Waraana Yukireen: Waajjira mummee Zeleniskiin keessaa Raashiyaa qolataa jiruufi haallisaa yoo ibsamu

Clive Myrie Pireezidantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin gaaffii fi deebii gochaa jira
    • Barreessaa, Kilaav Maayiree
    • Gahee, BBC News Kiiv, Yukireen

Magaalaa Yukireen - Kiiv irraa BBC'f kan gabaasu Kilaav Maayiree, iddoo dahannoo (Situation Room)- Teessoo guddicha (HQ) Pireezidanti Volodimiir Zeleniskii, bakkasaan buufatanii weerartoota Raashiyaa ofirraa qolatan, daawwachuun waan arge akkanaan ibseera.

Hidhattoonni paaspoortii keenya erga sakatta'anii booda ol nu galchan. Darbinee iddoo giddugala guddicha, achirraa Raashiyaa haleelan geenye.

Mooraan sun shiboo xaxamaa hedduu, boombii awwaalamee fi meeshaalee waraanaa gurguddoo nama rifaasisaniin marfameera. Loltoonni akkaan hidhatan bakka maratti argamu- Pireezidanti Zeleniskiin marfamee jira.

Raashiyaan Zeleniskii ajjeeftee mootummaa ofiif ergattuun bakka buusuu feeti, Yukireen garuu waraana guyyoota 50 caale kana keessatti addunyaa malaalchiste.

Meeshaalee nama sakatta'an hedduu keessa dabarree erga seennee booda bakka qubannu nutti agarsiisan jedha gaazexeessaan kun.

Mooraa bal'aa qalqalloo hedduu cirrachaan guutame- kan waraanaaf qophii ta'uu mul'isuun guutame keessa dabarree fagoo deemne.

Qalqalloowwan cirrachaan guutaman kunneen walitti dhiyaatanii akkasumas walirra tuulamanii heddummaatanii jiru, fiixeesaanirraa uraa (qaawwa) afaan qawwee fi meeshaalee waraanaa gurguddaa seensisu qabu.

Hojjettoonni pireezidantichaa gamoo guddaa balballi isaa sibiila 'brass' ta'e irraa hojjetametti seensisuu kan himu gaazexeessan kun, balbala irratti barreeffama Situation Room jedhu afaan Yukireeniin barreeffamee jiraachuu arge.

Keessi manicha ammaayyaawaa fakkaata, TV guddaan baaxii manaa tokko haguugeera, teessoowwan mijatoo ta'an kuticha guutanii jiru.

Kutaan sun teessoo naanna'u, akkaan ammaayyaawaa ta'e, kan irra taa'anii bashannaniin waan guutameef gaaffii fi deebiif mijataa miti- wayita gaaffii fi deebii sochiin hin taane waan uumamuuf.

Teessoon hin sochoone akka dhufuuf gargaaraa gaafatee argatus garuu eegduun pireezidantichaa hin gammadne.

''Wayita kun hundi ta'u fuula eegduu pireezidantichaarraa mufannaan arga.''

"Lakki, kun tasuma hin ta'u," jedhe. "Kutaa ammayyaawwaa TV fi kompiyuutaroota ammayyaan faayame kana keessatti teessumni dulloomaan akkasii hin barbaachisu. Asitti waan ammayyaawaa ta'e qofa mul'isuu barbaanna.''

Kanaaf ammoo teessoowwan ammayyaawaa ta'an hedduun hojjetamanii jiru.

Waa'ee teessoorratti hanga kana mari'achuun Yukireen hagam akka ammayyooftuu taate natti akeeke jedhe gaazexeessichi.

Biyyi kun erga xumura Waraanaa Hololaatii as gara Lixaatti (Awurooppaa) fuulleffaate. Balaliin Ryanair jedhamu gatii madaalawaan gara Lixa Awurooppaatti eegalamuun biyyattiif carraawwan baneef.

Bulchiinsi Zeleniskii wantoota salphisee akka ilaalu, waliin dubbachuutti akka amanuufi qophii ta'uu akka addunyaan hubattu fedha.

Takka tureen sagalee ejjennaa (faana namaa) hedduu gara galma sanaatti dhufaa jiru dhagahe. Loltoonni lama battaluma galma sana seenan, duuba isaanii pireezidantichatu jira.

Volodimiir Zeleniskii Clive Myrie waliin harka walfuudha

Akkuma inni harka na fuudheen, gargaaraan isaa bilbila itti hiixate. Ergaa Firaans irraa ergametu irra ture. ''Imaanu'eelii?'' jedhee gaafate.

''Eeyyee'' jedhee deebiseef.

"Hariiroo cimaa qabna, yeroo mara naaf bilbila, Saffisaan yoon deebiseef rakkoo qabaa?'' naan jedhe Pireezidantichi jedhe gaazexeessaan kun.

''Rakkoo tokko hin qabu,'' jedheen deebiseef, Pireezidantii Firaansiif deebisee bilbiluuf eeyyama ana gaafachuunsaa baayyee na ajaayibe.

Garuu kun amaluma Volodimiir Zeleniskiiti, hiriyummaa fi gaarummaa inni uumamaan qabuudha.

Qondaalli siyaasaa amala akkasii qabu kun battaluma ammoo wayita aariin guutamu argita.

Fakeenyaaf magaalaa Kiiv irraa gara Kaaba-Lixaatti kiilomeetira 25 irratti kan argamtu magaalaa Bucha keessatti waan raawwate yaadatee akkaan aare.

Magaalaan kun torbanootaaf harka loltoota Raashiyaa turte, wayita loltoonni kunneen magaalaa gadhiisanii ba'an tuullaan reeffa namaa argame, kaan daandiirra ciciisa. Kun akkaan isa guba jedhe gaazexeessaan kun.

Vilaadmiir Putiin yakka waraanaa Raawwachuu irratti yaadasaa gaafate gaazexeessaan kun, innis qaamni loltoota Raashiyaa fi basaastota siivilii isaanii waliin hidhata qabu kamuu yakka waraanaan himatamuu qabu jedhee deebise.

Carraan mariidhaan rakkoo kana furuu dhiphateera jedha Zeleniskiin, yakka Bucha fi Borodyanka keessatti raawwate eeruun.

Zeleniskiin nama qoosuun nama bashannansiisu (comedian) fi taatoo fiilmii (actor) ture.

Amma garuu waanti uummatasaarra ga'aa jiru sammuu dhukkubseera.