Filannoo Somaaliyaa: Miseensotni Paarlaamaa ummatni osoo sagalee hin kenniin filataman waadaa galan

Dubartii Somaaliyaa alaabaa biyyattii qabatte

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Mohaammad Aliin kan barreeffame
    • Gahee, BBC News, Naayiroobii

Somaaliyaatti Miseensonni Paarlaamaa filannoo uummataan osoo hin taane jaarsolii gosaa qofaan filataman waadaa seenu eegalaniiru.

Miseensotni haaraan 'House of the People' kan uummata Somaaliyaa miiliyoona 16.3 ta'u bakka bu'an namoota kuma muraasaan qofa filatamu.

Sababni kun ta'eef ammoo biyyattiin sirna siyaasaa walxaxaafi al kallattii ta'e waan hordoftuufi. Paartileen siyaasaa filannoo kana irratti hin dorgoman.

Namni tokko bahee kaadhimamaa barbaadu tokkoofis sagalee kennuu hin danda'u.

Adeemsichi akkasi, teessoo paarlaamaa 275'f bakka buutotni kan filaman jaarsolii gosaa fi hawaasa siivilii hooggantootni mootummaa naannolee filataniini.

Achiimmoo miseensonni paarlaamaa kunniin deebi'anii pireezidantii biyyattii filatu.

Adeemsa pireezidantii biyyattii filachuu keessatti ammoo manni maree inni xiqqaan teessoo 54 qabu kan naannolee Somaalee shanan bakka bu'us ni hirmaata.

Miseensonnii paarlaamaa maaliif akkasitti filatamu?

Adeemsi kun aangoo gosootni Somaaliyaa siyaasa biyyarratti qaban agarsiisa. Dimookirasiin warra Lixaa biyyoota lafa hin qabanne keessatti bulchiinsa uummataaf tooftaan kun dugugguruu dugdaadha.

Biyya caasaan biyyaa itti laafe keessatti ammoo qaawwa uumame guutuuf gargaara. Somaaliyaan bara 1991 bulchiinsu sooshaalistii Sa'iid Baarree erga kufeen booda caasaan mootummaa jabaa hin qabdu.

Bara waraana waliinii Somaaliyaa Konkolaataa fi taankii barbadaa'anii daandiirratti mul'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara waraana waliinii Somaaliyaa Konkolaataa fi taankii barbadaa'anii daandiirratti mul'atan

Gosoota Somaaliyaa gidduu markiin jabaan jira. Sirni gosoota kan abbaa aangoo godhe foormulaa aangoo ittiin qoodeef qaba.

Akka foormulaa kanaatti gosootni gurguddoon Somaaliyaa afran teessoo paarlaamaa waliqixa ta'e kan qabaatan yeroo ta'u gosootni haan ammoo walitti dabalamanii teessoo walakkaa argatu.

Kun bakka buutota gosaa Somaaliyaa aangoo siyaasaa guddaa goonfachiise.

Kamisa kaleessaa bakka buutotni manneen maree lamaan Somaaliyaaf adeemsa kanaan filataman waadaa galuu jalqabaniiru.

Ta'uus naannolee tokko tokko keessatti filannoon kun sababa kaadhimamaa dhiyaateefi dhimmoota biroo falmii kaasaniin hin xumuramne.

Kun garuu kaadhimtootni filatamuun isaanii mirkana'eef waadaa akka hin galle hin dhorku.

Filannoon kun malaammaltummaa guddaa, aangootti hangaa ol fayyadamuu fi seera filannoo sarbuun kan guutedha. Bakka gariitti kaadhimamaa bituuf doolaarri miiliyoonaan baasii godhameera jedhama.

Somaaliyaan garuu malaammaltummaa sadarkaa akkanaa qorachuuf dhaabbata cimaa hin qabdu.

Siyaasa Somaaliyaa kana keessa gaheen Kataar guddaadha jedhama.

Kataar duula bara 2017 irratti pireezidantii biyyattii amma aangoo harkaa qaban Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo qophaashee deeggarte xiinxaltootni. Bulchiinsa isaanii keessaas harka qabdi jedhu.

Wanti miseensotni paarlaamaa haaraan dursa kennaniif maal ta'a?

Yeroon aangoo pireezidan Abdullaahii Farmaajoo Guraadhala darbe xumuramuu isaa wajjin walqabatee muddamni dhalachaa waan jiruuf paarlaamaan haaran filannoon pireezidantummaa akka ta'utti akka gaggeefamu hawaasni dhiibbaa gochaa jira.

Miseensota Paarlaamaa kakuu galan

Madda suuraa, BBC/ Ibrahim Adan

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni paarlaamaa 20 takkaatti kakuu yeroo galan

Farmaajoon yeroo aangoo seeraan kennameef sababa filannoon paarlaamaa barfateefi sababoota kaaniinis seera baastoota waliin aangoo bulchuu osoo hin qabaatiin aangoorra jiru.

Ameerikaafi biyyootni Lixaa biroon namoota siyaasaa Somaaliyaa filannoon paarlaamaa kun akka harkifatu godhan irratti dhorkaa viizaa dabalatee dhiibbaawwan biroo kaahuu isaaniitiin filannichi amma raawwatamee jira.

Fandiin Maallaqaa Idila Addunyaa (IMF)hanga walakkeessa Caamsaatti filannoon hin raawwatu yoo ta'e deeggarsa biyyattiif laatu akka dhaabu beeksieera.

Mootummaan haaraa erga hundaa'ee rakkoo guddaa biyyattii isa ta'e hongee irratti hojjeta jedhamee amanama.

Hongeen waggoota sadan darban akkaan itti hammaatee kan jiru yeroo ta'u dhaabbileen gargaarsaa beellii hamaan dhalachuullee akeekkachiisu.

Ammaan tana namootni miiliyoona 3.5 ta'an deeggarsa namoomaa kan barbaadan yeroo ta'u, daa'imman miiliyoona 1.4 ta'an hanqina nyaata madalawaa hamaaf saaxilamaniiru.

Somaaliyaatti fedhiin warra Lixaa maali?

Yaaddoon isaanii inni guddaan guddachaa adeemuu hidhattoota Islaamaati. Somaaliyaan teessoo al-Shabaab, kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabuufi Afrikaa keessatti hidhataa isa hamaadha jedhamuuti.

Gareen hidhattootaa kun Somaaliyaa keessatti kan ijaaramee jabaachuu eegale waggaa 20 dura wayita loltootni Itoophiyaa kan US'n deeggaraman magaalaa guddoo Moqadiishoo haleeluun 'Union of Islamic Courts' aangoorraa buusuuf yaalanittidha.

Ji'ooota dura bombii of wareegaan dhooseen badii Moqaadishootti qaqqabe

Madda suuraa, Getty Images

Injifatamuun UIC ''weerartoota'' ariifu jecha al-Shabaab akka cimu sababa ta'eera

Har'a al-Shabaab kutaalee Somaaliyaa hedduu to'atee, haleellaawwan irra deddeebiin raawwatuun mootummaa kuffisee mootummaa Islaamaa ijaaruu barbaada.

Filannoowwan bara 2012 fi 2016 irratti hoogganoota gosaa butuu dabalatee yaaddoo jabaa uumee kan ture yeroo ta'u filannoo adeemunis Islaamummaa kan hin hordofne ittiin jedhee ture gareen kun.

Isa alanaa kana irratti garuu sagaleen garee kanaa hedduu hin dhagaahamu.

Sababni ammoo miseensotni ykn kan yaadaan isa deeggaran hulluuqanii paarlmaa galuun sirnicha keessaan dadhabsiisuuf yaada waan qabaniif sodaan jedhu jira.

Sodaan kun pireezidantii biyya ollaa Jibuutii kan ta'an Omaar Giilleen ifattibara 2020 dubbatamee ture. ''Paarlaamaa kallattiin ala al-Shabaabiin to'atameetu jiraata sodaa jedhu nan qaba.

Sababni ammoo deeggarsa miseensota paarlaamaa bitachuu waan malaniif'' jedhan.

Xiinxaltootni gariin yaadni pireezidantii Jabuutii kun gurra guddisuudha jedhanii ammoo al-Shabaab siyaasa Somaaliyaa keessatti humna guddaa ta'uu amanu.

Somaaliyaan dimookraatawuu dandeessii?

Namootni siyaasaa Somaaliyaa waggoota dheeraa dura filannoo alanaarratti namni dhuunfaan bahee nama isa bakka bu'u tokko ifatti filata jedhanii waadaa galanii ture. Waadaan kun hin dhugoomne.

Paartilee siyaasaa galmeessuufi dabalatee rifarandamiidhaan heera haaraa raggaasuun waan hin raawwanneef waadaan kun dhugoomuu dhabuun nama hin raaju.

Dhimmi kun mootummaa itti aanee dhufu kan qormaatoliin hedduun isa eeggataniif hangam takka hojii manee akka ta'u ifa miti.