Waraana Yuukireen: Raashiyaan fuula loltoota doonii waraanaa dhidhimterraa baraaraman mul'iste
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa viidiyoo fuula loltoota galaanarraa doonii waraanaa dhidhimte Mooskivaa jedhamturraa turan agarsiisu, erga doonittiin dhidhimtee booda yeroo duraaf mul'ise.
Loltoonni galaanarraa hedduun magaalaa buufata doonii Kiriimiyaa Sevaastopool keessatti hiriiranii, ajajaa olaanaa humna galaanarraa biyyattii adimiiraal olaanaa Nikolaay Yevmeenoov waliin wal argan.
Dooniin waraanaa Mooskivaa jedhamtu Galaana Gurraacha (Blach Sea) irraa misaa'ela dhukaasaa turte.
Dhidhimuun doonii kanaa hamilee Raashiyaa akkaan akka miidhe dubbatama.
Mooskivaa galaana Gurraachaarraa osoo gara buufataatti imalaa jirtu haala qilleensaa hamaa galaanarra tureen dhidhimte jedhe ministeerri Ittisaa Raashiyaa.
Sana duura doonittiin ibidda ka'uumsi isaa hin beekamneen miidhaan irra gahee akka tures himee ture.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibidda hin beekamne haa jedhu malee, Yuukireen misaa'eloota ‘Neptune’ jedhaman lamaan doonicha haleeluu himte.
Erga miidhaan irra gahee boodallee bishaanirra socho'aa kan turte Mooskivaan, Kamisa darbe akka dhidhimteefi loltoonni galaanarraa doonii kanarra turan gara Sevaastopool magaalaa buufata doonii Kiriimiyaa kan Raashiyaan 2014 humnaan qabatte geeffamaa akka jiran himamee ture.
Hanga viidiyoon Raashiyaan amma gadhiifte kun bahuutti ragaan loltoonni kunneen baraaramuu mul'isu hin turre.
Viidiyoo gadi dhiifame kanarratti ajajaan olaanaa humna galaanarraa Raashiyaa loltoota lakkoofsaan 100 ta'an wayita dubbisan mul'ata. Yoom akka ta'e garuu wanti himame hin jiru.

Madda suuraa, MAX DELANY/AFP
Loltoonni kunneen humna galaanaa Raashiyaa keessatti tajaajila isaanii kan itti fufan ta'uu adimiiraal Yevmenoov himaniiru.
Balaa dhidhimuu doonii kanaan namni miidhame jiraachuu Raashiyaan hin himne.
Haata'u malee aanga'aan Ameerikaa maqaan hin dhaahamne Ameerikaan namootni sadi du'uu akka hin oolle amanti jechuun Rooyitarsitti himaniiru.
Yuukireen kaappiteeniin Mooskivaa Aantoon Kuuppiriin donittii irratti ajjeefameera jetti. BBCn kana mirkaneessuu hin dandeenye.
Dooniin Moskivaa toonii 12,490 ulfaattuu bara Gamtaa Sooviyeet durii keessa Yukireen keessatti hojjatame ture.
Akka miidiyaaleen Raashiyaa jedhanitti yoo ta’e bara 1980 keessa tajaajila kennuu eegale.
Dooniin haleellaa misaa'elaa raawwachuuf oolu kun bara waraana Siiriyaatti Mooskoon garasitti bobbaaftee kan turte yoo ta’u, humnoota Raashiyaaf gama galaanaarratiin eegumsa cimaa ta’eefi ture.
Dooniin kun misaa'eloota farra doonii ‘Vulkan’ jedhaman hedduu fi meeshaalee waraanaa ‘mine-torpedo’ jedhaman fa’aa qaba.
Mooskivaan doonii waraanaa Raashiyaa isa guddinaan lammaffaa erga biyyattiin weerara jalqabdee garmalee miidhame ta’eera.

















