Paarkii Gaarreen Baalee: Bonni bara kanaa Paarkichatti yaaddoo balaa abiddaa uumeera

Madda suuraa, Getty Images
Balaan abiddaa naannoo Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baaleetti tibbana mudatee ture to'atamuu paarkichi beeksise.
Hoji gaggeessaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarren Baalee Obbo Shaamil Kadir BBC'tti akka himanitti, ollaa Paarkii kanaa daangaa aanaalee Barbaree fi Gobbaatti balaan abiddaa guyyoota lamaaf mudatee turuu himan.
"Balaan abiddaa kuni ka'umsisaa qoratamaa jira. Akka shakkiitti kan jiru namootni sababa bonni gammoojjitti hammaateef gara lafa bosonaatti waan godaananiif ta'uu mala kan jedhudha. Namootni damma baasanis abidda waan fayyadamanaiif isarraas ta'uu mala," jedhan.
Balaan abiddaa kuni tumsa caasaan mootummaa fi hawaasni naannoo guyyoota lamaaf walitti fufiinsaan taasisaniin yeroo ammaa guutummaatti to'atamee akka jirulleen himan.
"Haawaasni naannoo balaa abidda bosonaa kana akka qabeenyasaatti itti birmate. Guyyaa aduu wajjin ho'i baayyee cimaa waan ta'eef hojiin abidda kana dhaamsuu gara caalu halkani kan raawwatame," jedhan.
Guyyoota lamaan darbanittis miidhaan sababa abidda kanaatin gahe qulqullaa'aa jiraachuus eeran.
Yaaddoo balaa abiddaa…
Akka Hoji-gaggeessaan paarkichaa jedhanitti paarkiin Biyyaaalessaa Gaarren Baalee ammallee yaaddoo balaa abiddaa uumamuu mala jedhu akka qabu himu.
"Sababa bona kanaatin horsiisee bulaan loon isaa qabatee gara bosonaatti godaana. Waan bilcheefatuufis abidda fayyadama. Kanaafuu bonni bara kana dheerachuun balaan abiddaa paarkii kanatti nisodaachisa. Yaaddoon akkasii ni jira," jedhan Obbo Shaamil.
ALI bara 2007 balaan abiddaa Paarkii kana keessatti mudate balaa abiddaa isa hamaa seenaa paarkichaa keessatti mudate ta'uus yaadachiisan.
"Bara 2007 balaa hamaatu paarkii keenyarra gahee ture. Qabeenya hedduutu manca'e. Ogeessi cimaan paarkii keenyaa kan ture Biiniyaam Admaasuu balaa sana too'achuutti lubbuunsaa bade. Suni balaa cimaa ture. Wanni bara kanaas sodaachisaadha," jedhan.
Haala jijjiirama qilleensaa bara kana jiruun walqabatees paarkichi caasaa mootummaa fi hawaasa naannoo waliin ta'uun balaa abiddaa uumamuu malu too'achuuf qophii taasisaa jiraachuus himan.

Madda suuraa, Getty Images
Waa'ee Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baalee maal beekna?
Paarkiin Biyyaalessaa gaarren Baalee kan hundaa'e bara 1962tti. Bal'inni lafaa paarkichi irratti argamu ammoo lafa hektaara kuma 200 fi kuma 15 dha.
Paarkichi aanaalee jaha keessatti gandoota 29 kan wal daangessu yoo ta'u, akka lakkoofsa faranjootaa 2009 galmee yeroo UNESCO irratti galmaa'e.
Akka hoji-gaggeessaan Paarkichaa Obbo Shaamil jedhanitti, hojiileen barbaachisoo tahan hojjetamaa waaan jiraniif bara 2022 kanatti ammoo galmee dhaabbii UNESCO irratti galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.
Paarkii kana keessattis lafti olka'aan Itoophiyaa keessaa sadarkaa lammaffaa qabu (meetira 4377), bineensota akka Jeedala Diimtuu kan Itoophiyaa keessatti qofa argamtu, gosa biqiltootaa fi bineensotaa hedduu, Pilaatoo Saannatee kan bal'ina walakkaa Paarkichaa qabu ofkeessaa qaba.
Laggeen 40 tahanis maddi isaanii Paarkii kana keessaayi. Paarkiin Biyyaalessa Gaarren Baalee kuni iddoo hawwata turizimii ijoo turistoota hedduudhaan daawwaatamu keessaayi.














