Ijolleen obbolaan lama baatii afur dura badan bosona Amaazoon keessatti argaman

Madda suuraa, Getty Images
Obbolaan dhiiraa lama baatii afur dura badan bosona Biraaziil Amaazoon keessatti argamanii hospitaala geeffamaniiru.
Ijoolleen ganna saddeetiifi ja’aa ta'an Gilaakoo fi Gileesan Fereeriyaa jedhaman simbirroo xiqqoo tokko qabachuuf otoo waliin fiiganiiti achumaan naannoo Amaazoon Maanikoor jedhamutii gaafa Guraandhala 18 badan.
Namicha bosona sanatti muka cabsaa turetu gaafa Kibxataa isaan argate.
Hospitaalatti erga yaalamaniin booda miidhaa hanqina nyaataa isaan mudaterraa ni bayyanatu jedhamee eegama.
Ijoolleen kuni gaafa badanii kaasee jiraattonni naannoo dhibbaan lakkaa’aman isaan barbaadaa turan.
Waqtiii roobaa gatii taheefis bosona Amaazoon keessa deemuun isa yeroo kaanii caala rakkisa- ijoolleen immoo eessattiyyuu argamuu hin dandeeye ture.
Tajaajilli yeoo balaa barbaacha kana gaafa Guraandhala 24 dhaabus, jiraattonni naannoo garuu ijoollee barbaaduu itti fufan jedhe miidiyaan biyyattii Amazônia Real.
Baatii afur booda namni isaan arge ganda Paalmeeriyaa jedhamu iddoo ijoolleen maatii isaanii waliin jiraatanirraa km6 fagaatee muka kutuu deemti.
Ijoollee kunneen keessaa inni tokko sagalee nama muka kutuu dhageenyaan akka isaan gargaaraniif iyye. Sagalee hordofaa deemnaan bosona keessa beela’aniifi dadhabanii lafarra ciciisanii, akkasumas qaama isaaniirra momocoramaniiru isaan argate.

Madda suuraa, Getty Images
Akka miidiyaan biyyatti gabaasanitti ijoolleen kunneen erga gaafa badanii bishaan roobaa dhuguun alatti nyaata nyaatanii akka hin beekne maatiitti himaniiru.
Obbolaan lameen erga argamaniin booda gara hospitaala Maanikoor geeffamanillee, gaafa Kamisaa garuu heelikooptaraan gara hospitaala Gilooboo jedhamutti fudhatamaniiru.
Namoonni bosona Amaazoon keessatti baduun kuni kan jalqabaa miti.
Bara darbe Amajjii keessa paayilatiin xiyyaarrii isaa kufe, Antooniyoo Senaa, guyyoota 36 bosona Amaazoon Biraazil keessa dabarseera.
Bara 2008 keessa immoo dargaggeessi ganna 18 adamoof deeme guyyoota 50f badee bosona Amaazoon fagoo keessatti argamus, badaa otoo hin turiin luubbunsaa darbeera.
















