Kaartaan Google Konkolaataa reeffi keessatti argame agarsiisa

Madda suuraa, National Missing and Unidentified Persons System
Reeffi nama ganna 20 dura Filooradaa keessatti badee ture konkolataa dhidhimee kaartaa Google Maps irratti mul'atu keessatti argame.
Wiliyaam Moldit Filooridaa Lantana keessaa bade jedhame kan gabaasame Sadaasa 7, 1997 A.L.A ture
Ga'eessi ganna 40 kun yeroo badetti poolisiin qorannoon eegalus boodarra milkii'uu dhabuun addaan cite.
Waggaa 22 booda Hagayya 28 irratti haroo magaalaa Weellingitan Moon Bay Circle keessatti konkolaataan argame gabaasi jedhu poolisi dhaqqabe.
Yeroo konkolaataan kun haroo san keessa ba'uutti reeffii lafee ta'e jiru argame. Torban tokko boodas reeffii kun kan Wiliyaam Moldit ta'uun beekame.
Akka poolisiin jedhutti konkolaataan dhidhime kun kan argame jiraataa naannichaa kan ture yemmu "Google irraa ilaalaa turetti" jedha.

Madda suuraa, Google Maps
Namni kun nama amma naannicha jiraatutti wanta arge hime. Namni kunis drone (xiyyaraa kaameera qabdu xiqqashu) fayyadame dhugaa ta'u yemmu argetti poolisi beeksise.
Akka gabaasa interneeta Charley Project jedhamuutti "konkolaataan kun saatilaayetii Google Earth irratti suuraan kun bara 2007 irraa eegale argama ture garuu hanga 2019tti namni hubatee arge hin jiru," jedha.

Madda suuraa, Google Maps
Poolisiin Bulchiinsa Palm Beach Obbo Moldit tasa konkolataan to'annoo isaan alaa ta'eetti haroo san keessa gale jenne yaadna jechuun BBCtti himaniiru.
Dubbi himtuun poolisii Teressa Barbera "waggaa hedduu dura maal akka uumame baruun ni rakkisa, adda baasuu hin dandeenyu" jette.
"Waanti nuti beeknu yeroo tokkotti namni kun addunyaarra badee dhabamee ture, ammamoo argameera."
Reeffi argame kan Wiliyaam tu'uusa maatii isaatti himameera.













