Barattootni maaliif qormaata hatu, hanna qormaataa hambisuun ni danda'amaa?

Madda suuraa, ANRS EDUCATION BUREAU/FB
Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12 A.L.I kan bara 2013 falmiiwwan hedduu kan keessummeesse ture. Isarra darbees bu'aan gosa barnootaa Siiviiksii qabxii seensa yuunivarsiitii keessatti akka hin hammatamne murtaa'eera.
''Kanaafis sababni qabxiin qormaata Siiviiksii manneen barnootaa hunda keessatti haala jechuun danda'amuun walfakkaatuu isaafii akkaan olaanaa ta'uusaati'' jedhameera.
Ejensiin qormaata biyyaalessaa kennu rakkoon kun sababa hanna qormaataan kan dhalate ta'uu himuun, tibba qoruumsi biyyaalessaa kennamu kanneen dogoggora uumaniiru ittiin jedhe barattoota 141 irratti qabxii isaanii haquurraa qabee tarkaanfilee bulchiinsaa adda addaa fudhateera.
Hanni qormaataa qormaatawwan biyyaalessaa qofa irratti osoo hin taane sirna baruufi barsiisuu guyyuu keessatti kan raawwatamuudha jedhu ogeeyyiin barnootaa.
Barattootni BBC'n dubbise yeroo qormaataa qormaatotni dura bahanii hojjetamanii telegiraamii irratti bal'inaan akka raabsaman muuxannoo jiru himaniiru.
Wandiyifraaw Dajanee(PhD) muummee 'Education' Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa keessatti barsiisaadha. Dhimma hanna qormaataa barattoota sadarkaa lammaffaa irratti qorannoo gaggeessaniiru.
Kana duras barattootni Yuunivarisiitii Dirree Dhawaa amma dura turan waa'ee hanna qormaataa maal yaadu? kan jedhurratti qorannoo gaggeessanii ture.
Qorannoo isaanii kana keessattis barattootni hanni qormaataa miidhaa hordofsiisa jedhanii kan hin yaadne ta'u hubachuu isaanii BBC'tti himaniiru.
''Hanni qormaataa hiriyaa ofii akka gargaaruuti jedhanii waan yaadaniif akka hojii gaariitti lakkaawu'' jedhan.
Qorannoo isaanii kanarraa hanni qormaataa sirna barnootaa keessatti gocha guyyuu ta'uusaa hubachuu Dr Wandiyiifraaw himaniiru.
Sababoota barattootni qormaata hataniif ammoo kutaa itti aanutti darbuu, nama gargaaruu, barsiisaan akka ta'utti waan hin barsiifneef, qormaatichi ulfaataa waan ta'eefi kaanis akka jiran himaniiru.
Akka Wandiyiifraaw jedhanitti manneen barnootaa dhuunfaas ta'e kan mootummaa keessatti qorumsa hatuu wajjiin walqabatee hirmaannaan garaagartummaa hin qabne ni mil'ataa jedhan.
Hanni qormaataa maali?
Itoophiyaa keessatti babal'achaa deemuu tooftaalee qunnamtiirraa kan ka'e tibba qorumsa biyyaalessaa hanna qormaataa hambisuuf intarneeta cufuun baratamaa dhufeera.
Qormaatni dura qophaaye kufaa godhamee irra deebiin yeroon itti qophaayes jira.
Naannoo Amaaraatti qormaata hatuuf akka mijatuuf barattootni maqaa isaanii maqaa barataa cimaatti siqsuun mana murtiitti jijjiirachuu amma dura BBC'n gabaaseera.
Hanni qormaataa sadarkaa biyyaatti sirna barnootaaa kan hudhee qabu ta'uu ogeessi kun ni dubbatu.
Hanni barnootaa hojii ofii hin taane akka waan ofiitti dhiyeessuu, sababa sirrii hin taane dhiyeessuun barsiisaa dogongorsuu, hojii manee yookan madaallii dhuunfaan kenname gareen hojjechuu ta'uu himu.
Dabalaniis, hiriyyaan akka hatu gargaaruu fi qabxii isa hin madaalle argachuuf yaalii godhamu hunduu walitti qabaan hanna barnootaa jedhamaa jedhu Dr. Wandiyifiraaw.
Jireenya barnootaa isaanii keessatti yoo xiqqate yeroo tokko hanna qormaataarratti kan hirmaatan hedduu ta'uu biyyoota adda addaatti qorannoon taasifaman ni agarsiisu.
Barattootni hannatti kan galan qormaatichaaf ykn madaallii saniif qophii xiinsammuu gahaa osoo hin taasisiin yeroo hafan ta'uu ogeessi kun ni dubbatu.
Sababootni biroon barnoota akka ta'utti hordofuu dhabuufi hanni dhiibbaa hin malle akka qabu hubachuu dhabuurraa akka maddus himu.
Barattootni hiriyyoota isaanii biratti dadhaboo ta'anii akka hin mulanneefi qabxiin isaaniis gad-aanaa akka hin taane gara hannaatti akka galaniis himaniiru.
Dabalataan ammoo maatiin daa'imni isaanii baratee jireenya isaanii akka jijjiiruuf hawwiin qaban ijoolleerraan dhiibbaa hin malle akka gahu dubbatu Dr. Wandiyifiraaw.
Kun maatiin ijoollee isaanii barnootaaf jajjabeessuurraa maddus, faallaa isaatiin barattoota hannaaf kakaasa jedhu.
Hanni daree tokkoo isa itti aanutti darbuuf godhamu jireenya dhuunfaa saniin duuba jiru keessattis dhiibbaa qaba jedhu ogeessii kun.
''Qorannooleen akka agarsiisanitti hanni bara qormaataa ture gara addunyaa hojiittis lixnu isuma hojiin agarsiisuuf carraan jiru guddaa ta'uu fi walqabataa ta'uu isaati.
''Barataan sadarkaa lamaffaa tokko hatee gara barnoota olaanoo yoo ce'u achittis hatee yoo eebbifame addunyaa hojii keessattis hojii isaaf faayidaa hin malle fudhachuuf ija hin laafu.''
Barataan hanna jibbu maaliif dhibe?
Addunyaa keenya irratti bara 1940'ootaa eegalee qorannoowwan gaggeefaman akka agarsiisanitti hanni qormaataa dabalaafi tooftaan isaas babal'achaa dhufeera.
Bara 1940'oota keessa hanni dhibbeentaa 42 ture amma dhibbeentaa 92 irra gaheera. Kana jechuun barattoota dhibba keessaa 92 hanna qormaataa irratti ni hirmaatu akka jechuuti.
Wandiyifiraaw akka jedhanitti bu'aan qorannoo isaanii kan agarsiisu barattootni yeroo isaanii irra hedduu kan guban akkamiin akka hatan irratti qophaa'uuni.
Hannaaf barataan cimaa jedhamu tokko daree keessa jiraachuun gahaadha jedhu.
Barattootni gara kutaa qormaataa seenuu dura malli hannaa tokko yoo hojjechuufi dhabeef maloota kan biroos ni qopheeffatuu jedhan.
Guyyaa qormaataa isa tokkotti malli bahe yoo hojjechuu dide isa kaanitti mala biraa qopheessu jedhan.
Hanni qormaataa sababa bilbilaafi intarneetaa mooraa barnootaan alattis hawaasa manneen barnootaa ala jiranis himaachisaa jira jedhu ogeessi kun.
Manneen barnootaa gidduu milkaahina barattootaa irratti dorgommiin jiraachuu isaarraa kan ka'e hanni kallattinis ta'e al-kallattiin yeroon itti jajjabeefamu akka jirus himaniiru.
Hannaaf kan haala mijeessu teeknoolojiifi ilaalcha barattootaa qofa osoo hin taane barsiisotaafi bulchiinsa manneen barnootaarraa murannoon dhibuu ta'uus Dr. Wandiyifiraaw himaniiru.
Tarkaanfiiwwan gocha akkanaarratti fudhataman hedduu ta'uu dhabuu, isaanis akka ta'utti ifa godhamuu dhabuun hanni akka babal'atu sababa ta'a jedhaniiru.
Hanna hambisuun ni danda'amaa?
Hanna balleessuu osoo hin taane xiqqeessuutu danda'ama kan jedhan ogeessi kun, sadarkaa jalqabaarraa ka'ee barattootni waayee amanamummaa barachaa guddachuu qabu jedhu.
Hanni gaarii akka hin taaneefi akka balfan godaa qabee yoo baran ijoolleen gaafa Yunivarsiitii galanis amala gaarii horatuu jedhan.
Sirrna barnootaa keessatti hannaafi waayee amanamummaa gosa barnootaa adda addaa keessatti galchuun ni barbaachisa jedhu.
Barsiisonnis miira itti gaafatamummaa qabuun madaallii sirrii akka gaggeessuu qaban gorsaniiru.
Bulchiinsotni barnootaas dambiiwwan barattoota ilaallatan yeroo baasan barattootaaf akka ta'utti hubachiisuu qabu jedhan. Dambiiwwan bahan yeroo cabanis adabbiin madaalu kennamuu qabu jedhan.
Barataan hatee yeroo qabamu atattamaan adabbiin fudhatamee, barattoota kaaniifis ibsamuun barbaachisaa ta'uus Dr. Wandiyifiraaw himaniiru.
















