Affaaritti lakkoofsi daa'imman hanqina soorataan miidhamanii hospitaala seenanii dabalaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Affaaritti lakkoofsi daa'imman sababa hanqina soorataan miidhamanii hospitaala seenanii dabalaa jiraachuu ogeeyyiin fayyaa naannichaa himan.
Hoogganaan Hospitaala Waliigalaa Duubtii Dr. Huseen Adam, lakkoofsi daa'imman hanqina soorataan hospitaala seenanii dachaa sadiin dabaluu himan.
Daa'imman hedduun hospitaala seenaa kan jiran maatii qe'eerraa buqqa'an keessaati kan jedhan Doktar Huseen, kanaan dura daa'imman hanga shanii torbeetti hospitaala seenaa turan amma gara 15 caaleera jedhu.
Akkasaan jedhanitti daa'imman gara hospitaalasaanii seenan dhibee daranyoo sombaa, garaa kaasaa fi dhibeewwan qaamasaanii laaffisuun daran hubamaniiti.
Sababa waraanaan daa'immanii fi namoonni kaan hanqina nyaataan hubamanii hospitaalatti baay'achuurraa bakki dhiphachuu, sireen dhukkubsataan irra ciisee yaalamu dhibuu fi meeshaaleen wal'aansa fayyaas hanqachuu eeran.
Hospitaalichi duraanuu namoota waraana daangaa karaa kaabaan TPLFn itti banamee jiruun madaa'aniin dhiphachaa jiraachuu kan himan Dr. Huseen, amma ammoo lakkoofsi daa'imman hubamanii daran dabaluun hojiisaaniirratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu ibsan.
Hospitaalicha tajaajila wal'aansa daa'immanii fi haadholii, buufataalee fayyaa bakka namoonni jiranitti argamutti kennaa ture. Kunis ogeeyyii fayyaa fi meeshaalee wal'aansaa ramaduudhaani.
Dhibee fayyaa tasaa kan hin taaneef wal'aansa kennuu ammoo adda kutee ture jedhan.
Haalli kun ammas akka jiruu fi galma walga'ii fi manneen kitaabaa keessatti siree galchuun tajaajila wal'aansa fayyaa akka kennan himan Doktar Huseen.
Dhukaasa banameen namoonni nagaan miidhaman torbee tokko keessa qofa gara 100 kan ta'aniif tajaajila wal'aansaa kennaa akka turan himan.
Ji'a tokko keessatti nama 900 oliif tajaajila wal'aansaa kennuus yaadatu.
Waraanni kaaba Itoophiyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti Sadaasa bara 2020 eegale gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun lubbuu namoota kumaatamaa galaafateera, miiliyoonotammoo qe'eesaaniirraa buqqise.
Haalli kun goolama hawaasa hamaa uumeera.
Akka UN jedhutti kaaba Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 10 ta'an gargaarsa namoomaa barbaadu, kanneen keessaa walakkaa ol naannoo Tigraay keessatti argamu.
Waraanni ji'oota 17 lakkoofsise kun xumuramee nagaan akka bu'uuf Ameerikaa fi Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni hedduun tattaaffii gochaa jiru.
Tibbana mootummaan Itoophiyaa fi TPLF gargaarsi namoomaa danqaa malee namoota rakkatan bira akka qaqqabuuf jecha waraana dhaabuuf murteessuu ibsaniiru.
Tarkaanfiin kun waraana dhiiga namoota hedduu dhangalaasee, kaan buqqisetti xumura godha jedhamee abdatama.















