Dargaggoo maashina warqee dhiquu fi dhimbiibu hojjete, fuulduraaf abjuu guddaa qabu

Dargaggoo Biqilaa Yohaannis maashina albuuda warqee baasuf tajaajilu hojjeten tibbana miidiyaalee hawaasummaarratti dinqisiifannaa argateera.

Dargaggoo Biqilaa Yohaannis magaala Burraayyuutti qe'ee kireeffatee hojiisaa keessatti hojjetutti argamuun BBCn hojii kalaqaa isaa kanarratti dubbiseera.

Akkuma qe'ee kana seennen maashinawwan gurguddaa lama agarre. Dukkaanni guddaan roga tokkicha qe'ee kanaa keessatti argamus sibiilota caccabaafi meeshalee hojii sibiilaaf oolan baay'inaan qabateera.

Dargaggoo Biqilaa dhaabbata 'Bili Mechanical Miner' jedhamu hundeessuun maashinawwan albuuda warqee baasuf tajaajilan hojjeta.

Maashiniiwwan kunis sadarkaa dandeettii garagaraa kan qaban ta'uu dargagoo Biqilaan hima.

Haata'u malee imalli jireenyaa dargaggoo kanaa bu'aa bahiin kan dabaalame akka ture gaafif deebii isa walin taasifnerraa hubanne.

Biqilaan attamiin asi gahe?

Dargaggoo Biqilaa Yohaannis magaala Naqamteetti dhalatee guddate.

Sana boodas gara magaala Finfinneetti imaluun ogummaa 'General mechanics' barateen Korporeeshinii Sibiilaafii Injinaringii (METEC) keessatti qacaramuun hojjechuu eegale.

'METEC' dabalataan gara pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa (GERD) imaluunis hojjetaa sibiilaa ta'uun hojjeteera.

Warshaalee sukkaaraa keessattis hojii warshaa dhaabuu irratti akka hojjetes dargaggoo Biqilaa hima.

Barnootasaa guddisuunis mummee barnootaa Injinaringii Sibiilaan sadrakaa 'Level 5'tin ebbifameera.

Dargaggoo Biqilaa dhaabbilee fi projeektota gurguddoo biyyattii keessatti hojjechuun muuxxannoofii beekumsa erga kuufateen booda bara 2012 hojii qacarrii keessaa bahuun hojii dhuunfaasaa eegale.

Rakkoo albuuda baastotaa akka carraatti…

Namootafii dhaabbilee hojii albuuda baasuurratti bobba'aniif rakkoon maashinaa rakkoolee isaan ijoo keessaa tokko.

"Albuuda baasuu keessatti rakkinni jiru lafa qotanii albuuda humna namatiin baasun baay'ee cima. Dabalataan bu'aa qabeessummaan isaas badaa miti" jedha dargaggoo Biqilaan.

"Maashiniidhaan yeroo baastu baay'inaan omishuu dandeessa" jechuunis garaagarummaan maashina ammayyaa fayyadamuun omisha albuudaarratti fidu hima.

Haa ta'u malee maashinawwan albuuda baasuuf oolan baay'inaan biyya alaatii kan bitaman ta'uun dabalataan gatiin isaaniis qaalii dha.

Kana malees yeroon maashina bitanii gara biyyaa galchuuf fudhatus dheeraadha.

"Nuti rakkoo sana hunda hambisuu dandeenye. Yeroo gabaabaa keessatti hojjennee kennuufii doolaara gara biyya alaa bahu hambisuu keessatti gahee guddaa nurraa eegamu bahanneerra jedheen yaada" jedha dargaggoo Biqilaa Yohaannis.

Haaluma kanaan bara 2012 keessa hiriyaansaa hojii albuuda baasuurratti bobba'e tokko rakkoo maashinaa isa mudate isa mariisise.

"Hiriyaankoo Asoosaa jiraatu tokko lafa albuuda warqee fudhatee dhufee 'lafan qotu argadheera garuu maashinni ittiin hojjennu alaa gala. Asitti hojjechuun danda'amaa?' kan jedhu na gaafate" jedha.

"Isa wajjin haasofnee wantoota tokko tokko binnee qe'ee jireenyaa keessatti 'Raw Mill' ishee jalqabaa hojjenne" jechuunis hima.

Maashinni yeroo jalqabaaf hojjetan kun warqee mala aadaatin humna namaan baasuurra sadarkaa olaanaan fooyya'aa ta'ullee maashinoota ammayyaa warqee dhiquufii dhimbiibuuf fayyadan walin kan dorgomu miti.

"Maashinni kun biyyoo bishaaniin miiccee, warqee gulaalee kophaatti kan baasudha," jechuun dargaggoo Biqilaa dubbata.

Maashinii kana iddoo albuudni itti bahutti geessuun akka hojjetu erga mirkaneessanii booda gaafiin 'nuf hojjedhu' jedhu baay'inaan dhiyaachufii akka eegale hima.

'Gold Shaker'- Maashina guddaafi ammayyaa'aa…

Maashinni guddaan dargaggoo Biqilaan hojjettootasaa waliin ta'uun hojjetefii miidiyaalee hawaasummaarratti ittin jajame 'Gold shaker' jedhama.

Maashinni kun biyyee albuuda warqee of keessaa qabutti bishaan firfirsuufii hoollachuun warqee gam tokkoon haftee akka dhagaa immoo fiixee gama biraan baasa.

"Maashinii kana gutumaan guutuutti dhaabbata biyya Kaanaadaa Maakon jedhamurraa ilaallee hojjenne. Dizaayinii biyya alaati" jedha dargaggoo biqilaan.

Maashinni hojjetan kunis sa'aatii tokko keessattis biyyee toonii 70 hanga 100 ta'u dhiquun warqeefii haftee hin barbaadamne gargar akka baasu dubbata.

Qormaatawwan…

Dargaggoo Biqilaa Yohaannis hojii maashina warqee dhiqufii dhimbiibu hojjechuu erga eegalee booda qormaatawwan garagaraa dabarsuu isaa hima.

Qormaatawwan kunneen keessaa inni tokko hanqina maallaqaafii amantaa namootaa akka ta'e hima.

"Rakkinni dura ture wanta kana hojjechuuf maallaqa guddaa gaafata. Namni 'riiskii' fudhatee maallaqa kennee hojjechiisuf badaa amantaa waan hin qabneef isaan amansiisuuf baay'ee rakkanneera" jedha.

Kana malees maashina jalqabaasaa qe'ee jireenyaa keessatti kan hojjete dargaggoon kun yeroo garagaraatti iddoowwan hojii jijijjiiraa turuu hima.

Haa ta'u malee maashina jalqabaasaa iddoo omisha warqeetti dhaabun akka hojjetu erga agarsiisee booda abbootii qabeenyaa adda addaarraa gaafiin dhiyaachuufii akka eegale hima.

"Inni jalqaba hojjenne akkamitti akka hojjetu erga agarsiisnee boodadha kan namoota biroof hojjechuutti kaane. Abbootin qabeenyaas erga amananii boodadha qabdii naaf kennanii nahojjechiisutti kan ka'an" jedha.

Karoora gara fulduraa

Yeroo ammaatti hojjettoota sadi of jalatti qacaruun kan hojjetu dargaggoo Biqilaa Yohaannis, karoorasaa gara fulduraa keessaa inni tokko maashina omisha warqeen dabalataan maashina dhagaa kasalaa miiccu hojjechuu akka ta'e hima.

"Maashina guddaadha. Amma dizaayiniisaa hojjechaa kan jiru jira. Abbootiin qabeenyaa nutti amannaan hojjennee itti agarsiisuu dandeenya' jedha.

Kana malees dhaabbatni isaa damee omisha maashina albuudaatin biyyattii keessatti dursaa akka ta'uuf karoora akka qabus dargaggoo Yohaannis hima.

"Dhaabbata keenya guddisnee, hoji dhabaas hambisnee wanta baay'ee fayyaduu barbaadna" jechuun nutti himeera.