UN gargaarsa gara Tigraayiifi Kaaba Affaar geessuuf qondaalota biraa wabii eegaa akka jiru beeksise

Madda suuraa, WFP
Finciltoonni Tigraay gargaarsi namoomaa gahaa ta'e naannoo ummati miiliyoonaan lakkaa'amuufi deeggarsa eegu bira gahaa hin jiru jechuun komatanii turan.
Dubbii himaan mootummaa federaalaa Dr Laggasaa Tulluu BBC'f deebii kennaniin sochii konkolaataa gargaarsa gara Tigraay geessurratti dhorkaan ka'ame hin jiru jedhaniiru.
Deeggarsi Tigraay seenu ''dhiheessi dhaabbilee gargaarsaarratti hundaa'a,'' jechuun BBC'tti himan.
Dhimma kana kan gaafatame qaami UN, Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) qondaaltonni Affaar gargaarsa geessuuf haalli mijataa jiraachuu isaa yoo mirkaneessan akka geessu himeera.
Gama Tigraayiifi Kaaba Affaaritti gargaarsa geessuuf konkolaatonni gargaarsa fe'an marsaa sadiin socho'uu danda'aniifi konkolaattonni boba'aa fe'an marsaa lamaan socho'an yeroo ammaa magaalaa Samaraa akka jiran himan.
''Akkuma WFP'n qondaaltota Affaar biraa deeggarsa geessuuf ulaan nagaa qabu jiraachuu isaa yoo nuuf mirkaneessan,'' gargaarsa kennina jedheera.
''Ummata Tigraayiifi Affaariif dursa kennuun qaamoleen hunduu gahee isaanii gumaachuu qabu. Dararaan dabalataa hawaasicharra akka hin geenyeefi gargaarsi namoomaa yeroon akka isaan bira gahuf,'' jedhe.
Gargaarsa namoomaa
Torban lama dura mootummaafi humnoonni Tigraay deeggarsa namoomaaf jecha walitti bu'iinsa dhaabuu erga labsanii as Kamisa darbe gargaarsi soorataafi boba'aa fe'e Tigraay seeneera.
Gargaarsi lafoo seene kunis erga baatii Muddee kan duraati jedhameera.
Haata'u malee ergasii deeggarsi biraa hin seenne, kana caalaa deeggarsi ni barbaachisa jechuun finciltoonni Tigraay himaniiru.
Kana dura Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ummata waraanaan Tigraayitti miidhameef guyyaatti konkolaataan gargaarsa qabate 100 seenuu qaba jedhee ture.
Sababa waraanichaan ummati miiliyoonaan lakkaa'amu gargaarsarratti hirkateera. Kanaafis ummati kuma dhibbaan lakkaa'amu fiixee beelaarra gaheera jedhee ture UN.
Ammammoo sababa ummati Tigraay yeroo dheeraaf deeggarsa dhabee waan tureef deeggarsi dhiheessuuf yaadame dachaa sadii ta'u dhihaachuu barbaachisa jechuun finciltoonni himaniiru.
Konkolaataan gargaarsa namoomaa jechuunis soorata fe'an akkasumas boba'aa fe'e walumaagala 21 ta'an torban darbe Tigraay seene deeggarsi dabalataa akka seenu abdii horee ture.
Haa ta'u malee, eegasi eegasii konkolaatoni gargaarsa fe'an biroo Tigraay hin seenne jechuun qondaaltonni TPLF ibsaniiru.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Tigraay Dr Attinkuut Mazigaba erga walitti bu'iinsa dhaabuuf waliigalteerra gahame konkolaattota 21 qofatu seene jedhan.
Akka qondaala kanaatti konkolaattonni kunneen gaaf Jimaataa erga Maqalee seenanii booda gargaarsa buusanii ofirra deebi'an.
Ta'us, Dubbii Himaan mootummaa federaalaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu mootummaan dhorkaa kaa'e hin qabu jedhan.
Lolli waggaafi ji'a jaha dura eegalee gama Affaariifi Amaaraa babal'ate lammiilee kumaatama lubbuu dhabsiisuu amanama.
Akka UN'tti sababa waraana kanaan Tigraay, Affaariifi Amaaraati lammiileen miiliyoona 10'tti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.















