'Lammiileen Itoophiyaa Kuma 35 Saawudiidhaa deebi’uuf galmaa’aniiru' Ministeera Dhimma Alaa

Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Dubbii himaa ministeera haajaa Alaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa

Lammiilee biyya Saawudi Arabiyaatti rakkoo keessa jiran Kuma 100 ol biyyatti deebisuuf qophiin xummuramuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa hime.

Har’a miidiyaaleef ibsa kan laatan dubbi himaan ministeerichaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, yeroo ammaa haala lammiilee kunneenii sakatta’uun hojiin galmeessuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

“Lammiileen 35,000 deebi’uuf galmaa’aniiru, yeroo gabaabaattis gara biyyaa ni deebi’u’ jedhan.

Lammiileen galmaa’an kunneen kan manneen hidhaa Saawudii Arabiyaafii kaampiiwwan garagaraa keessatti argaman kan of keessatti qabate ta’uunis himameera.

Gaafii ‘hojiin lammiilee kunneen deebisuu maalif harkifate?’ jechuun gaazexeessitoota biraa ka’eef “hanga galmaa’anfii adda bahanitti yeroo barbaada. Addaan baasuufii galmeessuun nageenyafii fedhii biyyaa akkasumas loojistikiif ni barbaachisa. Kanaafi malee wanti tureef wanti biraan hin jiru” jedhan.

“Mootummaan dirqama lammiileesaa fudhachuu qaba…”

Ji’a tokkoon dura jiilli Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahimad Shideen durfamu garav Saawudi Arabiyaatti imaluun dhimma lammiilee Itoophiyaa biyyattii keessa jiraniirratti mari’atee ture.

Marii taasifame irrattis gama mootummaa Saawudi Arabiyaatiin sababootni garaagaraa ka’uu Ambaasaaddar Diinaa Mufti himu.

Sababootni kunneenis “karaa seeraan alaan gama Yamaniin kan seenanidha, tasgabbii keenya balaa keessa kan kaa’anidha fi amala sirrii hintaane kan agarsiisanidha” kunneen jedhan akka ta’an himan.

Dhimmootni mootummaa Saawudii biraa ka’an kunneen qulqullaa’anis dhiisanis mootummaan Itoophiyaa dirqama lammiileesaa fudhachuu waan qabuuf lammiilee hunda gara biyyaatti deebisuuf adeemsi galmee eegalamuu Ambaasaaddarichi dubbatan.

Rakkoo lammiilee Itoophiyaa biyya Saawudiitti…

Lammiileen Itoophiyaa biyya Saawudi Arabiyaa keessatti argaman yeroo garagaraatti hidhaafii dararaaf saaxilamaa turaniiru.

Mootummaan biyyattii lammiileen kunneen karaa seeraan alaan garas deemuu isaanii komata.

Haa ta’u malee qabiinsi lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Saawudi keessaa hammaataa akka ta’e dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman himaa turaniiru.

Hidhamtootni yeroo garagaraatti BBCf yaada kennaa turanis beelaaf dheebuu, reebicha, dhukkuba darbees du’aaf saaxilamaa akka jiran himaa turan.

Mootummaan Itoophiyaas bara 2021 keessa qofa lammiileesaa kuma 40 ol biyyattii keessaa gara Itoophiyaatti deebiseera.