Gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa baatii afur booda wabiin hidhaatii bahe

Gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa

Madda suuraa, Terara Network

Hundeessaan Taraaraa Netwoork fi qopheessaan olaanaa dhaabbichaa gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa guyyaa har'aa Ebla 28, 2014 wabii 50,000'n gadhiifamuu maatiin BBC'tti himan.

Haati warraa isaa Salaam Balaay Roobii waaree booda ''Fayyaa isaati. Yeroo dheeraa booda manatti deebi'uun waan salphaa miti,'' jechuun hiikamuu isaan Waaqayyoo galateeffatte.

Guyyaa kaleessaa, Mani Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha ooleen Taammiraat wabiin akka gadhiifamu murteesseera.

Kana hordofees hidhaa guyyoota 118 booda hiikamu dhaabbati inni hundeesse Taraaraa Netwoork ibseera.

Manni murtii Bitootessa 02, 2014 eegalee gaaffii wabiin gadhiifamuu Taammiraat qorataa akka ture ibsameera.

Yeroo hammanaa gaazexeessicharratti himannaan akka hin banamne maatiin himaniiru. Torban darbe gaazexeessitoonni AP lama wabiin gadhiifamuun ni yaadatama.

Dhaabbileen walabummaa pireesiif falman gaazexeessitoonni hidhaa jiran akka hiikaman gaafachaa turan.

Kana dura gaazexaa Addid Nagar jedhamtu keessa kan dalagaa ture Tammiraat mana jireenyaa isaatii Mudde 01, bara 2014 ture humnoota nageenya mootummaan kan qabame.

Yeroos gaaffiif barbaadamta jedhameeti gara buufata poolisii sostanyaa jedhamutti kan fudhatame.

Turtii mana hidhaa

Gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa ammatti turtii isaarratti wanta dubbate hin qabu. Haa ta'u malee, haati warraa isaa wanti guddaa manatti deebi'u isaa ta'u himte.

''Namoota biroo, hidhamtoota waliin rakkoon isa qunname hin jiru,'' jechuun BBC'tti himte.

Taammiraat baatii afur bakka tokko hin turre.

''Jalqaba guyyoota torbaaf eessa akka ture hin beeknu. Eegasii buufata poolisii Galaanitti hidhamee ture. Hanga har'a hiikametti mana amala sirreessaa Daalattii ture,'' jechuun himte.

Taammiraat eenyudha?

Waggoota kudhan dura beekkamtii kan horatteefi gaazexaa Addis Nagar jedhamtuurratti xiinxala siyaasaa barreessuun beekama ture.

Erga gaazexaan barasii dhiibbaa mootummaan cufamte booda garuu isa dabalatee hojjettoonni Addis Nagar hedduu biyyaa baqatanii turan.

Biyya alaatis xiinxalawwan garagaraa kennaa ture.

Jireenya baqaa Ameerikaa booda kan biyyatti deebi'e waggoota sadii dura yeroo Itophiyaa keessa jijjiiramni siyaasaa mul'atedha.

Waggaa darbees miidiyaa Yuutubiirraa Taraaraa Network jedhamu jalqabuun qabiiyyeewwan gara garaa dhiheessaa ture.

Haa ta'u malee, dhimma Naannoo Oromiyaafi qondaaltota qeeqa dhiheessun kan isa qeeqan jiru.