Dhukkubni rifeensi akka buqqa'u taasisu Alopiishiyaan maaliidha? Wallaansa qabaa?

Madda suuraa, Reuters
"Waa'ee Olopiishiyaa kan barbaaddan jedhaan, garuu hanga isin irra gahee agartaniitti hin beektan. Dhukkuba miira namaa cabsuudha,'' jetti Emii Chiiniik.
Emiin waggaa 21 irraa kaasee ture sababii dhukkuba kanaatiin rifeensa ishee dhumuu kan eegale.
Taatoon beekamaan Kiiriis Rook qoosaan dhibee kanarratti hundaa'un dubbate ammoo jireenya ishee yaadachiisa.
Bu'aa bahii baroota dheeraatiin booda badhaasa damee fiilmiitiin olaanaa jedhame Oskaara kan argate Wiil Simiiz tibba kana ijoo dubbii ta'eera.
Haatii warraa Wiil Simiiz Jeedaa Piinkeet bara 2019 ture dhukkuba kanaan kan qabamte.
Wiil Simiiz qoosaan waahilli isaa waa'ee haadha warraa isaa dubbati kan aarsees waahillan oggummaa jajjaboo duratti ka'ee kaballaa Kiriis Rookiitti cufe.
Suuraan yoo Wiil Kiriis hanga lafti itti naanna'uutti kabu agarsiisuuf miiliyoonoota hedduun ilaalameera.
Sababii kaballaa kanaatinis ummanni addunyaa bakka lamaatti baheera.
Kaan kabalaa kun Kiriisiitti ni xinnaataa yoo jedhan kaan ammoo rukuttaa maaltu fidee jechaa jiru.
Haata'u malee waa'ee dhibeen Aloopiishiyaa jedhamu kanaa hubachiisuuf taateen mudate waan fayyade fakkaata.
Dubartiin waggaa 26 kan taatee Emiin Kiriis Rook maqaa Jeedaa kaasuu maaliif akka barbaachise naaf hin galle jetti.
''Waan sarara darbe natti fakkaata'' jetti yoo gochaa Kiriis Rook balaaleeffatu.Emiin osoo rifeensa nam-tochee hin kaawwatiin manaa hin baatu.
''Gonkumaa kan nama kofalchiisu miti. Dhibee biraa irratti akkuma hin qoofamne hundaa kanaanis qoosuu hin qabu ture. Dhimmsaa qoosaa miti,'' jetti.
''Dhugaadha dhibeen kun lubbuuf hin sodaachisu ta'a. Garuu ammoo dhiibbaan xin-sammu inni qaqabsiisu salphaa miti,'' jetti.
Emiin rifeensa ishee hunda kan dhabde torbanoota sadii keessatti. Jalqaba suuta eegaluun torban sdii keessatti akkum Jeedaa riifeensa ishee guutuu dhabde. Har'alleen waggoota jahaan booda waa itti uffattu malee bahu hin dandeessu.
Emiin Wiil Smiizi maaliif akka haasaa Kiriis Rookiitti aaree naaf gala jetti.
''Inni akkuma jaalallee kiyaa waan baayyee keessa darbeera ta'a,'' jetti.
''Yeroo hunda ganama yoo sirree irraa ka'u imiimaantu na qaba. Rifeensa hangamii akkan dhabe jaalallee kiyyattiin agarsiisa. Gara alaa akkan hin baaneef sababan barbaada. Wiil Simiizis rakkoon Jeedaa galameefii ta'a.''
Emiin taateen kun hubannoo namoonni waa'ee dhukkuba kanaarratti qaban akka dabale abdatti.

Madda suuraa, AMY CHINNICK
Aloopiishiyaan maal?
Oloopiishiyaan dhibee akka rifeensi buqqa'u taasisuudha. Dhukubichis sababii dhiibee gara biraa ykn hirina wantoota qaama keenya keessa jiranitiin dhufuu danda'a.
Dhukubiichii umurii ykn saalaan gargar hin baasu. Nama kamuu qabu danda'a. Ta'ulleen kanneen umuriinsaanii waggaa 30-60 jiru caalaa miidha.
Daa'imman waggaa sadii gadii baayinaan hin miidhamaniin. Dhibeen kunis UK keessatti namooya kuma 65 ta'an akka miidhee himama.
Dhukkubichi gosa adda addaa qaba. Gosti muraasni riifeensa hanga ta'e qofaa yoo harcaasuu, rifeensichi deebiisee biqiiluu ni danda'a.
Dhukubbin kunis yeroo baayyee buqqee mataa riifeensa malee haa himbisulleen malee, qaama keenya rifeensi irra biqilu kamuu miidhu danda'a.
Yeroo baayyee dhukkubichaan qabamu keny kan hubannu erga rifeensi baayyeen mataa keenya irraa harica'een boodadha.
Wallaansa
Marsariitiin WBMD jedhamuufi odeeffannoowwan dhukkubootaafi malawwan ittisa isaanii kennu tokkos dhukkubni kun qoricha qabaachuu hima.
Haata'u malee tarkaanfiin jalqabaa akkuma mallattoon mudateen hakiimii mariisiisuudha. Haaluma hakimiin hajajuun qorichiicha fudhachuun filmaata jalqabaati.
Kan biraa ammoo aduun akka buqqee mataatti hin baayyaneef riifeensa namtolchee dabalee wantoota biraatiin haguuguudha.
Kana malees dhiphina hir'isuun namoota dhibee kanaan qabamaniif gorfama.

Madda suuraa, Getty Images













