 510 ta'an Mooskovaarra turan kunneen erga waraanni jalqabee kaasee, misaa'eloota doonittiirraa gara magaalota Yukireenitti dhukaafaman qindeessaa turan.
Dhugaadha Mooskovaatiin Galaana Gur'aacha irratti humni isheen gitu hin turre.
Kan Raashiyaan ittiin dhaadattu ta'aa turteetti. Dooniiwwan akka kanaa guddina, humnaafi dandeetti qaban addunyaarra hedduu miti.
Mooskovaan dhidhimuu isheetiin dura loltoonni Yukireen ulaa galaanaa Taadiyaa Isneek irra turan akka harka kennataniif akeekkachiiftee turte.
Loltoonni Yukireen kunneen garuu diduudhaan deebii isaa Mooskovaa irratti tarkaanfii fudhachuun akka isheen dhidhimtee achumaan haftu godhan.
















