Waraana Yuukireen: Dooniin waraanaa Raashiyaa Mooskivaa jedhamtu akkamiin miidhaan irra gahe?

Madda suuraa, Reuters
Dooniin Raashiyaa Galaanaa Gurraacha (Black Sea) irraa misaa'eloota dhukaasa ture "haalaan mancaa’uu" isaatiin hojjattoonni doonichaa keessa baafamuuf dirqamuusaanii miidiyaaleen Raaashiyaa gabaasan.
Ministirri Ittisa Raashiyaa akka beeksisetti, meeshaan waraanaa doonii ‘Mooskivaa’ jedhamurra ture sababa ibidda maalummaan isaa hin ibsamneen ka’een dho’een miidhaan dhaqqabuu hime. Taatullee dooniin m186 dheeratu kun ammas galaanaarra bololi’aa jira jedhe.
Yuukireen garuu misaa'eloota ‘Neptune’ jedhaman lamaan doonicha haleeluu ibsite.
Hojjattoonni doonii waraanaa kanaa 510 ta’an haleellaa galaanarraan Raashiyaan Yukireenirratti raawwattu hogganaa waan turaniif doonichi qiyyaafannoo waraana ijoo keessa akka seenu taasiseera.
Mooskivaan akka hin malletti maqaan kan dhaahame waraanni Yuukireen wayita jalqabamu eegdota daangaa Yuukireen odola bofaa (Snake Island) Galaana Gurraacharratti argamtu eegaa turan akka harka kennatan dirqamsiisu hordofuun ture.
Loltoonni Yuukireen garuu dhaamsa yeroo kamiyyuu hin dagatamne "jaannama seeni" jedhu karaa toora raadiyoo dabarsuufi isaanitu yaadatama.
Gareen Raashiyaa fi Yuukireen maal jedhan?
Halkan edaa Ministirri Ittisaa Raashiyaa ibsa baase keessatti "doonichi garmalee miidhameera, hojjattoonni doonichaa hundi isaanii keessaa baafamaniiru" jedhe.
Kamisa waaree booda Ministirri Ittisaa Raashiyaa ibiddi doonicharratti ka’e to’atamuu isaatiin dooniin waraanaa kun gara buufata dooniitti akka deebi’u taasifameera jedhe. Itti dabaluudhaan akka ibsettii, doonichi galaanarra bololi’uu itti fufeera jedha.
Mooskoon akka jettutti, balaan sun ibidda maalummaan isaa hin ibsamneen qaqqabe, haleellaan misaa'elaa irra qaqqabuu garuu homaa hin ibsine.
Yuukireen garuu haleellaa doonii waraanaa kanarra qaqqabeef itti gaafatamummaa fudhatteetti.
Yuukireen misaa'ela dhiyootti tolfatteen haleeluu ibsuun madditti, yeroo tokko sirumayyuu doonichi galaanatti dhidhimuu jalqabuu ibsite.
Qondaaltonni Yuukireen toora Feesbuukirratti akka ibsanitti, tattaaffiin lubbu-baraarsaa Raashiyaan taasiftu dho’iinsa meeshaalee waraanaa doonicharra tureefi haala qilleensaa mijataa hin taaneen gufachuu himan.
BBC’n himannaa gara lamaanirraa dhaga’amu addatti hin mirakneeffanne.
Dooniin Mooskivaa hangam Raashiyaaf barbaachisaa?
Dooniin Moskivaa bara Gamtaa Sooviyeet durii keessa Yukireen keessatti hojjatame ture.
Akka miidiyaaleen Raashiyaa jedhanitti yoo ta’e bara 1980 keessa tajaajila kennuu eegale.
Dooniin haleellaa misaa'elaa raawwachuuf oolu kun bara waraana Siiriyaatti Mooskoon garasitti bobbaaftee kan turte yoo ta’u, humnoota Raashiyaaf gama galaanaarratiin eegumsa cimaa ta’eefi ture.
Dooniin kun misaa'eloota farra doonii ‘Vulkan’ jedhaman hedduu fi meeshaalee waraanaa ‘mine-torpedo’ jedhaman fa’aa qaba.
Mooskivaan doonii waraanaa Raashiyaa isa guddinaan lammaffaa erga biyyattiin weerara jalqabdee garmalee miidhame ta’eera.














