Raashiyaan yeroo jalqabaatiif misaa'eelii hayiparsoonikii Yukireen irratti fayyadamuu himte

Miisaa'eloonni Kinzhal akkuma asirratti mul'atuutti jeettiiwwan waraan Raashaa MiG -32K kan fee'amuudha

Madda suuraa, Russian defence ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Miisaa'eloonni Kinzhal akkuma asirratti mul'atuutti jeettiiwwan waraan Raashaa MiG -32K kan fee'amuudha

Waraanni Raashiyaa misaa'eelii hayiparsoonikii baalistik dhokaasuudhaan mana kuusaa meeshaa waraanaa lafa jalaa Yukireen barbadeessuu, ministeerri Ittisaa Mooskoo keessaa hime.

Yoo mirkanaa'ees kun Raashaan waraanaa kana keessatti miisaa'eel Kinzhal, ykn Dagger, baalistik samiirraa yoo dhokaaftu kan jalqabaati. Kan dhokaafames xiyyaara MiG-31 ta'u danda'a.

Misaa'eloonni Hayiparsoonik ofii maaliidha?

Pirezidaanti Vilaadmiir Putiin irra deeddebiin biyyattiin misaa'eeloota hayiparsoonikii irratti invasti gochaa jiraachu himaniiru. Misaa'eloonni kunneenis saffisa sagalee caalaa dachaa shanii oliin kan imalaniidha.

Akka qondaaltota Raashiyaatti misaa'eeliin Kinzhal xiyyeeffannaa saa fageenya km 2,00 irratti sirriin dhawa. Akkasumas sa'aatiin kiilomeetira 6,000 balalii'uu danda'a. Haata'u malee misaa'eeloota kaan caalaa wanti balaafamaa isaan taasisu jiraa ykn ajjeechaa fi badiinsaa baayyee qaqabsiisaa?

''Aggas mara akka waan guddaatti hin ilaalu,'' jedhan Jeems Aktoon, ispeeshaalistiin imaammata nikuulaaraa kan ta'an. Itti dabaluunis, ''Raashiyaan misaa'eela hayiparsoonikii kanatti fayyadamuun bu'aa hangamii akka argattu hin beeku,'' jedhan.

Graphic detailing Kinzhal missile
1px transparent line

Pirezidaanti Putiin Mudde darbe keessa Raashiyaan misaa'eela hayiparonikiitiin addunyaa dursaa jirti. Innis hordofuuf baayyee cimaafi osoo balalii'uu kallattii jijjirachu kan danda'uudha jedhanii turan.

Raashiyaan viidiyoo wayita misaa'eellisaanii mana kuusaa waraanaa Deeli'atyn kan mandara kibba-lixa Yukireeniitti raawwatameera jedhan maxxansaniiru. Eddoon kuni daangaa Romaaniyaa irra fageenya kilomeetira 100 qofaarratti argama.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

"Kunis mallattoo agarsiifannaati. Kan itti dhimma bahee yoo ta'ees akka taatee addaatti lakkaa'u qabna, sababii Raashiyaan misaa'eeloota kanneen baayyee hin qabneefu,'' jedhan Dominikaa Kunerotoka jidduugala Qorannii Tikaa Zuuriik irraa.

'Waan hunda kan geeddaru miti'

Hogganaan Raashiyaa misaa'eela Kinzhal waggaa afuriin dura ture ifa kan taasisan. Isaanis meeshaa waraanaa diina kamiinuu ''hin mo'amne' jechuun ibisanii ture. Misaa'eeloonni hayipasonikii gara biraa ammoo Zirkon fi Avangard yoo ta'an lamaan isaanituu saffisaa fi bakka fagoo qaqqabuu kan danda'aniidha.

Kinzhal mataa dhukaasa nikulaarii fi kan baraman kaanii baachuu kan danda'uudha. Haata'u malee haleellaan mana kusaa meeshaalee waraanaa Yukireen irratti raawwatame kunis eessaa akka dhukaafame kan barame hin jiru.

''Kunis warra lixaatiif akeekkachiisa, Putiin sababii warra lixaatti aareef meeshaalee waraanaa kanneen hunda Yukireen irratti roobsaa jira,'' jedhan Aaddee Kuneertovaa wayita BBCtti dubbataniitti. ''Baayyee kana waan hunda geedarus miti.''

line

Waraanicha irratti odeessaalee dabalataa:

line

Jeemsi Akton gamasaanitiin Kinzhal misaa'eela Iskander kan jeettiiwwan waraanaa irraa fooyyeefamee hojjatameedha. Erga waraanni eegalamee kaasee loltoota lafoo Raashiyaatiin ammoo misaa'eloonni Iskander-M dhukaafamaatuma turan jedhan.

Misaa'eliin Iskander misaa'elii qilleensarra dhokkaafamurra fageenya gabaabaa kan deemuu yoo ta'u, Ministeerri Raayyaa Ittisa Yukireen torban kana Raashiyaan guyyoota jalqabaa 20 keessatti misaa'eeloota iskandar hundumaa dhukaasuu himanii ture.

Qondaalli ittisaa US tokkoos gaafa Jimaataa humnootiin Raashiyaa erga Guraandhala 24 kaasee misaa'eeloota 1,080 dhukaasaniiru jechuun caqafameera.

''Kunis lakkoofsa baayyee nama ajjaa'ibuudha,'' My Akton BBCn wayita Raashiyaa keessatti fayyadama boombiiwwan hin hogganamnee baayyachuu kaauun. ''Yeroo gabaabaa keessatti hanqina meeshaalee waraanaatiif saaxilamu malu.''