Manni murtii Keeniyaa yaada heera jijjiiruu Uhuuruun dhiyeesse kufaa godhe

Abbootiin Murtii Mana Murtii Waliigalaa Keeniyaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Abbootiin Murtii yaada heera jijjiiruuf pireezidant Uhuuruun dhiyeessan seeraan ala jedhan

Abbootiin murtii Keeniyaa yaada heera mootummaa jijjiiruuf pireezidantiin biyyattii Uhuuruu Kenyaataa dhiyeessan irra deebiin kufaa godhan.

Pireezidantichi seeraan ala jijjiirraa heeraa gochuuf socho'a jechuun wixinee Building Bridges Initiative (BBI) jedhamu adda durummaan Uhuuruun dhiyeessan kana kufaa godhe.

Yaadichi silaa lammiilee dhuunfaan malee pireezidantii aangoorra jiruun dhiyaachuu hin qabu ture jedhan abbootiin murtii.

Keeniyaan filannoo pireezidaantummaa Hagayya dhufu adeemsifamuuf gamanumaan qophiitti jirti.

Uhuuruu Kenyaataan marsaa lama waan filameef jecha kan bara kanaa irratti dorgomuu hin danda'u.

Wixinee jijjiirraa heeraa amma dhiyaate keesssaa aangoon Ministira Muummee amma hin jirre akka dabalamu kan jedhu isa ijoodha.

Uhuuruun yaada kana kan fide morkataan isaa yeroo dheeraa, amma michuu waliif ta'an Raayilaa Odiingaan pireezidantii ta'uun yoo filame, ofii aangoo ministira muummee qabachuuf jechuun hamatamaa ture.

Wixinee adda durummaan Uhuuruun dhiyaate kana amma dura manni murtii kufaa godhee kan ture yoo ta'u, mootummaan ol iyyannoo galfatee jennaan irra deebiin ilaalame.

Abbootiin murtii Mana Murtii Waliigalaa Keeniyaa wixineen dhiyaate qixaa'ee kan dhiyaate miti, seeraan ala akkasumas bu'uura heeraa hin qabu jechuun irra deebiin kufaa godhan.

Filannoo pireezidaantummaa Hagayya dhufuu irratti pireezidant Uhuuruu waliin michooma kan tolfatan Raayilaa Odiingaam, pireezidantii itti aanaa ammaa Wiiliyaam Ruutoo waliin dorgomu.