Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Warri baqattoota Ruwaandaatti erguu morman furmaata fooyyaa'aa hin qaban- Ministira UK
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yunaayitid Kingidam Piriitii Paatel namoonni karoora mootummaan warra kolu-galtummaa gaafatan Ruwaandaatti erguuf dhiyeesse morman furmaata fooyyaa'aa ta'e dhiyeessuu hin dandeenye jechuun qeeqxe.
Ministirri kun ministira dhimma alaa Ruwaandaa waliin barreeffama barruu Taayims irratti baasaniin gocha seeraan ala namoota daddabarsuu lubbuu namootaa balleessaa jiru dhaabuudhaaf furmaata haaraa fidne jette.
Gidiraan sun akka itti fufu biyyi namummaan itti dhaga'amu kamiyyu hayyamuu hin qabu jedhan ministiroonni lamaan barreeffama baasan kanaan.
Yaadni ministiroota kanneen kan dhga'ame Arkibiishooppiin Kaanterberii Jestiin Weelbii baqattoota gara Yugaandaatti erguu erga cimsanii qeeqnii boodadha.
Paatelii fi ministirri Dhimma Alaa Ruwaandaa Vinsent Biruutaa sababiiwwan rakkoo namoomaafi namoota seeraan ala daddarbarsuutiin sirni baqattoota fudhachuu addunyaa dadhabeera jedhan.
Namoota karaa seeraan alaa UK seenuun kolu-galtummaa gaafatan gara Ruwaandaatti karoorri deebisuu nageenya baqqatootaa eeguudhaaf gargaara jedhan.
Ministiroonni kunneen barreeffama isaanii kanaan Yunaayitid Kingidam baajata ka'umsaa Paawondii miliyoona 120 Ruwaandaatti invastimantiin pirojektii barnootaa rakkoo namoota sababa dinagdeetiin godaananii furuudhaaf gargaara jedhan.
"Tarkaanfiiwwan ciccimoofi haaraa fudhanna. Dhaabbileen karoorawwan kianneen morman garuu furmaatadha kan jedhan dhiyeessuu dhabuun isaanii ajaa'ibsiisaadha. Gidiraan kun akka itti fudu hayyamuun biyya namoomaaf yaadu kamiifiyyu filannoo ta'uun isaa amma dhumateera," jechuun barreessa.
Biyyoonni lamaan bu'uura waliigaltee irra gahaniin, baqattoonni Ruwaandaatti argaman tokko tokko gara UK'tti akka ergamanis beekameera.
Maddi mootummaa Yunaayitid Kingodam BBC'f akka ibsetti, "carraaqqii Ruwaandaan baqqattoota baayyee saaxilamoo ta'an muraasa dandamachiisuuf taasiftu UK'n deeggarsa ni taasifti".
Ayaana Faasikaa Dilbata kabajame irratti Arkibiishoppiin Kaanterberii karooricha qeequudhaan mootummaan, "itti-gaafatamummaa keenya kontoraataan" qaama biraatiif kenneera jechuun kan qeeqan yoo ta'u, murteen kun hayyama Waaqayyoo kan faallessudha jechuun qeeqaniiru.
Yaada Arkibiishooppii Yoork Isxifaanos Kootifel waliin kan walfakkaatu Arkibiishooppi Welbiin, imaammatichi yaaddessaadha jechuun kanarra kan foyyaa'u gochuu ni dandeenya jedhe.
Paartiin mormituufi miseensonni paarlaamaa leellistummaan beekaman tokko tokko karooricha qeeqaniiru. Gama biraan ammoo dhaabbileen tola-ooltummaa 160 ol ta'aniifi gareewwan miidyaa hawaasummaa irratti duula gaggeessan"gara jabina nama qaanessudha" jechuun ministirri muummeefi Paatel karooricha akka haqaniif akeekkachiisaniiru.
Dhimmoota qeeqxonni nu yaaddessa jedhan keessaa qabiinsa mirgoota namoomaa tokko yoo ta'u, UK UKn bara darbe dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti biyyattii keessa jiran kan jette murtii malee ajjeesuu, namoonni dhabamuufi hiraarfamuu kaasuu ishee himu.
Ta'us Paatelii fi Biruutaan qeeqa kana hin fudhatan. Barreeffama isaanii barruu Taayimsirratti baasaniin "Ruwaandaan biyyoota addunyaarratti nageenyi isaanii eegaman keessaa ishee tokkodha," kan jedhan yoo ta'u, kanaan duras baqatoota kuma 130 ta'an biyyoota baayyeerraa dhufan simatteetti jedhan.
Ministirri dhimma biyya keessaa UK fi ministirri dhimma alaa Ruwaandaa karoorri kun baqattoonni imalawwan balaa hamaa qaban taasisuudhaan lubbuun isaanii balaarra akka hin buuneef isaan taasisaa jira jedhamus xalayaan aanga'oonni olaanoo ministeera dhimma biyya keessaa ergan garuu bu'a qabeessummaan karoorichaa baayyee shakkisiisaadha.
Barreessaan dhaabbataa Maatiiw Raayikroofit xalayaa isaatiin imaammatichi baasii guddaa akka baasisu eeree jira.