Tuutni Gadaa Karrayyuu sirna haxaarrii gaggeesse, gumaa morme

Madda suuraa, Lalisaa Barchoo
Tuutni Gadaa Karrayyuu ji'a sadii dura ajjeechaa miseensota Gadaa Michillee qaamolee nageenyaa mootummaan irratti raawwateen walqabatee sirna haxaarrii (qulqulleessuu) fi falannaa gaggeessuun adeemsa gumaa baasuu qaama mootummaan yaalamaa jiru fudhatama dhabsiisan.
Godina Shawaa Bahaa Fantaalleetti tuutni Gadaa Karrayyuu afran hafan Gadaa Meelbaa, Gadaa Birmajjii, Gadaa Halchiisaa fi Gadaa Roobalee bakka misoonsonni Gaadaa Michillee itti jilachaa turanii fi humnoota mootummaan irraa qabamanitti Sanbata Xiqqaarraa eegalee sirna falannaa gaggeessaa jiru.
Abbaa Bokkuu (Abbaa Duulaa) dabalatee miseensonni Gadaa Michillee jilarra turan 31 ta'an erga humnoota nageenyaa mootummaan butamanii achi keessaa ammoo 14 ajjeefamanii booda guyyaa dhibbaffaan isaas sirna maxxaarriifi falannaa kana waliin raawwatameera.
Dhalataan Karrayyuu sirna falannaa kana irratti qaamaan argaman Obbo Lalisaa Barchoo sirni falannaa (haxaarrii jedhamu) bakka ajjeechaan kun itti raawwate, bakka Abootiin Gadaa fi miseensonni Gadaa biroon jila itti gaggeessaa turanii irraa qabaman, bakka jalqaba irraa godaanan kan Bokkuu Magarsaa jedhamuufi bakka bokkuu itti biqilfatan kan mootommaa Kaarraa jedhamu qulqulleessuun (haxaarrii) raawwatamee jedhan.
''Yoo Gadaan kun hin qulqulloofne Gadaan Michillee boruus bakka jila itti qopheessuufi qubatu waan ta'eef hin qulqulloofne jedhamee amanama'' kan jedhan Obbo Lalisaan, ''Yaa waaqa hooda kana nutti hin deebisiin jedhee, waayee kana lammata hin dubbannu cufneerra jedhee qulqulleessa,'' jedhan.
Seenaa Gadaa Karrayyuu keessatti muudannoo mudatee hin beekne sun ammas deebi'ee akka hin raawwanne kadhannaanis Dilbata galgala halkan guutuu raawwatamaa bulee jedhan Obbo Lalisaan.
''Halkan guutuu kadhaatu ture. Ganama bariin ammoo Waaqatti kufuutu ture. Karaa aduun bahutti garagalee namni hunduu daa'imni, jaarsi, jaartiin osoo hin hafiin gara fuula Waaqaatti deebi'anii si'a torba hin kufu. Deebi'anii kara aduun lixxutti si'a torba kufan. Kana jechuun torban ulfinaa waan jedhamutu jira, kunis kan Gadaa keenya kanatti dhufe hooddanneerra, falanneerra nutti hin deebisin jechuuf.''
Sirna kana irratti Abbootiin Gadaa tuuta Gadaa Karrayyuu shananuu argamanii falataniiru jedhan.
Qaalluu Gadaa Karrayyuu akka ta'an kan himan Awee Qubbii Qaalluu adeemsa falannaa kana yoo himan, "erga dachiin haxaaramee booda halkan ibaadaa guddoorra bullee'' jedhan.
Kormi saddeet ta'u falannaa(kadhaa rabbiitiif) qalameera kan jedhan Aabba Aween, uummata hedduu yaa'ee kadhaan Rabbii ammallee itti fufa jiraa jechuun Wiixata ganama BBC'tti himan.

Madda suuraa, Lalisaa Barchoo
Sirna haxaarriifi falannaa kana cinaatti guyyaa dhibbaffaa miseensonni Gadaa Michillee itti ajjeefaman kan yaadatame yeroo ta'u, ''ajjeechaafi gaddi kun karrayyuu qofa osoo hin taane gadda Oromoo hundaa waan ta'eef waggaa waggaan Oromoon waliin akka yaadannu yaadachiifna'' jedha obbo Lalisaan.
''Guyyaa tuutni Abbooti Gadaa Gadaa Michillee Jumlaan itti ajjeefaman waan ta'eef ummatni Oromoon hunduu bara baraan yeroo yaadanno akka nu cinaa dhaabatu gaafanna.''
Dilbata kaleessaa bakka taateen sun itti raawwatetti yaadannoodhaaf bilqiltuun Odaa fi Ejersaa dhaabameera.
Gadaan Karrayyuu hin kufne... Abbaan Gadaa haaraan hin filatamne
Akka Gadaa Karrayyuutti Abbaan Gadaa kan naannichatti Abbaa Bokkuu jedhamuun yaamamu yoo du'e, miseensa maatii keessaa obbolessa ykn ilmi akka bakka bu'uun durumaa waan beekamuuf abbaan Gadaa eenyu akka ta'e ni beekama, filannoos hin barbaaduu jedhan Obbo Awee fi Obbo Lalisaan.
Sirna falannaa (haxaarrii) kana irrattis miseensota guutuu Gadaa Michillee dhumaniif yaadannoo fi hoodni amma qaqqabe akka hin deebine ibaadaa godhamuun alattii yaadni Gadaa michillee haaromsuu ykn filachuu adeemsifame jedhu sirrii mitii jedhan.

Madda suuraa, Lalisaa Barchoo
''Miseensi Gadaa maatiin isaanii ni jira. Wanti haaraan bakka buuftu hin jiru obboleessa isa du'eetu bakka bu'a. Obboleessi yoo Gadaa keessatti hin hirmaatiinillee itti dabalama. Yoo obboleessi hin jiraanne ilmatu bakka bu'a. Bakka biraatii Abbaan Gadaa ni filatama. Gadaa Karrayyuu keessatti garuu kaleessa Rabbiin filee nuuf kaaye. Warruma Abbaa Gadaa duraaniitu itti fufa,'' jedhan Obbo Awee Qubbii.
Obbo Lalisaniis akkuma Obbo Awee Gadaa Karrayyuu ''ajjeechaa sukkaneessaan qalbiin cabee gadde, malee Gadaan isaa hin kufne, hin diigamne,'' jedha.
''Gadaa Michillee keessatti mataa sirnichaatu dhume waan ta'eef yeroo ji'oota muraasa darbaniif sirni Gadaa gaggeeffamaa hin turre. Kana jechuun Gadaan ammaan booda kufteetti, Gadaa ammaan booda baddeetti eenyutu Gadaa kana gaggeessa kan jedhu yaaddoo namatti hin ta'u.''
Abbaan Gadaa Kadiiroo Hawaasa du'uus obboleessi isaa Gadaa Hawaasa Abbaa Gadaa ta'ee itti fufa kan jedhan Lalisaan, inni biyya ormaa waan jiruuf qaamaan dhufee yeroo Gadaa hafte hin gaggeessu yoo ta'e ilmi Kadiiroo umriin xiqqaa ta'uus Abbaa Gadaa(Abbaa Bokkuu) ta'ee nama Boruu Mi'eessoo jedhamuun gargaaraamaa itti fufaa jedhan.
'Abbaa Gadaa Ajjeesanii gumaan hin jiru'
Ajjeechaa miseensota Gadaa Michillee raawwatameen walqabatee ragaaleen hedduun aanga'ootni mootumaa sadaarkaa adda addaarra jiran hirmaataniiru jedhu bahaa kan jiru ta'us, mootummaan naannoo Oromiyaa hanga ammaa poolisoonni lama to'annoo jala ooluu ibseera.
Dabalataan jaarsolii biyyaa Karrayyuu irraa akka iyyaafannetti ammoo mootummaan dubbiin ajjeechaa kun karaa sirna gumaa akka raawwatamee furmaata argatu tattaafachaa jira.
Obbo Awee Qubbii ''Abbaa Gadaa, qaalluu, bokkuu ajjeesanii gumaa wanti jedhu hin jiruu'' jedhanii, ''akka aadaatti wanti ta'uu danda'u sirna araaraa waggaa waggaan raawwatamu irra jiraatu ta'uus, [qaamni ajjeechaa kana nurratti] raawwate kun kana hin beeku. Yeroo sirna kana nu wajjin dalagu hin qabu, nuttillee hin barbaannu,'' jedhan.
Jaarsoliin biyyaa filatamanii adeemsa gumaan keessattii hirmaachaa jiran irraa odeeffannoo argataniin doorsisaan sirni gumaa kun akka raawwatamu dhiibbaan godhamaa akka jirullee dubbatan. Kunis yakka dabalataa ta'uu komatan.
Obbo Lalisaanis gama isaaniin yaaliiwwan hedduun maallaqa hanga ta'e gara heerrega baankii miseensota maatiin jalaa ajjefamee erguu dhimmicha xumuruuf yaalamaa jiraaachuu dubbatu.
Qaamonni barbaadaman ajjeechaa kana raawwataniifi raawwachiisan seeratti hin dhiyaannee kan jedhu namni kun, ''dhimmi Abbootii Gadaa deebi'ee ajandaa akka hin taane dhugaa Abootii Gadaa, dhugaa Karrayyuudhaa, dhugaa Oromoo maallaqaan dhoksuuf yaalaa jiru,'' jedhan.














