Waraana Yukireen: Raashiyaan yaada NATOtti makamuurratti Siwiidiniifi Fiinlaand akeekkachiifte

Dimitrii Peeskoov gaazexessitootatti yoo dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Raashiyaan yaada NATO'tti makamuu Fiinlaandiifi Siwiidin ilaalchisee akeekkachiisa dhaamteen, makamuun isaanii Awurooppaa nagaa dhorkaa jette.

Dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitirii Peskoov biyyootni Noordiik Nato'tti makamuuf yaada qaban ilaalchisee ''tokkummaan kun gara walitti bu'iinsaatti nama oofa'' jedhan.

Yaadni Raashiyaa kun kan dhagaahame hoogganoonni humna ittisaa US, Raashiyaan Yuukireeniin ''tarsiimoo maal-nadhibdeen'' weeraruun ishee Nato'n akka babal'atu sababa ta'aa jechuu isaanii booda.

Waxabajjii dura biyyootni Noordiik tokkummaa NATO kanatti makamuuf iyyata ni galfatu jedhanii akka eegan aanga'ootni kun himaniiru.

Waashingitan iyyata lakkoofsa miseensota NATO 32'n gahu kana akka deeggartu amanama. Hoogganoonni Waajjira Haajaa Alaa US torban darbe keessa hoogganoonni Nato Ministiroota Haajaa Alaa Helsinkii fi Istookoohoolm waliin mariyachuu dubbataniiru.

Raashiyaan Yuukireeniin weeraruu dura tokkummaan kun fuula duratti akka hin babal'anne mirkaneeffannaa barbaaddee ture.

Haata'u malee erga waraanni Yuukireen eegalee loltootni Nato kumootaan lakkaawwaman gara biyyoota Baha Awurooppaa duulaniiru. Siwiidiniifi Fiinlaandiis Nato'tti akka makaman deeggarsi uummataa dabalaa jira.

Miseensonni Paarlaamaa Fiinlaand hoogganoota Tikaarraa gabaasa eegaa kan jiran yeroo ta'u, Ministirri Muummee biyyattii Sannaa Mariinaa mootummaan dhimma kanarratti marii godhamu Waxabajjii dura xumuruun iyyata galfachuu fi dhiisuurratti akka murtee eegan himaniiru.

Fiinlaand Raashiyaa waliin daangaa km 1,340 dheeratu kan qooddattu yeroo ta'u waraana Yuukireen kanaaniyyuu raafamteetti.

Raashiyaan dhimma babal'achuu Nato irraa yaaddoo qabdu dursitee kan ibsite yeroo ta'u, Peskoov tokkummaan kun tokkummaa nagaafi tasgabbii mirkaneessu miti, babal'inni isaas aardii Awurooppaa keessatti nageenya dabalataa hin fidu'' jedhaniiru.

Siwiidiniifi Fiinlaand Nato'tti ni makamu yoo ta'e Raashiyaan ''haalichaaf madaala ni tolchiti'' jedhan Peskoov.

Dubbii himtuun Ministeera Haajaa Alaa Raashiyaa Mariyaa Zakaaroovaa Guraadhala darbe ibsa kennaniin biyyootni kun Nato'tti yoo makaman ''waraanaafi siyaasaan miidhaan irra gaha'' jechuun akeekkachiisanii turan.

Raashiyaan dhaadachaa jiraatts biyyootni lameen yaada Nato'tti makamuu kana irratti mariiyachaa bajata ittisaa isaaniis dabalaa jiru.

Helsiinkiin Wiixata har'aa karoora haaraa €14m ta'uun dirooniiwwan bituu hayyamu humna ittisaa biyyattiif raggaasteetti.

Hoogganoonni Swiidiin ji'a darbe bajata ittisaa isaanii kan bara 2022 Krona biiliyoona 3 ($317m) dabaluu himaniiru.