Keeniyaatti barattuun doormii barattootaatti ibidda qabsiisuun akka lubbuun barattootaa darbuuf sababa taate adabamte

Madda suuraa, AFP
Barattuun lammii Keeniyaa magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobitti balaa ibiddaa doormii barattootaatti lubbuu barattoota 10 dabarse qaqqabsiite hidhaa waggaa shaniin adabamte.
Shamarreen ganna 18 mana barnootaa beekamaa Moyii jedhamutti wayita umriin ishee ganna 14 ture bara 2017 keessa balaa ibiddaa kana qaqqabsiifte.
Maatiin barattoota balaa ibiddaa sanaan du’anii adabbiin kun itti xiqqaate jedhanillee, murtoo haqaa argachuutti gammadaniiru.
Balaan ibiddaa yeroo sanatti mudate lammilee biyyattii naasisuun alatti nageenya barattoota doormii tursiifamuun baratanii irratti yaaddoo uumeera.
Balaan ibiddaa kun barattoonni rakkoo nyaataa mormuuf ykn ammoo haala barsiisaan isaan itti keessummeessu mormuuf manneen barnootaa Keeniyaa keessatti dhiyoo qaqqabsiisan keessaa isa hunda caalaa hamaadha.
Barattuun kun Muddee bara 2021 lubbuu namaa dabarsisteetti jedhamtee baleessaan otoo itti hin muramiin dura mannii murtii bilisaan gaggeessee ture.
Abbaan murtii barattuun kun barattoota waliin mana barnootaa tokkotti barattu ajjeesuuf yaaddee ibidda hin qabsiifne, mana barnoota biraatti jijjirraa argachuu waan barbaadduuf ture jedhee falme.
Shamarreen kun hiriyoota ishee muraasa balaa ibiddaa sanarraa baraaruuf yaaluun ishee tarkaanfii adabbii salphisuufitti lakkaa’ameef.
Mucaa durbaa isaanii tokkoo balaa ibiddaa sanaan kan dhaban keessaa Aadde Mariyanne Miwangii, ‘duuti intala kootii jireenya koo geeddare’ jechuun BBC tti himan.
‘’Italli koo wayita lubbuun ishee darbu umuriin ishee ganna 14 ture. Obbolaafi maatii keenya maratu ishee dhabe,’’ jedhan.
Yeroo hedduu barattoota mana barnootaa isaaniitti ibidda qabsiisan ni himatamu, garuu barattuun kun kanneen adabaman muraasa keessaa tokkodha.
Balaan ibiddaa akkasitti mudatu manneen barnoota akka cufamaniif ka’uumsa ta’a.













