UN mormii wayita ibsutti Puutiin 'Qoqqobbii dabaltanii dubbii hin hammeessinaa' jedhan

Madda suuraa, Rossiya 24 News Channel
Jaarmiyaaleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sagalee tokkoon gocha Raashiyaa yoo balaaleffatan pireezidant Puutiin ''Qoqqobbii dabaltanii dubbii hin hammeessinaa'' jechuun akeekkachisan.
Pireezidant Putiin biyyoota tarkaanfii biyya isaanii mormaa jiraniin ''qoqqobbii dabalataa kaahuun haalicha hin harbeessinaa'' jedhan.
Putiin kana kan dubbatani walgahii mootummaan isaanii gaggeessuufi miidiyaan mootummaan bulu Rossiya 24 news tamsaase irratti.
''Nuti olloota keenya irratti fedha hamaa adda ta'e hin qabnu'' jedhan Putiin.
Itti dabaluunis ''ollootni keenya nurratti tarkaanfii dabalataa akka fudhatanii hariiroo keenya hammeessaan taasisu hin jiru'' jedhan.
''Hariiroo kana akkamiin nagaatti akka deebisnu irratti hunduu yaaduu qaba jedheen yaada, nagaan wal-tumsinee hariiroo keenya nagaan jabeessuu.''
Putiin dubbii kana kan dubatan wayita humnootni isaanii Yukireen keessatti buufata niikuleera guddicha Awurooppaa keessa jiru to'achuun gabaafamee addunyaan mormii cimsettidha.
Ministiroonni biyyoota Lixaas Biraaselsitti al-arguun haala Raashiyaa irratti dhiibbaa cimsan irratti mariitti jiru.
Putiin dubbii isaanii kan keessatti akkuma amma dura jedhanii turan opireeshiniin waraanaa Yukireen keessatti raawwachaa jiran 'gochaalee Federeeshinii Raashiyaa miidhan dhabamsiisuufi'' jedhan.
Biyyootni isaan waliin deeggarsa hin goone ofis Raashiyaas miidhuuf ta'uu jedhan Putiin.
Miidhaan jiraatullee biyyi isaanii tarsiimoofi gahumsa dhiibbaawwan irra gahaniifi itti aggaamaman keessa ishee dabarsu diriirsaa akka jirtu ibsaniiru.
''Kanarraa(qoqqobbii) nutu buufata'' jedhan.
Kun kanaan osoo jiruu Manni Maree Mirga Namoomaa UN's har'a yaada murtee weerara Raashiyaa balaaleffatu sagalee caalmaan raggaasee komishinii addaa yakka waraanaa fi yakka namoomaa humnoota Raashiyaan raawwataman qoratu hundeesseera.
Ibsa waloo kana baasuu kana keessatti biyyootni hedduun sagalee deeggarsaa kennanii, gariin callisa yoo filatan kan mormite Eertiraa qofadha.
Manni Maree kun komishinii yakka qoratu isa olaanaa kan ajaju yeroo amma dura Siiriyaatti fi Itoophiyaa irratti komishinii qorannoo gaggeessu hundeesseera.
Ibsa waloo balaaleffannafi hundeeffama komishinii kanaaf biyyoota miseensa mana marichaa ta'an 46 keessaa 32 sagalee deeggarsaa yoo kennan, 13 ammoo callisa filataniiru. Biyyootni lama mormaniiru.
Dhimmoota hedduurratti Raashiyaa kan deeggaran Chaayinaa, Kuubaa fi Veenziweelaan amma callisa filataniiru. Sagaleen mormii lamaan tokko kan Eertiraa tokko ammoo kan Raashiyaa mataa isheeti.
Yaada murtee mana maree kanaa UN'f kan dhiyeessite Yukireen murtee darbeen booda addunyaan faallaa Raashiyaa dhaabachuu agarsiisa jetteetti.
UN'tti ambaasaaddarri Yukireen ''addunyaa guutuun faallaa keessan dhaabate'' jechuun gammachuu ibsatan.
Yevheniia Filipenko miidiyaaleetti yoo dubbatan ''Ergaan Putiiniif darbe ifadha: Sadarkaa addunyaatti qollifatamteetta, addunyaa guutuun faallaa keeti,'' jedhan.















