Awustiraaliyaatti mucaa ganna sadii guyyoota afuriin booda bosona keessaa lubbuun argame

Madda suuraa, NSW POLICE
Awustiraaliyaatti mucaan waggaa sadii erga mana maatii isaatii bahee bakka buuteensaa dhabame barbaacha guyyaa arfuriitiin booda bosona keessaa nagaan argame.
Antoonii 'AJ' Elfalak garee poolisootaa barbaacha isaatiif hilikoptaraan socho'aa turaniin osoo inni baadiyyaa Niiw Saawuz Weelsi jedhamuutti bishaan dhugaa jiruu argame.
Mucaa xiqqaan rakkina fayyaa otizimii qabuufi dubbachu hindandeenye yeroo dhumaatiif guyyaa Jimaataa manaa bahe.
Maatiin isaa butameera jechuun sodaatanii ture.
Haata'u malee baraartoonni AJ mana warrasaa irraa fageenya meetira 500 irratti qarqara lagaatti arganiin.
Viidiyoo Poolisii Niiw Saawuz Weelsiitiin qoodameen, yoo ''Mucaa argeera'' yoo jedhan dhagahamu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Aanga'oonni akka jedhaniitti, mucaan miila isaarratti muraasa madaa'uun alatti, uffanni isaa jii'ee argame. Kanaan alatti fayyaa gaarii irratti argama jedhame.
Abbaan mucichaa Antoonii Elfalak kun 'dinqiidha jedhan.'
Mucaa kana barbaacha qondaaltoonni 100 oliifi tola ooltoonni guyyootaaf bosona keessa barbaachaa turan. Bakka amma inni itti argamee kanas duraan bira darbanii turan jedhameera.
''Mixiidhaan ciniinameera, kufeera, ta'us lubbuun arganneera. Lubbuun jira,'' jechuun gammachuun garee TVtti kan himan abbaansaa.
"Beeka naasuu keessan ture, garuu maal keessa akkan darbee eenyumtu na hubachuu hindanda'u. Amma baayyee gammadeera.
"Miilakoo, jilbakoo, mogoleekoo, deemuu hindanda'u. Irriiba tokko malee bosona keessan ture. Hindhaabne turre.''
Warrabbiin miidiyaaleen biyya keessaa battala mucaan argamuun dhagahameetti miseensoonni maatii gammachuu yoo ibsatan agarsiisaniiru.
Ministirri Mummee Iskoot Mooriisan mataansaanii boqonnaan itti dhagahamuu karaa ergaa tiwitaraatiin akkas jechuun barreessan, ''nagaa ta'usaa dhagahuutti gammadeera.''
''Mudannoon kunis AJ fi maatii isaatiif hangam cimaa akka ta'e yaaduun ulfaataadha,'' jedhan.
Mucichi maalii akka badee wanti barame hinjiru jedhan maatiin.
Guyyaa Jimaataa gamana AJ obbolaasaa waliin tabataa kan ture yoo ta'u, yeroo baayyee haadhasaatti garmalee maxxana jedhamee ture.














