Balaa ibiddaa bosona gaara Cuqqaalaan walqabatee lubbuun nama tokkoo darbe

Aanaa Liiban Cuqqaalaattti bosona gubachaa jiru

Madda suuraa, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo aanaa Liiban Cuqqaa

Balaan ibiddaa godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaatti guyyaa jaha dura Kamisa Bitootessa 01/2014 qaqqabe ammallee hin dhaamiin jiruun lubbuun nama tokkoo darbuu aanga'aan aanichaa BBCtti himan.

"Sadarkaa aanaatti ibiddicha dhaamsuuf humna hin qabnu" jechuun Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Aanaa Liiban Cuqqaalaa ibseera.

"Ibiddichi iddoo namni dhaamsuu hin dandeenye hallayyaa keessa jira" jedhan itti gaaftamaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Aanaa Liiban Cuqqaalaa Obbo Gammadaa Birraa.

Tumsa ibiddicha dhaamsuuf taasifamaa jiruunis lubbuun nama tokkoo darbeera.

"Bakki ibiddichi itti qabate halayyaa guddaadha. Dhaamsuufillee namatti hin mijatu. Namni dhaamsuu dhaqeet guyyaa Dilbataa lubbuun isaa darbeera" jedhan.

Namni lubbuun isaa darbes jiraataa magaala Finfinnee imala amantaaf garas deemefii ibiddicha dhaamsutti qileetti kufuun lubbuunsaa akka darbe Obbo Gammadaan BBCtti himaniiru.

Jiraataan aanichaa Obbo Xiiqii Cuqqaalaa, "lafa bosonni sirriitti jiru iddoo golbaa irratti kan ibiddi baay'achaa jiru" jechuun BBC'tti himan.

Ibiddichi hanga ammaatti bosona hektaara 1,000 mancaasuu akka hin oolle itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Aanaa Liiban Cuqqaalaa Obbo Gammadaa himaniiru.

Ibidda bosona gaara Cuqqaalaatti qabate dhaamsuufis Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatti gabaasuun deeggarsa isaanii eegaa akka jiranis Obbo Gammadaan dubbatu.

"Deeggarsi achii nuf kennamu baay'ee laafaadha. Xayyaarri kan dhaamsuu danda'u yoo ta'e gaafadheen ture garuu isaan ammatti kana naan hin jenne" jedhan.

Iddoon balaan ibiddaa amma itti qaqqabetti manneen jireenyaafii manneen amantaa irraa fagoo ta'uunsaatis himameera.

Bosonni gaara Cuqqaalaa maalif irra deddeebiin gubata?

Sababni balaa ibiddaa tibbanaa maal akka ta'e ammatti akka hin baramne Obbo Gammadaa Birraa himu.

Haa ta'u malee, sababootni ijoon balaawwan ibiddaa kanaan dura bosonicharratti qaqqabanii; ibidda kasala omishuuf qabsiifamuufi babal'ifannaa lafa qonnaa akka ta'an dubbatan.

Jiraataan aanaa Liiban Cuqqaalaa Obbo Xiiqii Cuqqaalaa, "kanaan dura sababa namni cilee achi keessatti cileessuuf ni ka'a ture. Ibiddi bakka cilee sanii ka'ee yeroo baay'ee bosonicha ni guba" jedhan.

Ibidda bosona gaara Cuqqaalaatti qabate kana dhaamsuuf ammatti qaamoleen nageenyaafii hojjettootni mootummaa tumsa gochaa akka jiranis Obbo Gammadaan dubbataniiru.

Yaaddoo…

Miidhaan balaan ibiddaa bosona gaara Cuqqaalaa mudate bineensota bosonicha keessatti argamanirratti qaqqabsiisu akka isaan yaaddesse qondaalli kuni ni himu.

"Ibiddi bara darbe ka'ee ture bineensota dhalan gubuusaa ijaan argineerra" jedhan.

Jiraataan aanichaa Obbo Xiiqiin bosonicha keessa bineensotni akka goljaa, jaldeessa, borofni, kurupheefii kunneen biroon akka jiran himu.

Bosonichi gosoota mukkeen akka Ejersaa, Hetteecha, Gaattiraafii kunneen biroos of keessatti kan qabatedha.

Yeroo ammaa kanattis tumsa ibiddicha dhaamsuuf taasifamaa jiru keessatti hirmaannaan ummata naannoo xiqqaa ta'uu kan himan Obbo Gammadaan ummatni akka birmatu gaafataniiru.

Gama biraatiin bosonichaaf eegumsi akka taasifamuuf bara 2011 irraa eegalee qaamolee sadarkaa naannoo Oromiyaafii Federaalaatiif gaafiin dhiyaatus deebii akka hin arganne dubbatan.