'Haatiikoofi abbaan manaakoo duraanii waliif jaalallee ta'uusaanii booda keessan hubadhe'

Maarthaa Soyiapaayi

Madda suuraa, Martha Soipai

Dubartiin lammii Keeniyaa, Maartaa Isaayipaan haadha mucaa tokkoo yoo taatu, magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti daldala ofii gaggeessiti.

Dubartiin umurii waggaa 37 tunis, jireenya ishee keessattuu gama jaalalaatiin maal akka fakkaatu ibsiti. Kallattiin jireenyaa kunis gadda guddaa akka itti uume BBC Siwaahiiliitti himte.

Gaa'eelashee keessatti rakkoolee hedduun kan ishee mudate yoo ta'u, kan haadhishee nama abbaa manaashee ture wajjiin walitti dhufeenya jaalalaa qabachuu baruun hunda caalaa akka ishee miidhe dubbatti.

"Anii fi abbaan manaa koo seeraan gaaʼela hin godhanne ture. Haata'u malee akkuma abbaa warraafi haadha warraatti wajjiin jiraachaa turre. Akkuma guyyaan deemaa tureen, wajjiin jiraachuun ulfaata ta'aa dhufe.

Sababii kanaaniis wal loluufi reebicha walirraa hin cinne narra gahaa ture. Gaa'eela kana keessaa bahuu yeroon murteessetti ammoo akkan ulfa ta'ee hubadhe."

Gaa'eela kana keessa yeroo dheeraaf akka hin turiin kan himtu Maartaan, haata'u malee waggaa lama waliin jiraachuun isaanii barumsa cimaa isheef ta'uu dubbatti.

Erga gaa'eelashee dhiisteen booda sababa garaatti baattef jecha haadhashee wajjiin jiraachuu akka murteessite himti.

Bara 2007 keessaa erga mucaashee deesseen booda daa'imni jalaa du'e. Yeroon sunis isheef kan dhiphinaafi gaddaa akka ture dubbatti.

Haadha wajjiin jiraachaa turte bara 2013 jireenya mataa ofiishee eegaluuf hojii barbaaddattee mana biraatti godaante.

Walitti dhufeenya haadhaa fi abbaa manaashee duraanii kan barte garuu bara 2020, wayita haati ishee bilbilaan dafii naa qaqqabii jechuun itti bilbilte akka ta'e himti.

Kunis namni abbaa warraashee duraanii ture haadhashee reebicha irra gahaa waan tureef akka qaqqabduuf waammachuu dubbatti.

"Adaadaakoo wajjiin gaafa mana haadhakoo yoo dhaqnu, namicha kanaan dura abbaa warraakoo ture ishee wajjiin argine. Maaliif haadhakoo reebaa akka ture wayita gaafannu, "'dhiirsi niitii ofi reebuun dogoggoraa?' jedhee nuu gaafate," jetti Maartaan.

Guyyaan kunis dubartii kanaaf gonkumaa kan jireenya ishee keessatti irraanfatamuu hin dandeenye ta'uu himti.

Martha Soipai

Madda suuraa, Martha Soipai

Haadhisheefi abbaa manaashee duraani jaalallee ta'uu baruun dabalatee, jarri kun waggoota 15 wajjiin turuu barte. Kunis yeroo isheen namicha kana wajjiin jiraachaa turte kan dabalatudha.

Amma dhugaan ifa ta'eera garuu ammoo attamiin waa'ee dhimma kanaa haadhakoo waliin akkan dubbachuu danda'u rakkataan jira.

Maartaanis dhuga haati ishee nama yeroo tokko abbaa warraa ishee tureefi osoo guddattefii ta'e mucaa irraa godhate waliin, walitti dhufeenya jaalalaa qabaachuu ishee fudhachuun jireenya itti fufuu barbaaddi.

Maartaan akka jettuutti, yeroo isheen namticha waliin jiraataa turteetti yoo isaan wal lolan illeen takkaa haatiishee dhaqxee akka isaan hin araarsiin yaadatti.

Amma garuu sababiin isaa maal akka ture ishee galuu dubbatti.

''Ammatti wanti hundumtuu sirriin naaf galuu eegaleera. Haatii kiyya wayitan gaa'ila kiyya keessatti reebamaa, sammuun kiyya dhiphataa fi wayita dubbii natti cimeetti poolisiitti iyyadheerreen dhuftee dhimma kiyya keessa galuu hin barbaaddu turte.

Haata'u malee bara 2006tti gaa'ila ishee hiikuuf maddi walitti dhufeenya namtichaa fi haadhi ishee waliin qaban osoo hin taanee sababii garbiraa ta'uu danda'a jetti Maartaan.

Maartaan haadha isheetiif intala tokkoottii ta'uu dubbachuun, haata'u malee haatiishee ishee ganuu hin yaadnee turte. Garuu ammoo jarreen lamaanuu namoota gurguddoo ta'anii osoo jiranuu, waa'ee kiyya dagachuun waliin jaalala keessa galan.

Walitti dhufeenyi Maartaafi haadhashee duraa maal fakkaata?

Martha Soipai

Madda suuraa, Martha Soipai

Maartaan wayita 1980moota keessa dhalatteetti haadhaa fi akkoo isheetiin kunuunfamaa guddatte. Boodas haatiishee hojiif gara biyya Arabaa wayita deemteetti Maartaa akkooshee biratti dhiiftee imalti.

Wayita haatii Maartaa dhiisuun imalteettis isheen mucaa waggaa lamaa qofa turte. Wayita isheen waggaa 10 guuttu haatiis biyya Arabaatii deebii'uun akkoo ishee biraa fuutee mana barnootaa bultii (boarding school) galchite. Yeroon kunis kan qofummaan itti dhagahamaa tureefi baayyee cimaa ta'u dubbatti.

Haatii ishee yeroo lammafaaf wayita biyya Arabaa irraa deebiitu ammoo Maartaan akka daa'ima warra hinqabneetti jiraachaa turte. Yeroo baayyees yeroo manni barnootaa cufamuuttis, keessattuu wayita mana barnootaa sadarkaa lammaffaa galtuutti mana barsiisaa ishee keessa turaa turte.

Haata'u malee haalli ishee keessa dabarte kunis barnoota ishee itti fufuun akka hin xumurre ishees hin danqine.

Haata'u malee jireenyi isheefi kan haadha ishee baayyee ulfaataa waan tureef lamaanuu hojii hojjataa turan.

Maartaan haatishee abbaa warraashee duraanii waliin walitti dhufeenya qabaachu isheetiif dhiifama gochuuf dubbatti. Garuu akka haadhaafi ilmootti walitti dhiyaachaa hin jiran. Walittis dubbataas hin jiran.